Lammiin Dach karaa intarneetiin shamarre Kaanaadaa dararuun du’aaf saaxiletti hidhaan murtaa’e

Amaandaa Tod
Maxxanfame

Lammiin Dachi intala xiqqoo waggaa 15 fi lammii Kaanaadaa karaa intarneetii adamsee dararaa irraan gaheen booda mucattiin of ajjeessuu isheetti hidhaan waggaa 13 itti murtaa’e.

Namni maqaansaa Ayidin Koobaan jedhamufi umuriin wagga 44 kunis Neezarlaandi keessatti akka hidhame abbaan alangaa beeksiise.

Namni kunis karaa intarneetiitti fayyadamuu daa’imma tana dararuufi filmii saalqunnamtiin ittiin waraanuusaatti Hagayya darbe himamtame.

Shamarree AmandaaTod kan wagga 15 taatee miidhaa karaa intarneetiin irra gahe ilaalchisuun attamiin akka dararamte viidiyoo bal’a bara 2012 maxxansite turte.

Akekkeeachiisa: Tarii qabiyyeen barreeffama kanaa namoota tokko tokko aarsuu mala.

Viidiyoon Amandaan YouTube irratti maxxansite kunis namoota miiliyoonotaan ilaalamuun dhimma miidhaa karaa intarneetiin qaqabuurratti marii biyyaaleessaa kaasee ture.

Namtichis maqaa balleessoofi dararaa inni dubartoota daa’immanii hedduu irratti raawwatef bara 2017 keessaa manni murti Dachi hidhaa waggoota 11 itti murtaa’ee ture.

Ijoolleen nama kanaan miidhaan akkasi irra gahees kaan isaanii Biriteen, Kaanaadaa fi Ameerikaa fa’I keessa kan jiraatan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Booda keessa ammo namtichi kun gara Kaanaadaatti dabarfamun himannaa gara biraa irratti dhiyaate.

Haata’u malee du’a Amaandaatiin hin himatamne ture.

Murteen hidhaa wagga 13 kan Jimaata darbe murteeffames kunis erga hidhaan murtee kan mana Murtii Dachiin itti murtaa’ee xumurameen booda kan eegalu ta’a.

Namni kunis wayita mana murtiitti dhiyaateettis gaabbii omaatuu hin agarsiisintu himame.

Amaandaanis erga viidiyoo baayyee qoodamee sana YouTube gubbaatti feeteen torban shaniin booda of ajjeefte. Kunis erga suuraaleen ishee intarneetii gubbaatti bahaniin booda.

Himatamaan kunis gara wagga sadiitiif mucaa tana dararaa bahe karaa intarneetiin. Kunis karaa akkaawwuntiiwwan miidiyaa hawaasaa kan sobaa 22tti fayyadamuun adamsaanii ture.

Innis bara 2009 yeroo ishee mucaa wagga 13 turte bara 2012 jidduutti ergaawwan ergaaf ture.

Ergaawwan muraasnis yoo isheen karaa viidiyootiin qollaa ishee itti agarsiisuu didde suuraalee ishee hiriyyootaa, maatii fi hojjattoota mana barnootaa sheetti akka erguu itti himuun dorsiisaa ture.

Himatamaan kunis teessoo IP isaa ni dhoksa. Kanaafu poolisoonni ergaa yeroo sanatti argachuun horodoffii taasisuu hindandeenye.

Abbootiin alangaas namtichi kun dargaggoota gara biraa irra miidhaa walfakkaataa akka hin geessifneef jedha hidhaan dabalataa irratti murtaa’u qaba jechuun mormaa turan.

Ammas yoo bahee badii kana calu raawwachu akka danda’u akka amanan himan.

Abookaatoon isaa garuu hidhaan itti murtaa’e akka xiqqaatuuf falmanii ture.

Haatii seeraa Mana Murtii Olaanaa Biritish Kolombiyaa, Maartaa Deevliin Jimaata kaleessaa murtee himatamaarratti dabarfame dubbiste.

Du’a shamarree tanaa keessatti kallattiin himatamaan gahee qabaachu baatulleen, miidhaa inni irraan gahetuu gara murtee kanaatti geessuun rakkiina sammuu fi waan biraa keessa akka galtu taasisee jechuu miidiyaa CBC gabaase.

‘‘Jireenya Amaandaa balleessuun kaayyoo ifaa Mr Koobaanii ture. Kan nama gaddisiisu ammo ittiin milkaa’eera’’ jette.

Himanni kanaan walqabatee Nama kanarratti banames wagga Amaandaan itti du’ee 10ffaa sababeeffachuun Kaanaadaatti eegalam.

Haatii Amaandaa, Kaarool erga intalli ishee duuteen booda dhimma karaa intarneetiin ijoollee irra gahaa jiruurratti ifatti kan duula gaggeessitu taate.

‘‘Waa’ee isaa dubbachu qabna. Amandaadhaafis haqi argamu isaa mirkaneessuu qabna’’ jetti.