Qubattoonni Israa'el waraana dawoo godhachuun lafa Filisxeem dhaalaa jiraachuu qorannoon saaxile

Gandi warra Filisxeem Battir jedhamtu dachee daagaa uumamaan bareeddee fi iddoo misooma jallisii ta'uun waggootaaf tajaajilaa turtedha.
Bishaan uumamaa bu'aa bayii lafa naannawa kanaa keessaa burqu misooma jallisiif ga'aadha.
Kanaaf iddoon kun jireenyaaf baayyee mijattuudha jedhamti. Jiruun qabbana qabu amma daafoo waraanaan gubateera.
Hambaa addunyaa ta'uun Unesco irratti galmooftee kan jirtu bakki kun, gosoota biqiltuu sulula handaara galaana Meediteraaniyaanii keessatti beekaman- olive grove jedhamanii fi oomisha firii wayiniin beekamti.
Garuu yeroo ammaa bakki kun xiyyeeffannaa Israa'eloota Wes Bank qubatanii taateetti.
Israa'el warri Yahuudaa bakka kana akka qubatan eeyyama kenniteetti, manneen qubattootaa ijaaruuf ammoo lafa nama dhuunfaa harkaa fuuteetti.
Inumaa naannawa kanatti buufati waraanaallee dhaabbateera, garii aanga'oonni Israa'eliyyuu quba hin qaban.
Gassaan Oliyaan namoota qabeenyisaanii humnaan irraa fudhatame keessaati.
''Waan mul'atasaanii ta'e asitti hundeeffachuuf jedhanii lafa keenya nu saamaa jiru,'' jedhe.
Karoorri qubattoota Israa'el kun Unesco yaaddeesseera. Qubsumni Israa'el hundinuu faallaa seera idiladdunyaati, Israa'el garuu irratti walii hin galtu malee.
''Seera idiladdunyaattii dhimma hin qaban. Seeruma biyyattii fi kan naannawa kanaallee hin kabajan. Seeraa Waaqaallee hin kabajan,'' jedhe Gassaan Oliyaan.

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Qondaalli tikaa Israa'el Roonen Baar torbee darbe xalayaa akeekkachiisaa ministeerota biyyattiif barreesseen, finxaaleyyiin Yahuudaa West Bank keessatti lammiilee Filisxeem irratti gocha ''shororkeessummaa'' raawwataa jiraachuu eere.
Haala kanaan biyyattiitti miidhaa guddaaf saaxilaa jiraachuu ibse qondaalli tajaajila tikaa Israa'el kun.
Erga waraanni Gaazaa eegalee West Bank keessatti qubsuma seeraan alaa babal'ifachuunis heddummaateera.
Finxaaleyyiin mootummaa Israa'el keessa jiran akkas gochuu isaaniin carraan biyya ta'uu Filisxeem akka gubatetti fudhachuun ittiin dhaadataa turan.
Gochi finxaaleyyii kunneenii waraanni Gaazaa yeroo dheeraaf akka turu taasisa sodaan jedhu jira.
Inumaa finxaaleyyiin Israa'el kaayyoosaanii milkeessuuf jecha waraanni Gaazaa akka itti fufu barbaadu.
Dhaabbata Israa'el waa'ee babal'ina quubsuma seeraan alaa to'atu- Peace Now jedhamutti qondaala kan ta'e Yoonaataan Mizraahii, finxaaleyyiin Yahuudaa West Bank keessa jiran muddama duraanuu ture daran hammeessaa jiru jedhe.
Kana gochuudhaan waraanni Israa'el fi Gaazaa akka hin goolabamne taasisuuf deemu jedhe.
Yoonaataan Mizraahii sababa haleellaa Onkoloolessa 7, 2023 lammiilee Israa'el 1,200 galaafateen ''miirri sodaa fi mufannaa uumame'' warri qubsuma babal'ifatan lafa hedduu akka qabatniif dirqamsiiseera jedhee amana.
Sababa kanatti wayita warri Israa'el qubsuma dabalataa qabatan, kan isaanirratti gaaffii kaasaa ture muraasa.
Dhaabbati qorannoo- Pew Research Center jedhamu lammiilee Israa'el keessaa dhibbeentaa 40 kan ta'an qubsumni seeraan alaa kun biyyattiif nagaa fide jedhanii amanu. Bara 2013 namoonni akkasitti amanan dhibbeentaa 27 qofa turan.
Dhibbeentaa 35 kan ta'an ammoo qubsumni akkanaa rakkoo nageenyaa Israa'eliif sababa ta'uu himan, lakkoofsi kun kanaan dura dhibbeentaa 42 ture.
