Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Arsenaal vs Liiverpuul: Tapha muddamaafi diraamaan guutame
Dorgommiin Arsenaaliifi Liiverpuul kaleessa [Dilbata galgala] taasisan bara dorgommii kana keessa taphoota taasifaman keessaa ''muddamaan kan guutame, hokkarri kan itti dhalateefi yaaddessaa ture,'' jechuun ibsite gaazexeessituun ispootii BBC Eemaa Saandars.
Taphni Arsenaaliifi Liiverpuul kaleessaa kun kan kilaboota lamaanii qofa hin turre.
Kilooboonni biroon bu'aa tapha kanaa dhimmanii eeggachaa turan jiru.
Dursaa liigichaa kan ta'e Arsenaaliin booda deemee 'si qabadhe' jedhee sardaa kan jiru Maanchester Siitiin Arsenaal qabxii gatuu isaa dhimmeetuma eeggachaa jira.
Liigii Awurooppaatti carraa hirmaachuu keessa galuudhaaf kaayyoo godhatanii falmaa kan jiran Aston Viilaafi Evertenis Liiverpuul qabxii nuuf gata jedhanii hawwiin eeggachaa jiru.
Arsenaal dursee 2fi 0 dursuu danda'ullee goolii daqiiqaa 87ffaa irratti itti galeen walqixa ta'ee xumureera.
Kun kilaboota qabxii gatuu eeggataniif kan mijate ture.
Taphni baayyee eegamaa ture kun sa'aatiin isaa gahee Arsenaal gooliiwwan Maartineeliifi Jeesus walitti aansuun lakkoofsisaniin olaantummaan xumuree seenaa jijjiira jedhamee ture.
Arsenaal dirree isaa Anfiild irratti Liiverpuuliin kan mo'ate waggaa 10 dura ture.
Arsenaal hanga Mohaammad Saalaah boqonnaaf ba'uuf daqiiqaan lama qofa hafutti goolii Liiverpuuliif lakkoofsisetti taphaanillee olaantummaa qabatanii ture.
Gooliin Saalaah kun muudii jaraa qajeelchiteef, isumaan taphatti deebiyan. Boqonnaa booda cimanii itti fufan ijoolleen Kiloop.
Arsenaal irratti goolii lakkoofsisuu kan itti beekuufi miyeeffataa ta'e Roobert Firimiiniyoo jijjiiramee seenuun daqiiqaa 87 irratti goolii Liiverpuuliif baayyee barbaachiftuu taate galcheef.
Gooliin kun galuu keessatti dogoggorri Zinchenkoo warra Arsenaal uume waan dagatamu miti.
Hokkara, muddama: Diraamaa Anfiild...
Arsenaal dursa Piriimer Liigii isaa cimsatee itti fufuu hin dandeenye.
Kanaan dura lamaffaarra kan jiru Maanchester Siitii qabxii 8n caalee deemaa ture.
Amma garuu Siitii taphni tokko osoo isa hafuu qabxii 6 qofaan Arsenaaliin caalamuutti dhiphifachuu danda'eera.
Leenjisaan Arsenaal Mikeel Arteettaa yeroo hunda tapha Liiverpuul waliin qabu ilaalchisee sodaa tokko qaba.
Sodaa inni qaba kun garuu isaaf hin oolle.
Liiverpuul dirree isaarratti yeroo taphatu deeggartoota Anfiild irraa kan ka'e taphni gara miiraafi hokkaraatti seenuun tapha akka jijjiiru dhimmee beeka ture Arteettaan.
Liiverpuul faaruu kilabichaa 'You'll Never Walk Alone' jedhuun dirreen yeroo qodaa xaxatutti taphattoonnis miira addaa keessa seenu.
Keessumaa ammoo morkattoonni xiqqoo miira keessa seenanii dubbii barbaannaan daran hammaata.
Kana beekee dursee taphattoonni isaa akka of eeggataniifi haala Anfiild keessatti deeggartoonniifi taphattoonni uuman kana bira darban itti himaa tureera Mikeel Arteettaa.
Arteettaan the "jungle" of Anfield jechuun ibsa. Kana irraa ka'uun Arteettaan taphattoonni isaa akka isaan Liiverpuul aarsuu hin qabnellee itti himachaa tureera.
Haata'u malee, Giraanii Zhaakaa garuu gorsa leenjisaa isaa kana dagatee tapha gidduutti taphataa sarara ittisaa Liiverpuul Aleksaaddar Arnoold waliin qoccollootti seene.
Gocha kanaan taphattoonni gama lamaanirraa hatakaaroo keessa galan kaardii kelloo arganiiru.
Kun ammoo dirree Anfiild durattiyyu aaraa ture bobeesse.
Liiverpuuliifi ammoo hokkarriifi muddamni Anfiild kunoo waa dhaleef, 2 fi 0 irraa ka'anii 2 fi 2 walqixataan akka galan gargaare.
Karra eegaan Arsenaal Aroon Raamsadel osoo hin jiraannee Arsenaal kana caalaayyu ta'uu mala ture. Walqixa bahanii qabxii tokko qabatanii galuufiyyu isatu isaan baraare.
Raamsadeel daqiiqaa dhumaa irratti kubbaa Liiverpuuliif goolii ta'uu malan hambiseera.
Leenjisaa Liiverpuul Kiloop osoo hin hafiin dandeettii karra eegaa Arsenaal kana dinqisiifataniiru.
Tapha gara maraatummaatti jijjiirame kana to'annee dhuma irratti wal qixa bahuu dandeenyeerra jedhe Kiloop.
Arsenaal tapha kanaan mo'atamuu danda'u ture kan jedhe Kiloop, walqixa ba'uun isaaniif qabxii gaariidha jedhe.
Penaaliitii Liiverpuul argatee Mohaammad Saalaah dhabes kan dagatamu hin turre.
Taphni kun diraamaan kan irratti mul'ateen ala hawwataa akka tures namoonni ibsaa jiru.
"Taphoota filatamoo ilaale keessaa tokkodha. Ho'isaaf osoo hin taane tapha baayyee hawataa ture," jechuun SKY sport'tti hime taphataan sarara ittisaa Mikaahi Richaard.
Sagantaa BBC Sport kan dhiyeessu Riik Ediwaard ammoo akkas jedhe: "Tapha filatamaa dorgommii bara kanaan daawwadhe. Kun ammoo gaarummaa taphaatiin osoo hin taane taateewwan diraamaa argineenidha. Walqixa ba'uun isaanii firii sirrii ta'edha. Diraamaa akkamiiti seetan!"
Leenjisaan Arsenaal Mikeel Arteettaanis osoo 2fi0 dursaa jirtanii 2fi2 walqixa baatan taphicha akkamiin ilaalte jedhamee gaafatamee 'Wow!' jechuun deebise.
"Taphichi to'annaa keenya keessa ture. Garuu erga goolii isa jalqabaa lakkoofsisaniin booda muudiin taphichaa jijjiirameera. Isaan booda to'achuu dadhabne... Liiverpuul sadii ykn afur lakkoofsisuu danda'u ture. Nutis gooliiwwan dabalataa carraan itti lakkoofsisnu tureera. Kanaaf, firiin isaa haqa qabeessa ykn madaalawaadha," jedhe Arteettaan.