Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Giddaa Ayyaanaa dabalatee aanaalee Godina Wallagga Bahaatti weerarri busaa hammaate, uummanni birmannaa hatattamaa gaafate
Kutaalee Lixa Oromiyaatti weerarri dhibee busaa akka haaraatti ka'uun lubbuu namootaa galaafachuu erga eegalee waggoota lakkoofsiseera.
Rakkoon fayyaa akkaan yaaddessaa ta'e kun hanga yoonaa furmaata hin arganne, jiraattonni hanqina qorichaa himatu. Qaamoleen mootummaa fi ogeeyyiin fayyaa ammoo hundeen rakkoo nageenyi fi tasgabbiin dhibuudha jedhu.
Bara darbe keessa weerarri dhibee busaa kun lixa Oromiyaa, keessattuu aanaalee Godina Qellam Wollaggaa fi Wollagga Lixaa keessatti akkaan hammaatee akka turee fi kanaanis yaaddoo guddaa keessa jiraachuu jiraattonni fi aanga'oonni mootummaa BBCtti himanii turan.
Rakkoon kun ammallee hammaatee jiraachuu odeeffanneerra. Dhiheenya kanammoo Godina Wallagga Bahaa Aanaa Giddaa Ayyaanaatti weerarri dhibee busaa akkaan hammaateera.
Sababa kanaan namoonni hedduun du'uu ogeeyyiin fayyaa, jiraattonni fi dureewwan amantaa ni himu.
Waldaa Warra Wangeelaa Makkaane Yesusiitti Hogganaan Sabakaa Giddaa Ayyaanaa Luba Darajjee Hayiluu Jaallataa dhibeen busaa kun bara darbes tureera kan baranaa kun garuu addadha jedhu.
''Adda kan isa taasisu ammoo bara kana dhibee busaa kanaan lakkoofsi namoota dhumaa jiranii hedduu ta’uu isaati,'' jedhu Lubi Darajjee Hayiluu.
Weerarri busaa kun Giddaa Ayyaanaa qofa osoo hin taane aanaalee Wallaggaa Bahaa akka Kiiramuu, Haroo Limmuu, Limmuu Galiilaafi Eebantu keessattis daran hammaachaa jira.
Dureen amantaa kun akka dursaa hawaasaa tokkootti ragaa hordoftoota amanticharraa walitti qabataniin barana Haroo Limmuutti torban lama gidduutti dhibeen busaa yoo xiqqaate namoota 60 ajjeesuu quba qabaachuu himan.
Naannawa Galiilaatii ammoo yoo xiqqaate lubbuun namoota 30 darbeera jedhan.
''Aanaa Kiiramuutii akkasi, Aanaa Giddaa Ayyaanaa keessatti Jaangir-Calliyaa bakka jedhamurraas namoonni 30 lubbuun darbeera. Magaalaadhuma Giddaa keessaas lakkoofsi nama dhibee kanaan lubbuun darbee baayyeedha,” jechuun weerarri busaa yaaddoo ummata magaalaafi baadiyyaa ta’aa jiraachuu ibsu hogganaan amantaa kun.
Hospitaalli Giddaa namoota dhibaman kanneen hunda bakka tursiisee wallaanu hin qabu kan jedhan Lubi Darajjee Hayiluu, namoonni mana yaalaa dhuunfaatti rakkachaa jiru, baasii hin malleefis saaxilamaa jiru jedhan.
Walumaagalatti dhibeen busaa baranaa aanaalee Wallaggaa Bahaatti addatti hammaachuun lubbuu daa’immanii, dargaggootaafi ga’eessota osoo hin hafiin dabarsaa jiraachuu dubbatu.
Dhimma kanarratti BBCtti kan dubbatan Hogganaan Hospitaala Waliigalaa Giddaa Obbo Hirkoo Mitikkuu, ji'oota sadan darban keessatti namoota dhibee busaan qabamanii gara hospitaalichaa dhufan keessaa yoo xiqqaate 15 du'uu ibsan.
Obbo Hirkoon akka jedhanitti yeroo ammaa namoonni dhibbaan lakkaa'aman hospitaalichatti wal'aanamaa kan jiran yoo ta'u, weerarri kun ni dabala sodaa jedhus qabu.
''Namoonni dhibee busaan qabamanii dhufan guyyaadhaa gara guyyaatti dabalaa jiru.''
Ji'atti giddugaleessaan namoota kuma 12 hanga kuma 14 wal'aanuu kan himan Obbo Hirkoo Mitikkuu ''guyyaatti ammoo namoota busaan qabamanii dhufan hanga 300 ni wal'aanna,'' jedhan.
''Yeroo ammaa hospitaalli kun guutummaatti namoota dhibee busaan qabamanii dhufaniif tajaajila wal'aansa fayyaa kennaa jira.''
Akka hoogganaan kun jedhanitti ji'a Caamsaa darbe irraa eegalee qorannoo gaggeeffameen namoota 1,500 irratti dhibeen busaa argameera.
''Namoota qabaman kunneen keessaa kan du'aaf saaxilaman namoota 15.''
Hanqinni dhiheessii qorichaa babal'achuu dibee busaa fi du'a namootaaf sababa ta'uu kan ibsan Obbo Hirkoo Mitikkuu, ''ministeera fayyaa federaalaa dabalatee qaamolee dhimmi ilaallatu hunda gaafataama jirra. Hamma humnasaanii nu biraa hin hafne. Garuu qorichi dhihaatuu fi fedhiin jiru wal hin gitu,'' jedhan.
''Weerarri kun hawaasa keessatti babal'ateera. Qorichi dhihaatu kanaan wal hin simu.
