Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Shakkamtoonni ‘nuti ABO Shaneeti’ jechuun nama ukkaamsuun birrii 300,000 gaafatan to’ataman
Shakkamtoonni lama Magaala Fiicheetti ‘nuti ABO Shaneedha’ jechuun nama ukkamsan, to’atamanii qoratamaa jiraachuu qondaalli mootummaa magaalichaa ibsan.
Taateen kun Godina Shawaa Kaabaa bulchiinsa magaala Fiichee, ganda Diida Heexoo, gooxii Alaata-maaram jedhamu keessatti raawwatamuu Itti gaafatamaan Waajjira Bulchiinsaa fi Nageenya magaalaa Fiichee Obbo Araarsaa Nagaash BBCti himaniiru.
ALI Adoolessa 10 bara 2014 shakkamtoonni lamaan, Damissoo (Saamu’el) Abbabaa fi Abbaabaa Taadduu jedhaman dargaggoo maqaan isaa Ayyoo Dassaalaw jedhamuun “dhimmaaf si barbaadna” jechuun bilbilaan waaman.
“Tilmaamaan naannoo sa’aa 11:00tti bilbilaan gara manaatti waamanii mana shakkamaa tokkoffaa Saamu’el Abbabaa dhaqe” jedhan.
“Gaafa manasaa gahu garuu wanta biraatu isa qunname. Akka mana gaheen afaanfii harkasaa hidhuudhaan ukkaamsanii maallaqa gaafachaa turan” jedhan Obbo Araarsaan.
Wayita miidhamaan harka shakkamtootaa turettis miidhaa fi dararaan garagaraa irratti raawwatamuu ragaan Waajjira Bulchiinsaa fi Nageenya Magaala Fiicheerraa arganne hima.
“Nama kanarratti miidhaawwan garagaraa gahaniiru. Qaamasaa irratti reebichi garagaraa gaheera. Dararri garagaraa gaheera. Qaamni isaa iddoo baay’ee madaa’era” jedhan Obbo Araarsaan.
“Nuti ABO Shaneedha…”
Ayyoo Dassaalaw halkan sana hanga sa’aa 10:00 irratti, mana shakkamaa tokkoffaa erga tursiifamee booda halkanuma sana nama mana amantaa deemu fakkeessuun uffata itti uffisanii, harka fi afaan hidhanii gara mana shakkamaa lammaffaa geeffamuu Obbo Araarsaan himan.
“Ammas akkuma kana dura godhan maallaqa akka galchuuf doorsisaa turan. Dabalataan mobaayil baankingiidhaan herreega (baankii) isaarraa maallaqa dabarfachuuf ture. Garuu ‘password’ dogongoraa waan itti galchaniif hin milkoofne” jedhan.
Itti aansunis shakkamtootni maatii miidhamaatti bilbiluun maallaqa akka ergan gaafachuu eegalan.
“Maatii isaarratti bilbilanii ‘nuti ABO Shaneedha. Namni Ayyoo Dassaalaw jedhamu nu bira jira waan ta’eef, maallaqa qarshii Kuma 300 akkaawuntiirratti galchaa' jedhanii gaafachaa turan” jedhan Obbo Araarsaa Nagaash.
“Kaayyoon isaaniis nama kana sodaachisanii maallaqa kana argachuudha” jedhan.
“Shakkamtootni miliquuf yaalanii turan…”
Eeruu hawaasarraa isaan qaqqabe bu’uura godhachuun qaamoleen nageenyaa shakkamtoota irratti hordoffii taasisuu kan himan Obbo Araarsaan, shakkamtootni yeroof baqatanii akka turan himan. “Erga baqatanii booda to’annaa fi hordoffii taasifneen bulchiinsuma magaala Fiichee keessatti to’achuun danda’ameera” jedhan.
Haaluma kanaan shakkamaan tokkoffaa Adoolessa 12 yemmuu to’atamu shakkamaan lammaffaan immoo kaleessa Kamisa Adoolessa 14 bara 2014 to’annoo jala oole.
Shakkamtootni lamaan dhalootaan aanaa Darraa akka ta’an fi shakkamaan tokkoffaa Saamu’el Abbaba magaala Fiichee keessatti mana jireenyaa kan qabu fi shakkamaan lammaffaa immoo magaalicha keessatti kireeffatee kan jiraatu ta’uus Obbo Araarsaan himaniiru.
Yeroo ammaattis shakkamtoota irratti qorannaan adeemsifamaa jiraachuun himameera.
Yakki nama ukkaamsuun maallaqa gaafachuu magaala Fiichee keessatti raawwatee kan hin beeknefii inni kunis isa jalqabaa akka ta’e Obbo Araarsaa Nagaash himaniiru.
Gama biraatin hidhattootni Waraana Bilisummaa Oromoo kan mootummaan ‘Shanee’ jedhuun gochaa nama ukkaamsuun maallaqa gaafachuun irra deddeebin komatamu.
Haa ta’u malee hidhattootni kunneen gochicha raawwachuu ni haalu.