Aab Mizraahii finxaaleyyiin Yahuudaa West Bank keessatti muddama duraanuu ture daran hammeessu wayita jedhu gama lachuunuu dubbii wal barbaaduun hammaataa akka deemu eere.
''Haalli kun baayyee balaafamaadha. Jibbiinsi gama lachuunuu hammaataa deema,'' jedhe.
Erga waraanni Gaazaa eegalee West Bank keessatti qubattoonni Israa'el warra Filisxeem irratti haleellaa fi hookkara hammeessaniiru.
Haleellaan qubattoonni Israa'el raawwatan duraanuu dabalaatuma ture, garuu ji'oota 10 darban keessa qofa haleellaawwan 1,270 raawwachuu UN ibseera.
Kun bara 2022 guutuu raawwate 856 daran caala.
Akka dhaabbati mirga namoomaa Israa'el- B'Tselem jedhamu ibsetti, yeroo walfakkaataa (UN eere) kana keessatti dararaan qubattoonni Israa'el raawwatan gandoota West Baank 18 keessaa lammiilee Filisxeem buqqiseera.
Bakki kun daangaa Filisxeem kan Jordaan fi Israa'el gidduutti argamu yoo ta'u, erga bara 1967 waraana Baha Giddugaleessaa irratti Israa'elootaan qabamee hanga yoonaa quubsuma isaanii ta'ee jira.
Onkoloolessa 7, 2023 fi Hagayya 2024 gidduu lammiileen Filisxeem 589 West Bank keessatti ajjeefamaniiru.
Kanneen keessaa 570 kan ta'an humnoota nageenyaa Israa'eliin, yoo xiqqaate 11 kan ta'an ammoo qubattoota Israa'eliin ajjeefaman jedhan ragaan UN.
Warri Filisxeem ammoo qubattoota shanii fi miseensota waraana Israa'el sagal ajjeesan.
Haala baayyee hamaa
West Bank keessatti naannoon warri Yahuudaa qofti jiraatan jira. Qubsumni hedduun eeyyama mootummaa Israa'eliin kan ijaaramanidha.
Kaan ammoo seeruma Israa'el jalattiyyuu kan fudhatama hin qabne jiru.
Haata'u malee finxaaleyyiin Israa'el seera kana kabajuu diduun ammallee lafa babal'ifachuu itti fufaniiru.
Adoolessa darbe manni murtii olaanaa UN yeroo jalqabaaf qubsumni Israa'el Jerusaalem bahaa dabalatee West Bank keessatti raawwachaa jirtu seeraan ala ta'uu hime.
Israa'el karoora qubsuma seeraan alaa kana akka dhaabduu fi akka gadhiistee baatus gaafateera.
Michoota Israa'el warra lixaa dabalatee biyyoonni addunyaa hedduun qubsumni seeraan alaa Israa'el madda rakkoo nageenyaa ta'uu ni himu.
Israa'el ammoo kana ni waakkatti, hin fudhattus. ''Uummanni Yahuudaa lafasaarratti qubsuma ijaarrachuun qubattoota seeraan alaa isaan hin taasisu,'' ejjennoo jedhu ibsaa turte.
Yeroo ammaa kanammoo finxaaleyyiin warra Yahuudaa qubsumni seeraan alaa fi rakkoon kanaan walqabatee dhufu sadarkaa duubatti deebi'uu hin dandeenyerra akka ga'u taasisaa jiru jedhamee sodaatama.
Finxaaleyyiin kunneen qubsumasaanii babal'ifachuun erga humna cimsatanii booda West Bank fottoqfachuuf karoora qabu.
Inumaa wayita waraanni goolabamu Gaazaa keessas qubachuuf karoorsanii hojjetaa jiraachuutu himama.
Qubattoonni hedduun yeroo ammaa waajjiraalee mootummaa Israa'el keessa kan hojjetanidha. Hedduunsaanii ministeerota murteessoo ta'an keessa hojjetu.
Dureewwan biyyoota addunyaa qubsuma Israa'el seeraan ala jechuun morman, kanneen furmaanni Israa'el fi Filisxeem akka biyyaatti ilaalcha keessa galchuun kennamuu akka qabu sagalee dhageessisaniidha.
Rakkoon kun haala kanaan yoo furame dhumarratti Filisxeemiif beekamtii biyyummaa kenna.
Finxaaleyyiin Israa'el ammoo lafti kun hunduu kan Israa'el jedhanii waan amananiif biyyi Filisxeem jedhamtu beekamtii argattee akka jiraattu hin fedhan.
