Putiin dhuguma namoota ‘kanfalamuufiin’ marfamee ummatatti mul’atee?

Putiin namoota uffata dambii loltootaa waliin

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Tibbana waa'een suuraa namootaa Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin bara haaraa sababeeffachun ittiin marfamee ka’e miidiyaaleen hawaasaa irratti dubbii ijoo ta’eera.

Kunis Putiin loltoota duuba isaa dhaabbataniin dabaalamuun suuraa irratti inni mul’atan loltoota dhugaa osoo hin taane, namoota akka taatotaa fakkeessaniif mindeeffamaniidha kan jedhuudha.

Putiin namoota akksii waliin suuraa yoo ka’u kun kan jalqabaa mitis jedhamaa jira.

Ofii kanaaf ragaa attamiitu jiraa?

BBCn himannaa kana adda baasuudhaaf jecha softweerii fuula namootaa ilaaluun eenyummaa namootaa adda baatuu (facial recognition software) tti fayyadamuun suuraa muraasa ilaaluu yaaleera.

Putii qophiilee adda addaarratti suuraa ni ka’u. Haata’u malee namoonni hirmaattoota qophii sanaati jedhamuun suuraa irratti mul'atan muraasni dhugaa akka hin taane shakkama.

Qorannoon BBC Raashiyaa bara 2020 keessa taasisee akka mul’iseetti, Putiin akka waan qophiilee irratti jiraattoota naanichaa waliin akka tasaa dhaquun haasaa taasiseetti dhiyaatan muraasni, dhugaansaa kan qondaaltooti mootummaa fi hiriyootasaa ta’u adda baaseera.

Dubartii rifeensa adii

Dubartii bakkeewwan Putiin argame adda addaatti mul'ate

Akka gabaasaaleen marsariitii The Sun fi Daily Mail mul’isanittis, keessattu dubartiin tokko bakkeewwan garaagaraatti namoota adda addaa bakka bu’uun suuraa yoo kaatu mul’ateeti.

Bara 2016'tti Putiin wayita Putiin qurxummii kiyyeessu waliin kaate jirti. Bara 2017'tti ammoo Putiin waliin bataskaana keessatti suuraa waliin kaate jirti. Ammas bara haaraa dhiheenya kana kabajame irratti Putiin wayita loltoota waliin suraa ka’etti waliin kaate jirti.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dubartiin tunis miseensa humna eegdoota federaalaa Raashiyaa akka taate gabaasaaleen Yukireen ni mul’isu.

BBC'nis appiitti fayyadamuun suuraa dubartii bara haaraadhaaf Putiin waliin kaate kana kan bara 2016 fi 2017’tti isa kaate waliin yoo wal bira qabee ilaalu, harka 29 fi 28 kan wal fakkaatu ta’e argateera.

Haata’u malee suuraa dubartii bara 2016 fi 2017 Putiin waliin kaatee yoo wal bira qababamee xinxalu parsantaa 99.1 kan walfakkaatu ta’e argateera.

Yunivarsitii Bradford irraa kan ta’an Pirofesar Haasan Yugaalii akka jedhaniitti, yoo bu’aan suuraalee wal madaalchisanii %75 fi isaa ol wal fakkaatee argame, namni suuraalee garaagaraa irratti mul’ate sun nama tokko akka ta’etti yaadama.

Miidiyaa Raashiyaatiin dubartiin tun Laariisaa Sargukiinaa akka taatee ibsameera.

Bulchiinsa Noovigireditti miseensa mana mareeti. Isheenis Paartii Putiin deeggaru Paartii Qindoomina Raashiyaa (United Russia Party) bakka bu’un miseensa taate. Suraaleen Putiin waliin kaate lamaan kunneenis kan kaate bulchiinsa kanatti.

Suraa ishee intarneetii irratti akka suuraa paartii isheetti maxxanfameefi kan isheen bara 2016 bidiruu irratti osoo Putiin waliin qurxummii kiyyeesituu kaatee waliin %99.8 wal fakkaata.

Laariisaan bulchiinsuma sana keessatti haadha qabeenyaa dhaabbata oomisha qurxummiiti.

Dubartiin bara haaraatti Putiin waliin mul’attee miidiyaaleen Raashiyaatiin Anaa Sarigeevnaa Sidorenkodha jechuun gabaasan. Isheenis hakima loltootaafi kaabteeniidha.

