Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ministirri Muummee Xaaliyaan Finfinneetti biyyoota Afrikaa waliin daldala boba'aarratti akka walta'an beeksisan
Daawwannaa hojii guyyaa lamaaf Finfinneetti kan argaman Ministirii muummee Xaaliyaan Joorjiyaa Meloonii Onkololeessa dhufu irraa eegalee daldala boba'aa irratti( African energy cooperation deal ) biyyoota Afrikaa waliin walta'insa akka mallatteessan beekasisan.
Akka Koroora isaanii "Mattei plan" jedhamu kanaatti biyyattiin gaazii biyyoota Meditiraaniyaaniifi Kaaba Afrikaa irraa fudhachuun gara biyyoota Awurooppaatti cee'sisuun gidduugala anniisaa taati.
Raashiyaa irra caala Aljeeriyaaf biyyoota Afrikaa biroorraa gaazii kan bittu Xaaliyaan buufata godaantota biyyoota Afrikaa hedduutis.
''Nageenyaa fi tasgabbiin'' Itoophiyaa fedha biyyaalessaa ishee waan ta'eef Xaaliyaaniif Itoophiyaan dhimma haajaa irraa qabdu akka ta'e barruun biyyattii gabaasera.
Sababni isaa ammoo Xaaliyaan hulaa godaantotni biyyoota Gaanfa Afrikaa gara Awurooppaa galuuf itti fayyadaman ta'uu isheeti.
Melooniin turtii isaanii Finfinneen Ministira Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad waliin wal-arganii mariyataniiru.
Melooniin daawwannaa isaanii xumuruun dura mana barnootaa warra Xaaliyaanii Gaaliliyoo Gaalii kan magaalaa Finfinnee keessatti argamu ni daawwatu jedhameera.
Manni barnootaa kun Xaaliyaaniin alatti mana barnootaa isa guddaa biyya biraa keessatti argamuu jedhama.
Buufata xiyyaaraa Booleetti argamuun kan isaan simatan Ministirri Muummee Abiy, ''Daawwannichi walittidhufeenya biyyoota keenya lachanii caalaatti cimsuuf kan gargaarudha'' jedhaniiru.
Masaraa biyyaalessaatti affeeraa laqanaas taasisaniiruuf. Sagantaa kana irratti dhimmoota biyyoota lameeniifi naannoo Itoophiyaa irrattis mariin godhamuu miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.
Jiyorjiyaa Meloonii Xaaliyaanii keessatti dubartii yeroo jalqabaatiif ministeera muummee taatee filatamte yoo taatu, sabummaa leellisti jedhamuun godaantota yaaddessaa ture.
Paartin ishee sabboonummaa leellisu kan Brothers of Italy jedhamu godaantummaa xiqqeessuu akka ajandaa cimaatti qabatee jira.