Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Peep Gaardiyoolaan oppireeshinii tahan
Leenjisaan Maanchister Siitii Peep Gaardiyoolaan dhibee dugda isaaniirra isaan mudateen tajaajilli baqaqsani yaaluu taasifamuufi kilebichi mirkaneesse.
Gaardiyoolaan dhibee kanaan yeroo muraasaaf rakkaataa akka turan ibseera.
Tajaajila baqaqsanii yaaluudhaaf gara biyya isaanii Ispeen magaalaa Baarseloonaatti balali'an.
Achitti hakiimni Dr Miire'aa Iluukaa jedhamu akka isaan yaalanis himameera.
Tajaajilli baqaqsanii yaaluu kun milkaa'uu kan ibse kilebichi, achuma Baarseloonaa turuun akka bayyaannatanii fi wal 'aanaman himeera.
''Bakka leenjisichi hin jirretti, itti aanaan isaanii Juunmaa Liiloo taphattoota shaakalsiisuutii hanga hojii isaanii kaan bahachuuti hanga isaan deebi'anitti kan bakka isaan bahan taha,'' jedhe ibsi kilebichaa.
Gaardiyoolaan yeroo boqonnaa [ international break] gara hojii isaaniitti deebi'u jedhamee eegama.
Namni hunduu kilaba isaanii Maanchister Siitii keessaa Gaardiyoolaan akka dafee fayyu hawwii qaban ibsaniiruuf.
Peep Gaardiyoolaan sababa yaala kanaan taphoota lama dhabu.
Peep Gaardiyoolaan bara 2016 leenjisaa Maanchister Siitii tahuun qacaraman.
Ergasii waancaa Piriimer Liigii shanii fi Shaampiyoonsi Liigii dabalatee waliigalaan waancaawwan 15 kilebicha waliin injifataniiru.
Maan Siitiin akka kilabaatti hundeeffamee waggoota 125 booda yeroo jalqabaaf waancaa Shaampiyoonsi Liigii kan injifate leenjisummaa isaanii jalattidha.
Gaardiyoolaan kileba biyya isaanii Baarseloonaa keessa taphachaa turuun yeroo soorama bahan achumatti leenjisaa garee ol adeemoo tahuun hojii leenjisummaa jalqaban.
Osoo hin turiin ammoo leenjisaa Baarseloonaa garee gameessotaa tahuun, waancaa Laaligaa sadii, Shaampiyoonsi Liigii lama waancaa Kooppaa del Rey lamaa, Suupper Kaappii Ispeen sadii, Suupper Kaappii Awurooppaa lamaa fi Waancaa Kileboota Addunyaa [World Club Cup] lama mo'ataniiru.
Gaardiyoolaan leenjisaa taphataa jabaa addunyaa keenyaa jedhamuun beekamu Liyonel Mesiif carraa kennuun wal tajjii addunyaatti beeksisanidha.
Leenjisichi sana booda gara kilaba biyya Jarman Baayern Munik deemuun waancaa Bundis Liigaa mo'ataniiru.
Shaampiyoonsi Liigiidhaan garuu milkaa'uu hin dandeenye ture.