Ameerikaafi Filiippiins leenjii waraanaa Chaayinaan booda shaakala eegalan

Maxxanfame

Ameerikaa fi Filiippiins Chaayinaan leenjii guyyaa sadii naannawaa Taayiwaaniitti gaggeessaa turte xumuruun guyyaa tokkoon booda, shaakala waraanaa waloo isa guddaa eegalan.

Chaayinaan dureen Taayiwaan af-yaa'ii Mana Maree Ameerikaa waliin wal arguu hordofee haala Taayiwaan danqeen shaakallii guyyaa sadii gaggeessite.

Ameerikaa Beejiingii akka of qusattuuf waamicha taasifte turte. Haata'u malee, Pirezidantiin Taayiwaan Tsa'i Ing-wen Wiixata darbe gochaan Chaayinaa kun kan itti gaafatamummaan hin qabnedha jedhan.

Shaakalli Ameerikaa kunis kan duraan karoorfamedha.

Ameerikaafi Filippiins lamaanuu shaakkalliin isaanii waggaa (Baalikatan) isa guddicha akka ta'u baatii darbe keessa himanii ture. Kunis erga Ameerikaan jalqaba bara kanaatti waliigaltee waraanaa haaraa biyyattii waliin taasiftee booda kan dhufeedha.

Shaakalli Balikatan ykn shaakala waraanaa ''saggoo fi saggootti'' ( "shoulder-to-shoulder")n irra deebii waraana waloo 38ffaati.

Shaakala waraanaa kanarrattis looltoota 12,000 US fi kan Filippiin 5,400 dabalatee looltoonni gara kuma 17,600 irratti qooda fudhatu. Kunis dachaa kan bara 2022 mul'ateeti jedhameera.

Guyyaa Kamisaa loltoonni shaakala farra taankii kaaba magaalaa guddoo Filippiinis Maanilaatti misaa'eela jaha ni dhukaasu.

Gabaasaaleen akka jedhaniitti, shaakalichi Galaana Kaaba Chaayinaa fi Qarqara Taayiwaaniitti bidiruuwwan dhidhimsuus ni dabalata jedhameera.

Akkasumas humni galaanaa Awustiraaliyaa 100 ol shaakala hanga Ebla 28tti gaggeeffamu keessatti qooda ni fudhatu. Qondaaltoonni waraanaa biyyoota 12 irraa ammoo akka taajjabdootaatti keessatti hirmaatu.

Guraandhala keessa, Ameerikaan odooloota Filippiin irratti eddoowwan humni galaanaa bu'uurreeffatu afur hundeessuuf waliigaltee mallatteessuu dandeessee jirti.

Kanneen keessaa sadan isaanii kaaba odola Luzon Taa'ipee irraa balaliinsa sa'aatii lamaa irratti argamu.