Sababa balaa kirkira lafaa Tarkiin namotni 600 to'atamuun qoratamaa jiru

Madda suuraa, Getty Images
Tarkiitti namootni 600 tahan sababa gamoo kirkira lafaa mudateen jigee lubbuu hedduu galaafataeen wal qabatee to’atamuun qoratamaa jiraachuu mootummaan hime.
Balaan kirkira lafaa kun Guraandhala 6 bara 2023 mudate.
Sanbata kaleessaa Ministeerri Haqaa, Beekir Boozdaag, kontiraakteroota ijaarsaa fi abbootii qabeenyaa gamoowwanii dabalatee namootni 184 qoratamaa jiraachuu himaniiru.
Waggoota hedduuf ogeessotni sababa malaammaltummaa fi imaammata mootummaa biyyicha keessa jiruun gamoowwan baay’een akka wabii nageenyaa hin qabne ykn balaaf saaxilamoo tahan himaa turan.
Balaa kirkira lafaa bara kana Tarkii fi Sooroyaatti dhaqqabeen lakkoofsi namoota du’uun isaanii mirkanaa’ee 50,000 gaheera.
Mr Bozdag bakka kirkirri lafaa mudate Kibba Baha Tarkii irraa ibsa kan kennan yoo tahu, naannichatti kirkirri lafaa maagnitiyuudii 7.8 tahe akka mudateen sa’a muraasa booda ammoo kan biraa itti fufe.
Ibsi isaan kennan hammam qorannichi babal’achuun gaggeefamaa akka jiru akeeka.
Torban lamaan darbe mootummaan ajajni adabbii namoota 113 irratti bahu ibsee ture.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Isaan to’annoo jala oolfaman keessaa tokko kantiibaa magaala tokkoo yoo tahan,
Naannoo magaalaa isaanii kirkirri kun miidhuu miidiyaaleen Tarkii gabaasaniiru.
Kirkira lafaa bara kana mudateen gamoowwan 160,000 tahan guutummaan manca’aniiru ykn miidhaa guddaan irraan gaheera.
Gaaffiin jiru balaan uumamaa kun dogogora hojii dhala namaan inumaa akka hammaatu tahaa jiraa laata kan jedhudha.
Paartileen mormituu fi ogeessonni konistiraakshinii biyyattii keessaa pirezidaanti Erdoohaan imaammata ijaarsa gamoowwanii hojiirra oolchuu dadhabe jechuun qeequ.
Imaammanni mootummaa ijaarsa gamoowwanii jajjabeessuuf jecha dhaabbilee ijaarsaaf dhiifamaan darbaa tureera. Kun naannoo balaa kirkira lafaaf saaxilamoo taate keessatti dabalatee jedhan.
Mr Erdohaan hanqinni jiraachuu amanuun, balaa hamma kana gahu dhaqabuuf garuu carraama biyyattii mudate akka tahe himan.
‘’Waan akkasii ni mudatu, Kun qaama karoora galma keenyaati,’’ jedhan.
Filannoon biyyattii dhiyaachaa jiru bulchiinsa Erdohaan wagga 20 gaaffii keessa buusuu mala.















