Atileetiin Keeniyaa Deevid Ruudishaan balaa xayyaaraa irraa hafe

Deevid Ruudishaa
Maxxanfame

Atileetii beekamaan Keeniyaa Deevid Ruudishaan balaa xayyaaraa isa mudate irraa hafe.

Fiigicha meetira 800n abbaa rikardii addunyaa kan ta'e Deevid Ruudishaan Sanbata darbe galgala xayyaarri inni ittiin deemu kufee caccabus lubbuun hafuu miidiyaa biyya keessatti hime.

Xayyaarri kufee caccabe kun Deevid Ruudishaan alatti namoota biroo shan feetee kan turte yoo ta'u kibba baha Keeniyaa bulchiinsa Kajiyaadoo keessatti kufuutu gabaafame.

"Xayyaarri lafaa ka'ee daqiiqaa torba ykn saddeet hanga balali'utti waanti hunduu nagaa ture. Tasa motorri xayyaarichaa hojjachuu dhaabe," jechuun Ruudishaan gaazexaa Daily Nation tti hime.

Yeroo balaan sun mudatu xayyaarichi lafa dhaagaa qabu keessatti kan kufe yoo ta'u baay'ee sodaachisaa akka ta'e dubbate Ruudishaan.

Suurri xayyaara kufee caccabee akka agarsiisutti xayyarichi garagalee mul'ata. Namoota wajjin turan keessaa tokko hospitaalatti yaalamaa kan jiru yoo ta'an warri kaan miidhamni xiqqaan irra gahee turee hospitaala seenan yaala argatanii bahaniiru.

Deevid Ruudishaan garuu miidhama malee oolera. Balaan kan isa mudate yeroo bulchiinsa Kajiyaadotti gaggeeffamaa kan ture sagantaa Olompikii Maasaayi irratti hirmaatee osoo deebi'aa jiruuyi. Ruudishaan bara 2012 Olopikii Ladanitti gaggeeffame irratti fiigicha meetira 800n gahuumsa cimaa agarsiisen abbaa rikardii ta'ee jira.

Amma garuu fiigicha irraa soorama kan bahe yoo ta'u leenjisaa ta'uuf karoora qaba jedhame.-

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

Xumura maxxansa X