Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
US fi Raashiyaan dhimma waraana Yukireen irratti yeroo gabaabaf waliin mariyatan
Minisiteerri waraanaa US fi Raashiyaa dhimma waraana Yukireen irratti yeroo gabaabaf karaa bilbilaa waliin haasa'uun ibsame.
Erga Raashiyaan Yukireen weerartee as qondaaltonni olaanoon biyyoota lamaanii waliin dubbachuun kun isa jalqabaatis jedhame. Ministeera Ittisaa US kan ta'an Liyood Ostinii fi kan Raashiyaa Sagee Shoyiguu Jimaata gaafa Onkoloolessa 20 waliin mariyachuu isaanii biyyoonni lamaanuu mirkaneessaniiru.
Dhimma waraana Yukireen keessatti gaggeeffamaa jiruu irratti mariyachuu isaanii ministeerri ittisaa biyyoota lamaanuu mirkaneessaniiru.
Erga qondaalonni waraanaa lamaan Jimaata karaa bilbilaa waliin dubbatanii booda US "waliin haasan kun akka itti fufu fedhii agarsiifte" jechuun odu himaa Pentagon kan ta'an Birgaader Jeneraal Paat Raayidar BBCtti himan. "Qondaaltonni lamaan erga ji'a Caamsatii deebi'anii waliin hin dubbanne, Ostin Ministeera Ittisaa Raashiyaa Shooyigu waliin carraa har'a wal arguutti fayyadamaniiru," jedhan. Ministeerri Ittisaa Raashiyaa gama isaatin, "gaaffin nageenyaa addunyaa yeroo kanaa irratti mariyatameera, haala Yukireen keessa jiru dabalatee jechuudha" jedhe. Ji'a Caamsaa keessaa yeroo wal-argan Liyood Ostin hatattamaan waraanni akka dhaabatuuf gaafatanii turan- amma gaaffin garuu haasaa ammaa taasisan keessatti hin eeramne.
Mariin kun pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmir Puutin Yukireen keessatti nikulara fayyadamuu danda'u yaada jedhuu fi pirezidant Baayidan Raashiyaan tarkaanfii akkasii fudhatti yoo ta'e akeekkachiisuu hordofeeti.
Qondaaltonni US fi UK garuu carraan Puutin nikulara fayyadamuu xiqqaa akka ta'etti amanu.
Erga Raashiyaan Yukireen weerartee kaasee walitti dhufeenyi biyyoota lamaan gidduu jiru hammaataa dhufeera. Walakeessaa bara 2021 tti gaggeessitoonni biyyoota lamaanii wal arganii ture, yeroo sana walitti dhufeenyi isaanii gara gaariti ceha jedhamee jajamaa ture. WaraanniYukireen akkuma eegaleen walitti dhufeenyi kun danqame. Waraanni osoo hin eegalin ji'oota muraasa dura Puutin fi Baayidan karaa toora bilbilaa si'a heddu wal arganii turan. Raashiyaan gochaa isheerra akka of qusattuufis Baayidan akekkachiisaa turan. Erga Raashiyaan Yukireen weerartee as garuu Baayidanii fi Puutin gidduutti waliin dubbiin taasifame hin jiru.
Gaggeessitoonni biyyoota lamaanuu walgahii biyyoota G20 ji'a itti aanu Indooneeshiyaatti gaggeeffamu irratti ni argamu jedhamee eegama. Weerara Raashiyaan Yukireen irratti gaggeessiteef US deeggarsa garaa garaa Yukireenif dhiyeessun Raashiyaa irra ammoo qoqqobbii gosa garaa garaa keesse. Raashiyaan bakkeewwan Yukireen irraa fudhattetti seera waraanaa (martial law) labsuu horfdofee jalqaba torban kanaa Baaayidan lammiilee Yukifreen humnaan harka kennachiisuf kana goote jechuun komatan.