Torbeen Turiizimiifi Teeknolojii yeroo jalqabaaf Oromiyaatti qophaa'uuf

Maxxanfame

Koomishiniin Turiizimii Oromiyaa Adooleessa 10 -13 , 2022tti torbee Turizimiifi Teeknolojii kan jalqabaa ta’e gaggeessuuf.

Walta’iinsa Ministeera Turiizimiitiin kan qophaa’e sagantaan kun, turizimii Oromiyaa beeksisuu keessatti bu’uura cimaan kan itti kaa’amudha jedhan Komishinara Ittaanaan Komishinii Turiizimii Oromiyaa Obbo Naggaa Wadaajoo.

Sagantaa torbee turiizimiifi teeknolojii kanaan hoji-maatawwan haaraa ifooman keessaa tokko Muuziyeemii Turizimii Dijitaalawaa ‘Google Art and Culture’ komishinichi qopheesse ni jalqaba.

Akka Obbo Naggaan jedhanitti, karaa appilikeeshinii kanaatiin qabeenya turiizimii Oromiyaan qabdu beeksisuuf dhaabbata Google wajjin waliigalteen raawwatame sagantaa kanarratti mallattoon ni raawwatama.

“Dhabbanni Google biyyoota garaagaraa waliin ta’uudhaan hojii qabeenya turiizimii isaanii beeksisuu kana karaa App isaa kanaan hojjeteera. Leecaloowwan (resources) aadaa, seenaa fi turizimii walitti qabee achirra kaa’a,” jedhan.

Komishinichis seenaawwan qabeenya Turiizimii Naanichaa hedduu afaan Ingiliziitiin qopheesseeuun karaa appilikeeshinii google kanaatiin hawaasa addunyaa akka qaqqabuuf hojjetama jedhaan.

“Amma kan jalqabsiisuuf jirru pirojektiin muuziyeemii dijitaalawaa kuni qabeenya muraasa beeksisuudhaan kan jalqabnudha.

Gara fuuladuraatti qabeenyawwan muuziyeemii biyyattii keessa jiran hedduu karaa appilikeeshinii kanaatiin akka beeksifaman gochuuf karoora qabna,” jedhan Obbo Naggaan.

Kalaqawwan teeknolojii turiizimii beeksisan ni ifoomu…

Torbee Turizimiifi Teeknolojii Finfinneetti kabajamu kanarrati kalaqawwan teeknolojii dargagootaan hojjetamanis ni eebbifamu.

“Akka fakkeenyaatti appilikeeshiniin ‘Olocate’ jedhamu kan dhaabbileen tajaajila adda addaa kennan eessatti akka argaman ibsu ni jira.

Kan biraan kuusaa suuraawwaniis ni jira. Kun hawwatawwan turiizimii Oromiyaa keessa jiran suuraa isaaanii iddoo tokkotti kan walitti qabamu,” jedhan.

Komishinichi erga hundaa’ee asitti suuraawwaniifi viidiyoo qabeenya turiizimii naannichaa ibsan kuma 150 caalan walitti qabuun kuusaa suuraawwanii (Photo stock) keessa kuusuu himan Obbo Naggaan.

Fuuladuratti hojiin suuraafi viidiyoo kuusuu kun itti fufee waan hojjetamuuf namni waa’ee Oromiyaa sagantaas ta’e dokumantariiwwan adda addaa hojjechuu barbaadu kuusaa suuraa kana seenuun waan hunda salphaatti akka argatuuf gargaaras jedhan.

‘Album Oromia’ fi barruuleen yeroo yeroodhaan maxxanfamuufi qabeenya Oromiyaa beeksisu karaa online gadhiifamus hojiiwwan haaraa tibbana ifooman keessaa ta’uus himan.

Fuula marsariitii Komishinii Turiizimii Oromiyaa jedhu odeeffannoo guutuufi fakkiiwwan hawwatoo turistoonni fayyadaman kan qopheesseeru Komishinichi, bakkawwan hawata turistii Oromiyaa toora galaniiru.

Fuula kana irratti, mul'ataafi ergama Komishinichaa dabalatee odeeffannoo barbaachisoo ta'an dhiyaataniiru.