Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Gaa’ellishee diigamuu Tik-Tok irratti dubbannaan, abbaan warraa ishees ofis ajjeese
Saaniyaa Kahaan Gaa’ela isheef ta'uu dide dhiistee baahuusheen miseensonni hawaasa Musliimota Eeshiyaa Kibbaa akka waan jireenyi ishee jalaa ‘babbadetti’ ilaalu.
Karaa Tik Tok garuu namoota ishee jajjabeessan argatte. Kun garuu kan tahe hamma guyyaa abbaan warraa isheen hiikuuf jettu ishee ajjeesettidha.
Seenaan kun qabiyyee miira isin jeequ qabaachuu mala.
Korojooshee qixeessitee, bilisummaa gonfachuuf qophooftee turte.
Adoolessi 21 guyyaa Saaniyaa shamarreen ganna 29 Chikaagoo gadhiistee baatee, gaa’ela ishee miidheerraa bayyanachuuf qofaashee karaa haaraa jalqabuuf gara iddoo dhalootashee Chaataanuug itti deemtu ture.
Garuu sun hin taane; saanduuqa reeffaatu gara iddoo dhalootashee Chaataanuug Tenasiitti ergame.
Guyyoota sadiin dura poolisoonni gaafa Saaniyaa mana Chikaagootti abbaa warraashee waliin jiraachaa turte fuulduratti argatan hafuurri keessa hin turre. Mataashee kara duubaan rasaasaan dhahamtee battalatti akka duutedha kan barame.
Yeroo poolisiin achi gahu abbaan warraa ishee kan ture namni umuriin isaa ganna 36 Rahiil Ahimad qawwee ittiin ishee ajjeese ofitti garagalchuun of ajjeese.
Akka poolisiin gaazexaa Chicago Sun-Times’tti himetti, jarri kunneen ‘adeemsa wal-hiikuu’ keessa otoo jiranii Ahimad Saaniyaa irraa adda bahee isteetii biraa deemee ture.
Ta'us gaafas kiloomeetika 700 ol imalee gara mana jireenyaa isaanii duriitti kan dhufe ‘’gaa’ela isaanii baraaruuf’’ sababii jedhuun jedhe poolisiin.
Namni kun haala suukaneessaa ta'een Saaniyaa ajjeesuun boqonnaa jireenyashee goolabe.
Saaniyaa Kahaan ogeettii suuraa lammii Ameerikaa sanyii Paakistaan irraa taatedha.
Miidiyaa hawaasaa TikTok irratti waa’ee jiila gaa’elaafi loogii nama gaa’ela diige irra jirutti dubartootaaf sagalee tahuun hawaasa Kibba Eeshiyaa keessatti beekamtii argachaa turte.
Taateen kun hiriyyootasheefi dubartoota gaa’elaafi hariiroo gaarii hin taane keessa jiran rifaasisuurra darbee keessaa bahuuf akka sodaatan dhiibbaa gochuu mala.
''Waggaan 29 boqonnaa haaraa naaf taha,’’ jechaa turte jettii hiriyyaan ishee yunivarsiitii Biriyaannaa Wiiliyaams.
Akka hiriyyoonnishee jedhanitti, Saaniyaan nama gammadduu, qajeeltoofi namaaaf yaaddu turte.
Kana malees, ogummaa suuraa kaasuudhaan , "namoonni akka of jaalatan barbaada,’’ jetti ture.
Sagantaa cidhaa, haadholii garaatti baatan, Ashkutii fa’i irratti suuraa kaasuun qarshii gaarii argatti ture jetti.
'‘Yeroo abbaa warraasheetti heerumtu cidha Paakistaan guddaa qopheessanii wal-fuudhan.’’
Ta'us akka hiriyyoonnishee jedhanitti, '‘Ahimad nama dhibee sammuu qabuufi yeroo dheeraaf immoo hariiroon isaanii fageenyarraa gatii tureef gaa’ela isaanii walii-galtee akka dhaban godhee,’’ jechuun shakku hiriyyoonnishee.
