Raashiyaan haleellaa misaa'elaa guutuu Yukireetti raawwatten 20 caalaa ajjeeste, bu'uuraale anniisaa barbadeessite

Madda suuraa, STR/EPA-EFE/REX/SHUTTERSTOCK
Raashiyaan haleellaa misaa’elaa haaraa Yukireen irratti raawwachuun yoo xiqqaate namoota 20 ajjeeste, bu’uuraalee anniisaas hedduu barbadeessite.
Haleellaan kun maneen jireenyaa waliinii baha magaalaa Dnipro keessatti argaman irratti.
Magaalonni akka Kiiv, Karkiiv fi Odesa kanneen misaa’ela Raashiyaan haleelaman keessaati.
Erga Raashiyaan misaa’elaan madden ibsaa magaalota kunneen keessatti haleeltee booda lammiilee hedduun dukkana keessatti hafaniiru.
Haleellaan kun raawwachuu dura UKn meeshaa waraanaa taankii Challenger 2 jedhamuun beekamu michuushee Yukireeniif akka kennitu ibsitee turte.
Ministirri Muummee UK Rishi Sunak meeshaan waraanaa dirree waraanaa UK irratti isa ijoo ta’e kun humna Yukireen cimsee, ‘’Salphaatti humna Raashiyaa akka ofirraa deebisaniif,’’ kan gargaaruudha jedhanii turan.
Raashiyaan ammoo adaduma biyyoonni lixaa Yukireeniif meeshaalee waraanaa arjoomaa deemaniin waraanni hammaataa deema jechuun deebiste.
Pireezidantiin Yukireen Volodmiir Zeleniskii gamasaaniin haleellaan Raashiyaa lammiilee nagaarratti xiyyeeffate kan qolatamu yoo michuuwwan isaanii lixaa meeshaalee waraanaa hedduu arjoomaniif ta’uu ibsan.
Misaa’ela Raashiyaan dhukaaste 30 keessaa 20 fashaleessuu himan. Haleellaa magaalaa Dnipro kanaan namoonni 73 guddoo miidhaman, daa’imman 14 kanneen akkaan miidhaman keessaati.
Iddoo haleellaa qaqqabetti lubbu baraartonni fi namoonni kaan hojii naannawa qulqulleessuu fi namoota miidhaman gargaaruu cimsanii akka itti fufan ibsan Zeleniskiin.
Hanga ammaa daa'imman 6 dabalatee namoonni 38 gamoo haleelame keessaa lubbuu baraaramuus ibsan.
Manni waliin jireenyaa kun bakka buufata anniisaarraa fagoo jira, garuu maaliif xiyyeeffannaa haleellaa misaa'elaa Raashiyaa akka ta'e ifa miti.
Raashiyaan torbee lama duras bu'uuraalee anniisaa Yukireen meeshaalee waraanaa misaa'elaa gurguddoo ta'aniin haleeltee turte.
Haleellaan kun kan yeroo kamuu caalaa hammaataa fi rifaasisaadha jedhan Pireezidanti Zeleniskiin.
Haleellaan misaa'elaa Raashiyaa kan hammaatu wayita biyyoonni lixaa meeshaalee waraanaa Yukireeniif arjoomuuf waadaa galanittidha.
US, Firaansi fi Jarmaniin meeshaalee waraanaa Yukireeniif erguuf kan waadaa galan torbee darbe ture.
UKn ammoo kunoo taankii waraanaa ammayyaawaa Challenger 2 jedhamu kennuuf jirti.












