Tilmaama Piriimer Liigii: Arsenaal ni mo’ata, Maan Yunaayitid ni mo’ama, Siitiin ammoo qixa baha

Maxxanfame

Tapha Piriimer Liigii har’a (Kibxata) galgalarraa kaasee hanga Kamisaatti itti fufuun ammayyu Maanchester Yunaanaayitid ni mo’ama, Maanchester Siitiin ammoo walqixa yoo bahu, Arsenaal ni mo’ate jechuun tilmaameera ogeessi kubbaa miilaa BBC Kiriis Suutan.

Xiinxalaan kubbaa miilaa kun Maanchester Yunaayitid dirree ofiisaa deeggaertootasaa duratti ammas injifatamee waaroo qaanii uffata jedhe.

Bara dorgommii kana keessa gareen si’a 13 mo’ame ammas yoo mo’ame waan nama ajaa’ibu ta’aa? Jechuun gaafata Suutan.

Sutan dabalataan Shaampiyoonaa kan ta’e Maanchester Siitiin gara dirree everteen Gudisan Paarkii deemanii walqixa bahuun qabxii qooddata jedha.

Xiinxalaan kubbaa miilaa BBC Kiriis Suutan tilmaamni tapha torban 18ffaa irratti kenne baayyee kan milkaa’e hin turre. Maanchester Yunayitid akka mo’amu kan tilmaamee ture garuu sirrii ture.

Suutan bu’aa taphoota 9 tilmaamee akka inni jedheen kan xumurame tapha Kiristaal Palaasiifi Biraayitan qofa ture.

Meeqaan akka xumuramu sirriitti tilmaamuu baatus Maacnhester Yunaayitid, akkasumas Tootenhaam akka mo’amu sirriitti tilmaameera.

Kanaan ala kan jiran tilmaamni taphoota ja’aa faallaa ta’ee argame.

Kiriis Suutan taphoota Piriimer Liigii 380 hunda tilmaama isaa kennuu itti fufeera.

Kibxata

Niwukasil V Forest

Edii Hawu tapha kanarraa qabxii argachuu danda'uu qaba, sababiin isaa ammoo qabxiin Niwukasil gatu yaaddessaa ta'aa dhufeera.

Niwukasil taphoota ja'a darban taphate hunda keessaa shaniin mo'ameera.

Senti Paark Jeemsitti waan taphataniif deeggartootasaaniirraa hamilee argatanii Forestiin ni mo'atu jedheen tilmaama.

Gareen leenjisaa haaraa Forest, Nuunoo Espiriittoo Saantos gareen kun akka warra kufan keessa hin seenneef yeroo carraaqu isaa arguun nama hawwisiisa.

Tilmaama: Niwukasil 2 - 0 Forest

Bornimawoz V Fuulham

Dominiik Solaankee namni dhaabu waan jiru hin fakkaatu. Gahumsa akkasii agarsiisa jedhee tilaamee hin beeku. Yeroo darbe Fuulham Barnileetiin dirreesaarrratti mo'ama jedhee hin yaadne ture.

Bu'aa tapha kanaa tilmaamuun akkauma kana rakkisaadha.

Garuu bu'aa dhiyeenya kanaa ilaalcha keessa galchuun gareen lamaanuu goolii akka llakkoofsisaniifi Bornimaawoz tapha kana akka mo'atu nan tilmaamaa.

Tilmaama: Bornimawoz 2 - 1 fulhaam

Shefiild Yunaayitid V Luuton

Kilaboonni kunneen lamaan sochiin dhiyeenya kana agarsiisan Piriimer Liigii keessaa deebiyanii bu'u kan jedhu akkan irra deebiyee ilaallu gochuu danda'a.

Keessumaa Luuton Niwukasiliin mo'achuun isaanii baayyee na ajaa'ibsiisera. Shefiildis taanaan akkuma kana gara Viilaa deemee kilaboonni gurguddoodha jedhaman argachuu hin dandeenye argatee deebiyeera.

Leenjisaan haaraa Kiriis Waayildar dirreesaaniirratti kanaan dura tokko mo'ateera. Iniifannoo lamaffaa bor ni argatu jedheen tilmaama.

Tilmaama: Sheefiild Yunaayitd 1 -0 Luutan

Barnilee V Liiverpuul

Barnilee gara dirree Fuulham deemee injifannoon galmeessisee dhufe murteessaadha. Kilabiin ammayyu kufaatiitti dhiyoo jiru akka hin kufnetti cichee taphata.