Mudde darbe Saaniyaan Ahimad dhibee sammuu akka qabuufi akka sodaachaa jirtu dubbatteetti jetti hiriyyaanshee.
BBC’n maatii Ahimad dubbisuuf yaalus maatiin yaada kennuuf eeyyamamoo miti.
Ameerikaatti nama ajjeesanii of ajjeesuu kanaan torbeetti namoonnii 12 tahan akka du’an waajirri dhimma kanarrtti hojjetu ‘Violence Policy Center yoo himu, lama sadaffaan ajjeechaa kanaa immoo jaalallee ykn abbaa warraan kan raawwatamudha.
Ogeessonni miidhaa mana keessaa qoratan akka jedhanitti, dubartoonni gaa’ela ykn hariiroo jaalala jalqaban yeroo dhiisan balaa abbaa warraan ykn jaalalleen ajjeefamuuf saaxilamu.
Hiriyyoonni ishee, ‘’Saaniyaan waa’ee gaa’ela ishee haasa’uun baayyee itti toluu baatus garuu Ahimad halkan akka hirriba hin qabne, amala addaa akka agarsiisuufi hakiima akka dubbisu itti himnaannis diduusaa,’’ dubbachuushee ni yaadatu.
Akka hiryyaanshee Wiiliyaams jettutti, yeroo gaa’ela kana dhumarratti diiguuf murteessitu hiriyyooti kaan akka turtee ilaaltu itti himu, kaan immoo ishee deeggaru ture.
Abbaan warraashee garuu gaa’ela diiguun qaanii akka taheefi, "namni maal nuun jedha,’’ jechuun irra deddeebiin itti himaa ture, jetti.
Dhumarratti garuu deeggarsa hiriyyootasheen Hagayya keessa wal-hiikuudhaaf seera bira dhaqxee akka inni ishee bira hin geenyeefis dhorkisiistee turte.
Kana booda TikTok irratti seenaa ishee qooduu jalqabde, ‘’hoolaa gurraattii,’’ jechuunis of waamti ture jetti.
'‘Akka dhalataa Kibba Eeshiyaa tokkootti gaa’ela diiguun, jireenyi kee akka dhumateetti ilaalama,’’ jechuun TikTok irratti maxxansite.
"Miseensonni maatii koo yoo gaa’ela kee diigde seexanni akka mo’atu goota, akka sagaagaltutti uffatta, yoo deebitee dhufte of ajjeesna naan jedhaniiru,’’ jechuun barreessaa turte.
'‘Dubartoonni gaa’ela isaan miidhu akka dhiisanii bahan hundatti himuun barbaada jetti ture,’’ jechuun ibsiti hiriyyaanshee Naatii jedhamtu biraan.
Waan irra gaherraa kaatee dubartoota kaaniif sagalee tahuuf seenaashee qoodaa akka turtes dubbatti.
Yeroo duutetti TikTok irratti hordoftoota 20,000 ishee hordofaa turan. Isaan keessaa tokko dubartii Musliimaa dhalattuu Paakistaan lammummaan Ameerikaa Bismaa Paarveezdha.
'‘Yeroo viidyoo ishee jalqabaa arge, Rabbiin kadhadheefi,’’ jetti
'‘Dubartoonni haala kana keessa jiran akka obsan itti himama garuu gaa’ela haleellaan keessatti raawwatuuf garuu obsi deebii miti,’’
Erga lubbuun ishee darbuu dhagahamee booda waa’eenshee mata duree tahuun TikTok irratti qoodamaa ture.
Waajirri haleellaa mana keessaa irratti hojjetu Apna Ghar du’a Saaniyaa Kahaan kana ilaalchisuun marii hawaasaafi yaadannoo baatii tokkoo maqaa isheetiin adeemsisuuf jira.
Bismaan, ‘’dubartoota akka of eeggatan ni barsiifna garuu ijoollee dhiiraa dubartoota kabajan guddisuunis barbaachisaadha,’’ jette.