Raashiyaan magaala Baakmut guutummaatti qabachuu labsite, Yukreen dhara jette

Loltoota Yukireen

Madda suuraa, EPA

Maxxanfame

Gareen Waagnar magaala Baakmut kan guyyaa 260 oliif Yukireen waliin irratti wal-hadhaa turan guutummaatti to'achuu labse. Pirezidaantin Raashiyaa Vilaadmir Puutin 'baga gammaddan' jechuun garee Waagnar jajan.

Kampaanii waraana dhuunfaa Waagnar jedhamu kan hundeessefi hogganu Yevgeenii Pirigoozhin fuula miidiyaa hawaasaarratti loltoota isaa waliin dhaabatee magaalli Yukireen Baakmut guutummaatti harka isaa jala galuu osoo dubbatuu viidiyoon agarsiisa.

Yukireen garuu kun dhara, ammayyuu falmataan jira jechuun ibsite. Ittaanan Ministeera Ittisaa isa Raashiyaan mo'adheera jette soba ta'uu ibsuun, garuu haalli magaala Baakmut keessa ture 'rakkisaa' ta'uu eeran.

Raashiyaan naannolee Yukireen biroo to'achuuf dursa magaala Baakmut to'achuun murteessadha jechuun magaalattii irratti waraana kan bante ji'a Hagayyaa keessa ture.

Raashiyaan magaalattii qabachuuf loltota garee dhuunfaa Waagnar kan bobbaaste. Magaala kana to'achuuf gareen Waagnar loltoota kumaatamaan lakkaa'aman aarsaa godheera. Yukireenis akkasuma magaalattii ittisuuf jecha gatii guddaa itti baaste.

Miidiyaan Raashiyaa akka gabaasanitti loltoonni garee Waagnar jeettiwwan waraanaa Raashiyan deeggaramuun Caamsaa 20 magaala Baakmut to'atan.

Yevgeenii Pirigoozhin loltota isaa wajjin

Madda suuraa, TELEGRAM

Gaggeessaa garee Yevgeenii Pirigoozhin michuu pirezidaant Puutin yoo ta'u loltoota kumaatama gara Baakmutitti erguun lolchiisaa ture. Torbanoota darbe keessa jeneraalota waraanaa Raashiyaa qeequn meeshaa waraanaa hin dhiyeessan yoo ta'e magaala Baakmut keessaa akka bahu beeksisee ture.

Baay'ee osoo hin turin ammoo humni waraana Raashiyaa amma barbaade akka dhiyeessuf himuun lola Baakmut to'achuu akka itti fufu beeksise Yevgeenii Pirigoozhin.

Haa ta'u garuu yeroo inni viidiyoodhan bahee magaalattii Yukiren irraa fudhanneera jedhee dubbatu sagaalee dhukaasaa ni dhagahama ture.

Ittaanan Ministeera Ittisaa Yukireen fuula Telegiraama isaanirratti, "Baakmut keessatti lola cimaatu deemaa jira. Haalli jiru rakkisaadha.

"Ammatti loltoonni keenya bakkeewwan industiriifi bakkeewwan muraasa qabatanii jiru" jedhan.

Qondaaltonni waraanaa biyyoota lixaa akka jedhanitti waraana Baakmut to'achuuf taasifame kanaan Raashiyaan loltoota 20,000 hanga 30,000 dhabdeetti. Yukireenis akkasuma loltoota heddu dhabdeetti.

Magaalattii keessa namoonni nagaan guutummaan hin jiran. Gaamoon dhaabatus qabeenyi kamiyyuu barbadaa'era.

Yeroo Raashiyaan magaalattii to'achuu beeksiftutti pirezidaantin Yukreen Volodmiir Zeleniskiin walgahii biyyoota G7 Jaappanitti gaggeeffamaa jirurratti affeeramuun argamaniiru.

Biyyoonni dureeyyin G7 qoqqoobbii dabalataa Raashiyaarra kaa'uf akkasumas xayyaara waraanaa F-16 Yukireenif kennuuf US irraa hayyama argataniiru.

Yukireen xayyaara waraanaa ammayyaa kana US yeroo dheeraf kadhataa turte.