Yuukireen magaalaa Baakmuut keessatti mo'amtee?

Loltoota Yukireen qarqara magaalaa Baakmut

Madda suuraa, AFP/Getty Images

Maxxanfame

Dursaan garee waraanaa Wagner Raashiyaa ji’a Waxabajjii 1tti magaalaa Baakmut to’achuun harka Raashiyaatti dabarseen kenna jechuun dhaadate.

Hundeessaan garee Waagner Yevgenii Pirigozhiin, Sanbata darbe Baakmuut qabadhe jedhee ture. Garuu Kiyiiv ammayyuu gartokkoo isaa qabattee jirti.

Yuukireen loltootni ishee qarqara Baakmuuti irraan ammayyuu iddoo gadhiiisisaa jiraachuu himte.

Haa tahu malee, dursaan Wagner Kamisa dhufu magaalaa Baakmut Raashiyaatti dabarsee kennuu akka jalqabu hime.

"Wagner Caamsaa 25 jalqabee hanga Waxabajji 1 bara 2023tti Artemovsk gadhiisee baha,’’ jedhan dursaan garichaa sagalee Telegiraam irratti waraabamee baheen.

Baakmuut duraan yeroo Raashiyaan qaama Sooviyeet turte sana maqaa Artemoviski jedhamuun waamamti ture. Sana booda Yuukireen maqicha jijjiirte.

Yeroo wal harkaa fuudhinsi gaggeeffamutti Wagner karaa Lixa magaalittii ittisa cimaa dhaabeera jedhan.

Itti aantuun Ministeera Ittisaa Yuukireen Hanna Maljar, humni isaanii qarqara magaalaan itti seenaa jiraachuu himuun,’’xiqqoo magaala keessa miilla galfataniiru,’’ jedhan.

Garuu saffisni sochii isaanii hir’achuu himaniiru.

Booda Teelegiraam irratti akka barreessiteen humnootni Yuukireen magaalaa Baakmuut keessaa ammayyuu dhaabbilee dhuunfaa fi buufataalee dhuunfaa naannoo Litaak jedhamu qabatanii jiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Xiinxaltootni akka jedhanitti Baakmuut qabachuun Mooskoof faayidaa waraanaa guddaa hin qabaatu garuu waraana yeroo dheeraa booda yoo qabatan akka injifannoo jabaatti ilaalti.

Wagneer ji’ootaaf loltoota isaa magaalittii galchuun tureera. Humna namaa hedduu aarsaa guddaa kaffalchiise osoo abdii hin kutatiin erguun isaanii ittisa Kiyeev waan cabse fakkaata.

Pirezidaantiin Yuukireen Volomdir Zeleniskii Dilbata darbe yaa’ii G7 irratti yoo dubbatan Baakmut loltoota Raashiyaan hin qabamne jedhan.

Vilaadmir Puutiin injifannoo Wagner Baakmut keessatti arganne jedheef ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.

Loltootni garichaa viidiyoo magaalichaa qabachuu himu maxxansanii ture.

Jalqaba ji’a kanaatti Ameerikaan loltootni Raashiyaa 20,000 tahan adda waraanaa Baakmut irratti ajjeefamanii, 80,000 kan tahan madaa’aniiru jette.

BBC’n qaama walaba tahe irraa dhugaa tahuu adda hin baafanne.

Waraanaan dura Baakmut keessa uummanni 70,000 tahu jiraata ture.

Ergasii garuu namoota lakkoofsaan xiqqaatu magaalicha keessatti hafe. Baakmut oomisha ashaboo, giipsamii fi wayiniin beekamti ture.

Ameerikaa fi michoonni ishee Yuukireeniif xiyyaara waraanaa F-16 kennuuf jedhu. Kaan ammoo leenjisaa balalii loltoota Yuukireeniif kennuuf waadaa galaniiru.