Magaalota Tarkii kirkira lafaan miidhaman lama keessatti lolaan namoota 14 ajjeese

Balaa lolaa Tarkii

Madda suuraa, ESBER AYAYDIN/ANADOLU AGENCY VIA GETTY IMAGES

Maxxanfame

Kibba-baha Tarkiitti, magaalota lama ji’a darbe kirkira lafaan miidhamanii turan keessatti rooba cimaa booda lolaan dhufe lubbuu namoota 14 galaafatee, namootni hedduun ammoo achi buuteen isaanii dhabameera.

Namoota lolaan kanaan lubbuun isaanii darbe keessaa gariin isaani, namoota kirkira lafaa irraa lubbuun oolanii manneen konteenaraa keessa jiraachaa turan ni argamu.

Daandii magaalaa Sanliwurfaa irratti lolaan akka daandiilee rukuteen konkolaattonni kukkufaniiru. Magaalaa kana keessatti namootni 12 lubbuun isaanii darbeera.

Adiyamaan keessatti manni yeroofii ykn konteenara irraa qophaa’ee, maatiin lama keessa jiraachaa ture lolaan miidhameera.

Dubartiin mannicha keessa jiraachaa turte, namoota lamaan magaalicha keessatti lubbuun isaani darbe keessa tokkodha.

Namootni hedduun biroo achi buuteen isaanii dhabamuu gabaafameera. Dunkanootni yeroof magaalatti keessatti tolfamanii turan keessaa namootni akka ba’an taasifameera.

Balaa lolaa Tarkii

Madda suuraa, OMER YASIN ERGIN/ANADOLU AGENCY/GETTY

Balaan lolaa kun kan dhufe, Guraandhala 6 irratti kirkirraa lafaa lama lubbuu namoota 48,000 galaafatee, namoota heedduu ammoo mana jireenyaa malee daandirratti hambisee, torban shan qofa boodadha.

Dhaabbati lubbuu baraarsa Afad akka jedhutti, sa’aatii 24 keessatti, bulchiinsa Adiyaman keessa bakka jiru tokkotti bokkaan mm136 kan roobe yoo ta’u, Sanliwurfaa keessatti ammoo guyyaa lamaan darbaniif roobni waqtii eegee roobe mm111 kan ta’udha.

Bulchaan Sanliwurfaa, Salii Ayhaan, bulchiinsi isaa lolaa akkanaa argee akka hin beeknee himuun, angaa’otni jiraattonni mana jireenyaa isaanii keessa kutaalee lafa jalaa fi lafarra jiran keessa akka ba’aniif gaafataniiru jedheera.

Reeffii namoota shanii mana appaartimantii lafa jalaa keessa kan argame yoo ta’u, miidiyaaleen Tarkii namootni kun lammilee Siiriyaa turani jechuun gabaaseera.

Dabalataaniis reeffi namootaa daandii riqichaa Abidee isa ijoo jalattis argamaniiru.

Namootni hedduun lolaan kanaan fudhataman, kanneen konkolaataa isaanii waliin daandirraa utuu jiraanii fi kanneen utuu namoota danqamanii jiran gargaaruuf yaalaniis ofiin fudhatamanidha.

Namoota achi buuten isaanii dhabame keessaa lama hojjetoota ittisa balaa ibiddaa, jiraattonni bishaan lola’aa jirurraa akka fagataniif gaaffachaa turan ta’uu, bulchaan dubbataniiru. Dabalataanis hospitaalaa tokko keessa lolaan seenuun, dhukkubsattoonni 200 ta’an bakka biraatti geeffamaniiru.

Roobni kun dhuma torban kanaatti ni hir’isa jedhame eegama.

Pirezdaantiin Tarkii Recep Tayiip Erdogaan, filannoo Caamsaa 14 irratti dhufuuf kan qophaa’aa jiru yoo ta’u, naannoolee balaa lolaan miidhaman kanatti, ministeera biyya keessaa Suleeman Soyluu ergeera.

Angaa’otni ijoo paartii mormituu Sanliwurfaa dhiyootti daawwachuuf kan jiran yoo ta’u, jiraattota naannichaaf gargaarsa barbaachisa hatattamaan taasisuuf waadaa seenaniiru.