Liiverpuul ammoo taphoota darban lamaan sirriitti jifatee taphachuun yaalii goolii galchuu 47 taasisaa turullee lakkoofsisuu kan danda'e garuu si'a tokko qofa. Yaalii goolii 47 taasise keessaa 34 kan taasise Yunaayitid irrattidha.

Liiverpuul tapha kana akka mo'atu nan tilmaama.

Tilmamama: Barnilee 0 - 3 Liiverpuul

Maan Yunaayitid V Aston Viilaa

Tapha bu'aa dhiphaatiin xumuramu ta'us Aston Viilaan tapha kana waan mo'atu natti fakkaata. Maanchester Yunaayitid taphoota shan walitti aansee goolii waan lakkoofsa jedhee hin eegu.

Maan Yunaayitid taphoota Piriimer Liigii 18 taphatan keessaa kubbaa 18 qofa manii keessa buusan. Piriimer Liigicha keessatti goolii xiqqaa kan lakkoofsise Shefiild Yunaatid qofa. Kun kan agarsiisu gareen Erik Ten Haag rakkoo jifataa baayyee yaaddessaa ta'e keessa jirachuu isaati.

Kanaaf, Maan Yunaayitid gahumsa dhaabbataarra kan jiru Aston Viilaa ni mo'ata jedhee hin eegu.

Aston Viilaan dirree isaatiin alatti hagas mara sodaachisaa ta'uu baatus Maanchester Yunaayitid mo'acuudhaaf garuu gooliin tokko qofti isaan gaha.

Tilmaama: Maanchester Yunaayitid 0 -1 Aston Viilaa

Bireentifoord V Wolvis

Bireentifoord taphoota ja'a darban keessaa shaniin mo'ameera. Wolvis Mooleeniyootti injifannoo Cheslsiirratti galmeessaniin ala dandeettii hagas mara dhaabbataa ta'e agarsiisaa hin jiran.

Tapha kana warri dirree (Bireentifoord) ni mo'atu jedheen tilmaama.

Tilmaama: Bireentifoord 2 - 0 Wolvis

Chelsii V Kiristaal Palaas

Chelsiin dirree ofiisaafi dirree isaan alatti osoo hin eegamniin mo'atamaa jira. Kiristaal Palaasiin dirree ofii Istaanfoord Biriij irratti keessumeessuun isaa waan isa fayyadu natti hin fakkaatu.

Kiristaal Palaas Chelsii akka qoruuf jiru tilmaamullee tapha kana garuu gareen Pochetiinoo mo'achuu akka danda'u nan tilmaama.

Tilmaama: Chelsii 2 - 1 Palaas

Everteen V Maachester Siitii

Haala Everten ittiin taphataa jiru baayyee gammachiisaadha. Gudisan Paarkitti shaampiyoonaa kan ta'e Maanchester Siitiin waliin walfalma.

Maanchester Siitii gara dandeettii isaa sodaachisaa ta'e sanatti yeroo dhiyootti deebiyuu akka danda'an nan yaada. Kun garuu tapha Everten waliin taasifamurratti waan ta'unatti hin fakkaatu.

Everten amala gaarii qaban keessaa tokko osoo walirraa hin kutiin morkataasaanii qoruu isaaniiti. Tapha kanaan Siitii waliin qabxii qooddatanii waan bahan natti fakkaata.

Tilmaama: Everten 1 - 1 Maanchester Siitii

Kamisa

Biraayitan V Tootenhaam

Waa'ee tapha kanaa yeroon yaadu gara sammuukoo kan dhufu tapha goolii hedduu irratti ilaallu akka ta'edha.

Warri Tootenhaam dorgommii waancaa keessa akka jiran natti dhaga'ama. Haata'u malee Everten kan mo'atan carraa dabalatee akka ta'en yaada.

Biraayitan ammoo gahumsa barra darbe agarsiisaa turan irraa argaa hin jiru. Goolii lakkoofsisanillee Tootenhaamiin mo'amuu akka danda'an nan tilmaama.

Tilmaama: Biraayitan 2 - 3 Tootenhaam

Arsenaal V Weest Haam

Taphni kun Arsenaaliif qormaata akka ta'uu mala nan tilmaama. Weest Haam gahumsa gaariirratti argama. Sadarkaa 6ffaarras jira.

Haata'u malee, tapha kana Arsenaal akka mo'atu nan tilmaama. Taphoota torba walitti aansuun dirree ofiirratti akka mo'atan ta'uu dhiisuu mala Weest haamiif. Amma dirree Arsenaalirratti waan taphataniif Weest haam mo'amuuf jiru.

Tilmaama: Arsenaal 3 - 0 Weest Haam