Kanaafuu furmaanni Israa'el fi Filisxeemiif walqixa akka biyyaatti beekamtii kennu akka hin milkoofne hojjetu.
Xiinxaltoonni akka jedhanitti aanga'oonni Israa'el hedduun sababa kanaaf waliigaltee dhukaasa didu.
''Sababni isaan waraanni akka dhumatu hin barbaadneef yookiin marii dhukaasa dhaabuu hin feeneef Israa'el hanga Gaazaa keessaa bakka barbaaddu to'attutti waraanni itti fufuu qaba jedhanii waan yaadaniif,'' jette Taal Shinaayidar.
Taal Shinaayidar gaazexaa Israa'el The Times jedhamuuf yaada kennuun beekamti.
''Yeroo dheeraa keessatti yaadi isaanii sirrii ta'ee akka hubatamutti yaadu. Adeemsi isaanii kana,'' jette.
Dubbiin haala kanaan osoo jiruu aanga'oonni Israa'el qubsuma haaraa iddoowwan shanitti gaggeessuuf karoora qabaachuu ibsaniiru.
Kun ammoo iddoo seena qabeettii, galmee Unesco irra jirtu, bakka misooma jallisiif mijattuu taate Battir dabalata.
Bakki kun daangaa warra Filisxeem kan Israa'eloonni irra qubatan keessatti kan argamu ta'us, qaubattoonni garuu akka dacheesaaniitti ilaalu.
Amma Filisxeemonni qabeenya lafasaanii iddoowwan hedduu akka hin fayyadamne irraa dhorkamaniiru.
Warri qubattoota Israa'el haala kanaan teessuma lafaa erga mijeeffatanii booda lammiilee Israa'el hedduu irra qubsiisuun akka olaantummaa guddaa qabaatan gochuudha karoorri isaanii.
Haala kanaan lafa kana of harka galchuu barbaadu, kanaafis hojjetaa jiraachuu adda baase qorannoon BBC.
Gama kaaniin qubsuma mootummaan Israa'el dhorkillee finxaaleyyiin Israa'el raawwataa jiraachuun barameera.
Finxaaleyyiin achi siqanii fageenyarratti dawoo ijaarrachuun lafa qabatanii argamu.
Kanneen keessaa tokko, kaaba Hebron keessatti kan argamu qubsuma al-Qanuub jedhamuudha.
Suuraan saatalaayitii qubattoonni horii ooffatanii wayita gara sana imalan mul'isu.
Haalli kun erga waraanni eegalee ji'oota jiran keessatti mudataa akka ture agarsiisa suuraan saatalaayitii.
Hawaasi Filisxeem ammoo akka jiranitti lafasaanii akka gadhiisan dirqamsiifaman.
Gareen BBC dhimma kanarratti qorannoo gaggeessaa ture namoota qe'eensaanii Sadaasa darbe qubattootaan jalaa barbadaa'e waliin al-Qanuub keessa imaluun waan mudate taajjabeera.
Namoonni kunneen Ibraahim Shalalda (umrii waggaa 50) fi eessumasaa nama waggaa 80 Mohammad jedhamudha.
Akkuma gareen BBC bakka qubattoonni qabatanitti dhiyaatuun qubattoonni konkolaataadhaan daandii itti cufan.
Isa booda Israa'eloonni hidhatan dafanii bakkichatti argaman.
Gareen hidhattootaa uffata loltoota Humna Ittisaa Israa'el uffatan erga garee BBC sakatta'anii booda, lammiilee Filisxeem isaan waliin turanis konkolaataa keessaa buusanii sakatta'an.
Turtii sa'aatii lamaa booda loltoonni Israa'el qubattoota daandii cufan bittimsuun konkolaataan BBC akka bakka sanaa deemu taasisan.

Israa'el akkumas West Bank Jordan harkaa fudhatteen iddoo kana keessatti qubsuma eegalte.
Ergasii waggoota kurna shaniif West Bank qabattee turte, mootummoonni dhufaa darbanis iddoo kanatti qubsumni akka babal'atu gochaa turan.
Yeroo ammaa lammiileen Filisxeem miiliyoona sadi caalan lafa kana jiraatu. Kanneen bakka Israa'eloonni fottoqfatan- Baha Jerusaalam jiraatan malee jechuudha.
Yahuudonni Israa'el walakkaa miliyoonaa ta'an ammoo iddoo kanatti qubsuma 130 caalan uummachuun jiraatu.
Mootummaan amma jiru kan bara 2022 aangoo qabate qubsuma kana babal'isuun lakkoofsa Yahuudota as jiraatanii dachaan dabaluuf hojjetaa jira.












