Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Haati warraa Tiraamp jalqabaa, Ivaanaa Tiraamp du’aan boqotte
Haadha manaa jalqabaa fi haadha ijoollee sadii Donaald Tiraamp kan taate, Ivaanaa Tiraamp, umurii ganna 73’tti du’aan boqotte.
“Dubartii bareedduu, gaarii fi ajaa’ibsiistuu jireenya gaarii fi fakkeenya ta’u jiraattee turte,” jechuun Obbo Tiraamp leellisuun miidiyaa hawaassummaa isaa Truth Social irratti barreesseera.
Ivaanaa biyya amma Cheek Rippaablik jedhamuun waamamu keessatti kan dhalatte yoo ta’u, Tiraamp waliin bara 1977’tti gaa’eela dhaabbatan. Waggootii 15 booda bara 1992’tti wal hiikan.
Gaa'ila saanii keessatti ijoollee sadii - Donaald Jr, Ivaankaa fi Eerik Tiraamp jedhaman qabu.
Akka AP gabaaseetti, du’i ishee kun kan balaadhaan uumame ta’uu mala jedhee amana poolisiin.
Maddileen AP’tti akka himanitti, Ivaanaan mana jireenya ishee magaalaa Niiw Yoork jiru keessatti gulantaa cinatti of wallaaltee kan argamtee yoo ta’u, kuftee ta’uu danda’a jedhamee tilmaameera.
Ivaanaan Obbo Tiraamp waliin erga wal hiiktee booda hojii daldala mi’a miidhaginaa, uffataa fi faayaa ofii ishee eegalte hojjataa turte.
Maatiin Tiraamp du’a ishee booda ibsa baasan irratti Ivaanaan, “daldaltuu cimtuu, atleetii beekamtuu, miidhagduu akkasumas haadhaa fi hiriyyaa gaarii” turte jechuun ibsaniiru.
Inatalliishee hangafaa Ivaankan, kan harmee ishee waliin baayye walitti siqxi jedhamtu, fuula Inistragiramii ishee irratti akka “guddaa gadditeettu” ibsiteetti.
Donaald Tiraamp, Ivaanaaf abba manaa ishee lammaffaadha. Abbaan manaa ishee inni jalqabaa, Alfireed Wiinklimaar, lammii Ostiriyaa barsiisaa ispoortii iskii fi hiriyyaa ishee ture yoo ta’u, lammummaa Ostiriyaa argachuuf akka itti heerumte himama.
Bara 1976’tti hojiif yeroo Niw Yoorkitti imalte Tiraamp waliin wal bartee, wagga itti aanu gaa’eela dhaabbatani.
Yeroo bara 1992’tti wal hiikan, waligaltee iccitii eguu kan mallateessite ta’us doolara miiliyoona 14 fi mana jireenya Konneetikat keessa jiru dabalatee waan biroos argatteetti.
Sana boodas yeroo lama gaa’ela dhaabbateetti: daldalaa lammii Xaaliyaanii Rikaardoo Mazzuxheelii waliin bara 1995-97’tti fi taatoo Xaaliyaani Rossaanoo Rubikondii waliin bara 2008-09tti.