Suuraan bara haaraa Putiin waliin kaatee kunis kan isheen gaazexaa Raashiyaa Isvestia jedhamu waliin taasifte irratti maxxanfame %99.5 wal fakkaata. 

Akkasumas maqaan dubartii tanaa tarree miseensoota loltoota Raashiyaa tajaajila Tika Yukireeniin maxxanfamee keessatti ni argama.

Kiyyeessitoota qurxummii

Akkasumas BBCn suuraawwan garee dhiiroota bara 2016tti  Putiin waliin qurxummii kiyyeessaniifi kanneen bara 2017tti Putiin waliin bataskaana keessatti ka’aniis wal bira qabuun ilaaleera.

Namoota bakkeewwan adda addaatti Putiin waliin mul'atan

Kanaanis suuraalee namoota arfanii lamaan jidduu walfakkaannaa harka 99 qaba. Hundisaanitu Bulchiinsa Noovigirod keessa akka jiraataniif yoo xinnaate sadan isaanii kiyyeessitoota qurxumii ta’u BBCn adda baafachu danda’eera.

Namni lakkoofsa 1 irratti mul’atuufi maqaansaa Aleeksi Liiyaashinko jedhamu duree garee kiyyeessitoota qurxumiiti.

Inni lakkoofsa 5 irratti mul’atu ammoo ilma Aleekisii akka ta’e ragaaleem miidiyaalee hawaasaa irraa argaman ni mul’isu.

Namoonni kunneen hundi garee qonnaa tokko keessatti akka argaman suuraalee miidiyaa hawaasaa irratti maxxansan irraa hubachun ni danda’ama.

Daarektarri ittaantun ammo Laariisaadha.

Lakkofsa 2 irratti kan mul’atu Sargee Aleeksaandariivaa kiyyeessaa qurxummii jedhamuun miidiyaa Raashiyaatiin eerameera.

Nama akka kiyyeessaa qurxumiitti dhiyaate

Madda suuraa, Vk

Miidyaalee hawaasaa irratti uffata kiyyeessitoota qurxummii uffachuun kan mul’atu qaba.

Namni lakkoofsa 4 irratti argamu ammoo suraansaa miidiyaa hawaasaarratti hin argamne. Haata’u malee suuraa nama kana fakkaatu tokko jalatti yaada ‘‘attamiin Putiin waliin mulate?’’ jedhu arganneera.

Deebiin isaa amoo: ‘‘Inni yeroo baayyee hojii Novgorod keessatti Putin waliin wal argeera’’ jedhu jala jira.

Nama qonnaan bulaa ta'u Putiin waliin mul'ate

Suuraan miidyaa hawaasaa irratti maxxanfame kan biraa ammoo, namoonni kunneen bulchiinsa Stavropol keessatti qonnaan bultoota fakkaachuun Putiin waliin suuraa ka’unsaanii himamee ture.

Ta’us suuraaleen kunneen yoo appiin wali madaalchisan %8 qofa wal fakkaatanii argaman.

Dubartii ayiskireemii gurgurtu

Dubartiin bara 2016 fi 2017tti ayiskireemii osoo gurgurtu mul’atu nama gaaffiin irratti ka’u kan biraati.

Suuraaleen kaatees kan qulqullina hin qabne waan ta’aniif appiichaan adda baasuun yoo dadhabame illeen, gaaffiifi deebii bara 2019 keessa taasifame irratti bara lamaanuu Putiinif ayiskireemii kan kan dhiyeessite ishee ta’u dubartii dubbatteedha.

Dubartoota taateewwan lamarratti Putiiniif ayiskireemii dhiyeessan

Putiin baroota lamaanu bakka wal fakkaataatti agarsiisa xiyyaaraa dowwachuuf achi dhaquun suraalee kanneen kan ka’ee ture.

Kanaafu yeroo lamaanu ayiskireemii kan itti gurgurte dubartii takkittii yoo taatees baayyee nama hin dinqu ture.

Garuu ammo, dubartiin tun hojjataa daandii qilleensa Raashiyaa Erofilot jedhamu waliin suuraa ka’unshee ni dubbatama. Sababii hanqina qulqullinaatiin suuraalee kanneen appichaan mirkanneessuun hin danda’amne.

Putiin baatiin dura loltuu madaa’e tokko waliin suuraa ka’usaafi loltudhumti kunis isaan dura warshaa keessatti Putiin waliin suuraa ka’e akka ture dubbatama.