Edii Inketiyaa waggaa shaniif Arsenaal turuuf waliigale 

Edii Inketiyaa  Arsenaaliif waggaa shaniif mallatteesse

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Tappahataa Arsenaal kan ta’e Edii Inketiyaan Arsenaal wajjin turuuf walii galtee haaraa waggaa shanii mallatteessuf waliigale jedhame.

Tapahataan sarara duraa umuriin isaa ganna 23 ta'e kun waliigalteen isaa dhuma ji’a kanaa raawwata.

Ediin erga bara 2017 tii tapha 92 irratti hirmaatee galchiiwwan 23 lakkoofsiseera.

"Eddin nu waliin turuuf walii galuu isaatti baay’en gammada,” jedhe leenjisaan Arsenaal Maayikil Arteettan.

"Inni eenyummaa kilaba keenyaa bakka bu’a.

"Nu wajjin itti fufuudhaf waliigaltee isaa dheeressuuf murteessuu isaatti gammanneerra, amma cimnee hojjannee dandeettii isa keessa jiru guddisuun itti fayyadamuu qabna,” jedha Arteettan.

Ediin Inkeetiyaa, kanaan dura lakkoofsa 30 uffachaa kan ture yoo a’u bara taphaa itti aanutti ammoo lakkoofsa 14 uffata jedhamee eegama.

Daragaggoota Inglaand waggaa 21 gadii keessatti tapaha 17 irratti hirmaatee galchii 16 galchuun galchii olaanaa nama galcheedha. Tapha Shaampiyoonaa Awurooppaa Umurii 21 Gadii kan bara 2021 irrattis dursaa garee ta’ee hirmaatee ture.

Daayireektarri dhimma teknikaa Arsenaal Edu ammoo, “Hundeen garee kanaa taphattoota dargaggoo dandeettii qaban irratti hundaa’a, keessumattuu warra Akadamii keenya keessa bahan” jechuun ibse.

"Edii kilaba biraatu gadi lakkise, inni garuu yeroo hundumaa duree ta’uudhaf dandeetti fi fedhii akka qabu agarsiisaa ture.

"Walii galtee haaraa mallatteesun isaa ammoo tapha bara dhufuutif garee cimaa ijaarree akka qophoofnuf nu gargaara,” jedha daayireektarri kun.