Arrabsoo karaa intarneetiin qaqqabu irraa akkamiin of eeguun dandaʼama?

Madda suuraa, Getty Images
Hawaasni Suwahilii harraagessi dabeessa ta’e baalleesaa dhoksa jechuun mammaake, namoonni biraa ammoo, qoosni malaa tufa jedhan.
Kunneen ogummaa namoonni akkamitti of eeggannoo guddaa guyyaa guyyaan fayyadama interneetii irratti gochuu qaban kan argisiisu.
Wantoonni Jireenya keessan keessatti wantoonni interneetii irratti maxxanssuu qabdanii fi kan dhiisu qabdan kamii of gaafachuu qabdu.
Arrabsoo karaa interneetaan godhamuu gocha teknooloogiitti fayyadamuun abbaa humnaa taʼanii namoota biraa sossodaachisan ykn miidhan.
Arrabsoon karaa interneetii kunnin erga ykn imeelii nama mufachiisu erguu, sobaa fi arrabsoo viidiyoo fi suuraawwan nama qaanessan miidiyaa hawaasaa irratti maxxanssuu.
Akka istaatistiksiin argisiisutti, dargaggoonni, interneetii irratti jeequmsa hammaatti isaan mudata, sababa kanaan gariin of ajjeesuu filatan.
Akka istaatistikiin Yuunaayitid Isteetis waggaa sadii dura gabaaseetti, guyyaa guyyaan namoonni 30 ta’an sababa jeequmsaa fi salphanna interneetiin irra gahu du’u ibse.
Ji’i Onkoloolessa kan darbe arrabsoo karaa interneetiin godhamu irra duula geggessuun beekamuun, barumsa arrabsoo karaa interneetiin walqabatu kennu, gochawwan jireenya fayyadamtoota interneetii miidhuu danda’u, yaadawwan isaanii barbaachisaa hin taane miidiya hawaasaa irratti gadhisuun jireenyasaanii rakkisu irra hubannoon taasifama.

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Yuusuf Kileyoo, oggeessi eegumsa interneetii tarkaanfii barumsa namoonni arrabsoo kana of irra eeguuf fudhachu qaban addaan baasee, garuu interneetii akka sirritti fayyadamuun namoota dhuunfarra jalqabu jabeessuu ibsa.
Kanaaf, fayyadamtoonni kamuu odeeffannoo fi suuraawwan isaan miidiyaa hawaasarratti qoodan kan dhugaa ta’ee fi amala gaarii qabaachu qaba jedha.
Fayyadamtoonni interneetii arrabsoo kanarra of eeguufi rakkinasaa adda baafachuuf itti gaafatamummaa guddaa qaban jedha.
Akkasumas haalli gowwoomsaa Intarneetiidhaan raawwatamu keessa namoota baay’ee galche.
Istaatistikiin jeequmsa interneetidhaan raawwatamu yoo ibsu Yuusuf, dhibeentaan 37 ijoolleen umurii waggaa 2-17 ta’an arrabsoon irra gahu hima.
Haata’u malee, dhiiira caala dubartoonni arrabsoo interneetii kanaan miidhamu istaatiskiin kan argisiisudha.
Dubartoonni karaa Intarneetii michummaa uumuun balaan irra gahuu ykn gocha namoota biraan ulfinaa fi kabajni isaanii salphata.

Madda suuraa, Getty Images
Itti gaafatamummaan siin eegala
Arrabsoo interneetii fi jeequmsa dhaabuu irratti, Maartaa Evaans, oggeetiin interneetii UK jiraatu, of eegannoon guyyaa guyyaan interneetii fayyadamuuf wantoota yaadamuu qabutti jira jetti.
Interneetii irratti arrabsamuu fi miidhamuus, of hin ceephaʼinaa, wanti ati neetworkii kee irratti barreesitu, suuraa, erga ykn sagalee taannan, deebiin namoota interneetii irra jiran irra dhufu siif miti jetti Martaan.
Garuumoo, namoota interneetii irratti si arrabsuuf deebii hin kennin, deebifnaan ammoo rakkinicha itti caalchisuu dandaʼa jetti.

Madda suuraa, Getty Images
Fayyadamtoonni gariin osoo hin beekiin rakkoo ofitti fidu
Fayyadamtoonni interneetii hedduun wantoota jireenya isaani ilaallatu miidiyalee hawaasaa irratti qoodan.
Gariinmoo wantoota dhuunfaa ta’e miidiyaa kana irratti qoodan, kuniin arrabsoo fi miidhaa fida jedhan oggeeyyin.
Ministeera oddeeffannoo fi kominikeeshinii Taanzaaniyaatti itti aanaa daarektara eegumsa interneetii kan ta’e Istiifin Waanguwee, fayyadamtooni baayyinaan wantoota iccitii ta’an miidiyaa hawaasa irratti maxxanssu hima.
“Garuu salphinni kunnin sababoota garagaraaf raawwatan, namoonni garii ofumaan wantoota kana maxxansan, manneen isaanii keessatti of dhoksan booda addunyaaf qoodan. Kunnin akka addatis, rakkoo namni kunnin ofiin barbaadate,” jedha.

Madda suuraa, Getty Images
Wantoota dhunfaa miidiyaarratti baasuun hangam arrabsoo kanaaf nama saaxila?
Gaafannoo adda BBC wajjiin taasiseen barsiisaa Saamii Kissikaa, rakkoowwan kunnen barsiifata amala ta’u hima.
“Amali ulfaataadha, namni tokko ganama yommuu hirribaa ka’u suuraa ka’e maxxansa, ciree akka nyaatu argisiisa. Amma mana kiyya dura taaʼan jira, amma akkan gochaa jira jechaa oola.
Waa kana yoo dhiheenyan ilaalte, wanta uumata fayyadumiti, oddeeffannoo dhuunfaa.
Fakkeenya, har’a akkaawuntii baankii haaraa banadhe jedhanii kaardii suuraa kaasanii maxxansan, namoonni oddeeffannoosaanii iccitii ta’an hatuu danda’u.
“Yeroo ammaa, fayyadamtoonni miidiyaa hawaasa saffisaan dabalaa jiran kanaaf yeroon of eegannoo interneetii hubataniin hin jirtu. Bilbila haaraa har’uma bitate, addunyaa interneetii keessa galta,” jedha.
Kanaaf, sababa guddina rakkoo kanaaf, gorsi Yuusuf Kileyoo, oggeessaa fi qorataan salphina interneetii kennu, gochi akkanaa namarratti kan raawwatu yoo ta’e, waltajjii fayyadamtu irratti himachuu ykn poolisii bira akka deeman.
Wanti biraa ammoo, ji’i arrabsoo fi eegumsaa interneetii irratti duulii geggeeffamu jiraatus, sababa salphinnaa fi miidhaa jirtu barumsi kunniin akka hin kufnetti taasifamu qaba jedha.
Namoonni wantoota dhunfaa isaanii miidiyaa hawaasarratti maxxansan ammoo of qusachuu akka qaban gorsa.












