Beekamtiin Chaayinaafi Raashiyaa akkamiin Afrikaatti guddachaa dhufe?

Maxxanfame

Magaalaan Johaannisberg Hagayya 22 irraa kaasee kora marii idil-addunyaa guddaa miraa tasgabbiifi shakkii hanga tokkoon keessummeessaa jirti.

Mariin gartuu Brics, kan biyyoonni Biraazil, Rashiyaa, Indiyaa, Chaayinaafi Afrikaa Kibbaa of keessaa qabu kun Afrikaa Kibbaa, magaalaa Joohannisbarg naannawaa Sanditon jedhamu keessatti gaggeefamaa jira.

Gartuun kun kan hundeeffame olaantummaa biyyootiin Lixaa dhimmaa addunyaa irratti qaban morkachuufidha jedhamee yaadama. Biyyootiin hedduu gartuu kanatti makamuuf hiriiranii jiru.

Brics waliin walqabatee miirri aara galfannaa Afrikaa Kibbaa keessatti kan mul’ate murtee dhiyeenya Pirezdaant Vilaadmiir Puutin maarii kanarra fagaachuuf taasisedha.

Utuu marii kana irratti argamuuf cicheera ta’ee, Afrikaan Kibbaan itti-gaafatamummaa idil-addunyaa fudhachuun himata yakka waraanaa Yukireen keessatti raawwateef hoogganaa Raashiyaa kana to’annoo jala olchuun ykn dhiisuun gara eenyu akka goortu ifatti akka ibsituuf diqamti turte.

Qormaataa cimaa kana irraa kan oolan angaa’ooti Afrikaa Kibbaa amma akka keessummeessitoota marichaatti odeeffanoo barbaachisu gammachuun gazexeessitootaaf qoodutti jiru.

Gammachuun angaa’ootaa kun, nama bakkeerraa ilaaluuf, akkam hatattamaan biyyattiin hariiroo biyyootii Lixaa irraa fagachuun baayinaan gara Chaayinaa, hanga tokko ammoo gara Raashiyaatti akka goraa jirtu kan mul’isu ta’uu mala.

Brics reefuu haaraa ta’us, hanga tokko garuu miira gammachuu fi kaka’umsa dhugaa ta’ee uumeera.

Afrikaa Kibbaa keessatti egereen Chaayinaafi biyyootiin Lixaa kufaa jiru amantaan jedhe irra guddinaan kan mul’atu akka ta’e ni himama.

Kana irrattidha dhiphuun Afrikaa Kibbaa hanga tokko kan mul’atu.

Pirezdaantiin biyyattii Siriil Ramafoosa, diinagdee biyyattii sababa Covid fi rakkoo hojii dhabdummaa guddaa jiruun hammaate jalaa miliquuf investimantiin biyyootii alaa akka barbaachisu ni beeku.

Raashiyaan deebii miti. Afrikaa Kibbaa waliin hariiroon daldala hin jiru jechuun ni danda’ama.

Chaayinaan barbaachisuummaan ishee dabalaaa jira, ta’us garuu, hariiroon daldalaafi invastimantii Gamtaa Awurooppaa (EU) fi US yeroo dheeraaf ture irra ol aanee mul’ata.

Kanaaf, Afrikaan Kibbaa yeroo rakkoon diinagdeen guddaa jirutti hariiroo ijoo Lixaa waliin qabdu maaliif booressiti?

Deebiin isaa, gar tokkoon, amala jeeqamaafi dadhabaa paartiin biyyattii bulchaa jiru agarsiisu ta’uu mala.

Waggootii soddomaaf angoorra kan ture Paartiin Kongireesii Biyyaalessaa Afrikaa (ANC) hanga ammaatti hokkora, malaammaltummaafi jeequmsa bulchiinsaa of irraa balleessuu hin dandeenye.

Fakkeenyaaf, yommu waraanni Yukireen uumame, mootummaan Afrikaa Kibbaa yaada wal faallessan adda addaa keennaa ture – jalqaba weeraricha balaaleffate, sana booda ifatti waraanicha balaaleffachuu dide, achii Nato himate, Puutiniin jaje, akka qondaala nagaatti of dhiyeesse, leenjii humna waraana galaanaa Raashiyaa keessummise, tarkaanfii isaa irratti US’f ibsa kennuuf ariifate, akkasumas dubbii ijoo Kiremliin irra deebi’uu eegale.

Bara darbe Afrikaan Kibbaa Raashiyaaf meeshaa waraanaa dhiyeessite jechuun himata US dhiyeessite irratti hanga yoonaa shakkiin jira.

Ta’us anga’oonni mootummaafi paartii isaa keessa jiran tarkaanfii isaa kana xiqqeesanii ilaalu. Yeroo hedduu wa’ee yeroo sochii farra-Appaartaayiditti gargaarsa Raashiyaa irraa argatan fi shakkii walii galaa qajeelfama haaja alaa US irratti shakkii qaban kaasuun odeessu.

Ergaan wal makaa kun qaamolee wal dhabdee kana keessa jiran hunda arsuu danda’ee wanti inni itti milkaa’e yoo jiraatee Afrikaan Kibbaa bulchiinsa murtee fudhachuu hin dandeenyeefi dadhabduu taate fakkeesuunidha.

Biyyi Nelson Maandellaa kun amma sirritti rakkachaa jirti – gariin ‘biyya kufte’ ta’uu dandeessi jedhanii kan akeekkachisaanillee jiru.

Mariin Brics torban kanaa, faallaan, Kiremlin dippiloomaasii isaafi karoora isaa akka agarsiifatuuf waltajjii gaariidha.

Biyyootii hiyyummaa lolaa jiran keessatti, dhiibbaan jijjiirama qilleensaa, lakkoofsi dargaggoo dabaluufi hojiii dhabduummaan dabaluun, abdii kuttannaan namootni hedduun filannoo biraa akka ilaalan taasiseera.

Kunimmoo gaaffii – biyyootiin Lixaa Raashiyaa morkachuuf maal gochaa jiru jedhu kan kaasudha.

Biyyoota Lixaa keessatti wanti Brics’n fakkaatu maltu jira?

UK aangoo ‘Ministeera Afrikaa’ jedhu qabdi – garuu hojii kanarra namni waggaa tokko ol tureeru hin jiru.

UK, Firaans fi biyyootiin humna kolonii durii ammayyuu Afrikaa akka rakkoo to’atamuutti malee akka wayiila gargaaramuutti ilaalaa hin jiran komiin jedhu jira.

Kun guutummaatti dhugaa ta’uu dhiisuu mala. Sababiin isaan biyyootiin Lixaa waggootii hedduuf, tajaajila fayyaa, daldalaa fi mootummoota ardiichaa gargaaruuf humnaafi maallaqa guddaa baasaniiru.

Garuu ga’een loltoota biyyootii Lixaa – keessumaa kan loltoota Ameerikaafi Fireench- biyyootii akka Nijeer fi Somaaliyaa keessatti qaban, qeeqa guddaa uumeera.

Kanaaf, Brics Afrikaa keessatti maaliif akka filannoo biraatti ilaalame kan jedhuu kun ibsuu mala ta’a.