Taatoo beekamtuun balaa namarraan gahuun himatamte beenyaa $1 argattee bilisa jedhamte

Madda suuraa, EPA
Guweenet Paaltirawu jedhamti. Hollywood keessatti taatoo (actress) baayyee beekamtuufi badhaasa guddaa argatteedha.
Dubartiin kun bara 2016 kutaa bulchiinsa Ameerikaa Utaah rizoortii tokko keessatti cabbiira osoo sigigaattuu meeshaa ittiin cabbiirra sigiigaataniin namatti buute miidhaa guddaa jireenya namaa balaaf saaxiluuf yaalteetti jedhamuun himata irratti banamerraa bilisa baate.
Manni-murtii himata namni Teerii Saandersaan jedhamu umuriin isaa 76 irratti banerraa bilisa gochuun alatti beenyaa $1 akka argattus murteesseera.
Beenyaa dolaara tokkoon alatti ammoo baasii hordoffii mana-murtii kanaaf baastes akka kaffalamuuf murteesseera.
Ogeessi wallaansa ijaa soorama baheeru Teerii Saandersaan Aadde Paaltirawu meeshaa ittiin cabbiirra sigigaatan natti buustee miidhaa hamaaf saaxilteetti jedhe.
Mr Saandarsan, himata isaatiin miidhaa anarra gaheera jedheef beenyaa $300,000 akka isaaf kaffalamuuf gaafatee ture.
Haata'u malee, murtii Kamisa kennameen, "baayyee nama gaddisiisa" jechuun dubbateera.
Manni-murtii dubartiii umuriin ishee ganna 50 taate Aadde Paaltirawuuf haqa deebisuun balaa konkolaata mudateef Mr. Saandarsiin itti gaafatamaa taasiseera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kaanaaf, ammoo beenyaa $1 fi baasii dhimma seeraaf isheen baaste akka kaffaluuf murteesseera.
Murtii dhaddacha irratti dubbifamaa ture cal jettee dhaggeeffachaa kan turte Aadde Paaltirawu, kallattiidhumaan gara waltajjii abbootii murii ilaalaa xiqqoo xiqqodhuma mataa raasaa mullatti turte. Akkuma dhadachi goolabameenis ni baate.
Akkuma baateenis Mr. Saandersan waliin dubbachuuf yeroo gabaaduuf dhabbatte.
Inni ammoo booda : "Akka fayyitun siif hawwa" naan jettee animmaa, "kabajamtuu koo galamii" jedheen deebiseef jedhe.
Badhaafamtuu Oscar kan taate Aadde Paaltirawu hordoftoota Instagram miliyoona 8.3 qabuuf ergaa barreessiteen akkas jette: "himanni sobaan narratti dhiyaate kun kabajan qabu na jalaa miidheera."
Murtii darbe irratti gammachuu akka qabdu himuun mana-murtiifi abbootii seeraa saddeti dhimma kana "dhimma kana of eeggannoo addaa isaan ittiin qabataniif" dinqisiifatteetti.
Garee abbootii seeraa kana Mr. Saandarsan guutummaatti balaa qaqqabeef dogoggora kan uume isa akka ta'eefi Aadde Paaltirawuuf ammoo beenyaan dolaarri tokkoofi baasiin ishee dhimma seeraaf baaste akka kafalamuuf murteessuuf saatii sadii isaanitti fudhate.
Mana-murtiin alatti abokaatoon taatoo kanaa Istiiv Owens akks jedhe: Aadde Paaltirawu "waan sirriifi dhugaadha jettee amanteef falmuurraa dubartii duubatti hin deebinedha."
"Haalli ammaa kunis kanarraa adda miti waan ta'eef gama dhugaa dhaabbattee falmuu ishee ittuma fufti."
Himataan ykn Mr. Saandarsaan ammoo gama isaatiin daandii irratti kan rukkutame anadha. "Garuu Aadee Paaltirawu mana-murtiitti humni beekamtii qabduu ishee gargaareera.
"Nama beekamaa ta'uu keetiif fudhatamni qabaatti ni jira," jedhe.