Namoonni hedduun erga qabamaniis mana yaalaa deemuuf waan rakkataniif dhibee kanarra ofirra tursu. Erga baayyee hubamanii dhufaniis ammoo qoricha ga'aa hin argatan. Namoonni hedduun haala kanaani kan du'an.''
''Dhibeen busaa kun birmannaa qaamolee adda addaa barbaada''
Busaan humna ummatichaafi dhaabbileen fayyaa bakka sana jiranii ol ta’eera kan jedhan Hogganaan amantaa Luba Darajjee Haayiluu, birmannaa hatattamaa qaamolee dhimmi ilaallatu hundaa barbaada jedhan.
''Hanqina qabeenyaafi qaala’insa jireenyaa waliin walqabatee, jalqaba godaansatu isaan rakkise. Sabni naannawaa sana jiru godaansaanis rakkateera, beelaanis rakkachaa jira. Dabalataan ammoo dhibeen busaa kun itti dhufee namoota hedduu [galaafachaa] jira.''
''Akka Waldaa Kiristaanaatti yoo kadhanneyyu saba kana hundumaa karaan ittiin bira gahanii gargaaran hin jiru,'' jedhu Luba Darajjee Haayiluu.
''Warri harka-qalleeyyii kufaniima du’aa jiru. Osoo hospitaala hin qaqqabiin du’aa jiru. Kaan ammoo manumatti [dhibee] kanaan du’aa jiru. Dhibee ummatarra jiru kana ibsuudhaafiyyu humnaa ol namatti ta’a.''
''Kanaaf, akka waldaa amantaa tokkotti kadhannaatiin uummata kana bira dhaabbannullee, ballina dhibee kanaarraa kan ka'e bakka hunda qaqqabanii gargaaruun rakkisaa waan ta’eef, qaamni dhimmi ilaallatu, kan rakkoon ummataafi namummaan ittidhaga’amuufi aantummaa qaba jedhu akka birmannaa taasisu sagaleekoon dhageessisa'' jechuun gaafatan Lubi Darajjee.
''Maddi rakkoo nageenyi dhibuudha''
Obbo Hirkoon akka jedhanitti irra caalaa kan lubbuu namaa baasaa jiru qoricha dhabuu osoo hin taane hanqina dhiigaati. Kun ammoo rakkoo nageenyaan walqabata jedhan.
''Busaan dhibee to'achuun danda'amuudha. Waggoota shan dura hojjettoonni fayyaa manarra, hawaasa keessa deemuun qoricha farra bookee busaa biifaa turan. Waggoota dhihoo as garuu sababa rakkoo nageenyaan namoonni akka fedhanitti walkeessa deemuun hojjechuu waan hin dandeenyeef rakkoon kun hamaateera.''
''Magaalaarraa gara baadiyyaatti, ammoo baadiyyaarraas gara magaalaa deemuun of eeggannoo waan barbaaduuf keemikaala farra bookee busaa biifuun sun hin turre. Kun akka weerarri dhibee busaa babal'atu godheera,'' jedhan Obbo Hirkoon.
Kutaaleen lixa Oromiyaa bakka Waraanni Bilisummaa Oromoo bal'inaan keessa socho'an yoo ta'u sababa kanaanis humnoota nageenyaa mootummaa waliin wayita walitti bu'iinsa keessa galan kan gidduutti miidhamu uummata.
Rakkoolee magaalaattis ta'e baadiyyaatti mudatan keessaa inni ijoon ammoo rakkoo fayyaa bifa weeraraan ka'u akkanaati.
Obbo Hirkoon akka jedhanitti osoo mootummaan qaamolee kunneen waliin nagaa buusee rakkoon fayyaa kun hanga kana hin hammaatu.
''Osoo nagaan bu'ee dhaabbileen fayyaa hedduun kanneen cufamanii jiran gara hojiitti galu. Hojjettoonni fayyaas gandarra taa'anii osoo akkaataa itti uummanni dhibee kana ofirraa ittisuu danda'u barsiisuu itti fufanii dhibeen kun dabalaa hin dhufu,'' jedhan.
Ka'umsi milkaa'ina hundaa nageenya, maddi rakkoo hundaa ammoo hanqina nageenyaati.
''Yoo nageenyi hin jiraanne tajaajila fayyaa qofa miti kan miidhamu. Hojii kamiyyuu hojjechuun hin danda'amu. Hojii kamiyyuu galmaan ga'uuf nageenyi murteessaadha,'' jedhu Obbo Hirkoo Mitikkuu.
Weerarri dhibee busaa kun Godinaalee Wallagga Lixaa, Qeellam Wallaggaa, Iluu Abbaa Boor fi Bunnoo Beddellee keessattis daran babal'atee akka ture Ittaanaa Hogganaa Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dr. Tasfaayee Dabbabaa BBC’tti himanii turan.
Godina Wallaga Lixaa aanaalee Beegiifi Qondaalaa keessatti weerara dhibee busaa mudateen lubbuun namootaa darbuufi hanqinni nyaataa mudatee akka ture, kanaanis namoonni baayyeen miidhamuu aanga'ootni himan.
Rakkoo weerara dhibee busaa lixa Oromiyaa goolaa jiru kana furuuf keemikaala farra bookee busaa biifuu, kanarrattis ammoo uummanni akka tumsu mootummaan dhaameera.
Garuu rakkoon kun ammallee achuma jira. Dhibeen lubbuu namoota hedduu galaafataa jiru kun furmaata waaraa hin arganne.
Jalqaba ji'a Onkoloolessaatti Hoogganaan Waajjira Fayyaa Aanaa Giddaa Ayyaanaa Obbo Jireenyaa Fiqaaduu, weerarri dhibee busaa haala kana dura hin baratamneen ol ka’uu BBCtti himanii turan.