Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Fiigichi meetira 5,000 dhalattootni Baha Afrikaa mootii itti ta'an akkamiin harka Noorweey gale?
Barootaaf dorgommiiwwan atileetiksii Olompiikii haata'uu, shaampiyoonaa addunyaan fiigichi fageenya dheeraa keessumaa meetirri 10,000 fi 5,000 lammiilee biyyoota Baha Afrikaa ykn ammoo dhalattoota Baha Afrikaa biyyoota biroof fiiganiin to'atamee ture.
Biyyootni olloonni lameen Itoophiyaa fi Keeniyaan fiigicha dheeraa kana irratti mootii ta'anii turaniiru.
Booda keessa Ugaandaan atileetota Keeniyaafi Itoophiyaaf qormaata ta'an omishuu eegalte.
Dhalataan Somaaliyaa Moo Faaraan ammoo biyyoota lameen warqee fageenya kanaan qophaayan heddduu dhuunfachuun maqaa horatan irra aanee biyya lammummaa irraa qabu, UK, irra deddeebiin maqaa dhoofsiseera.
Ameerikaanis dhalattoota Keeniyaa akka Pool Cheliimoo fi biyyoota kaaniin fageenya kanaan meedaliyaawwan bubbutachaa turaniiru.
Haata'u malee fiigicha meetira 5,000 shaampiyonaa addunyaa Ameerikaa Origanitti gaggeefamaa ture irratti dhalaataafi lammiin Noorweey Jakob Ingebrigtsen warqee injifateera.
Dargaggoon ganna 21 kun fageenya gidduugaleessaarratti gara caalu kan hirmaatu yeroo ta'u fageenya m1,500'n irratti hirmaatee lammaffaa bahuun warqee injifachuurraa hanga xiqqootti hanqate.
Ingebrigtsen daqiiqaa 13.09.24 tokkoffaa yeroo bahu, atileetiin Keeniyaa Jaakoob Kiroop lammaffaa, Atileetiin Ugaandaa Oskaar Cheliimoo ammoo sadaffaa bahan.
Abbaan warqee shaampiyoonaa darbee Muktaar Idiriis, atileet Yoomiif Qajeelchaafi meetira 10,000'n abbaa warqee Olompiika Tookiyoo kan ta'e Salamoon Baaraggaa Itoophiyaaf meedaaliyaa argamsiisuuf hiree hin arganne.
Umrii 21'tti abbaa warqee Olompiikiifi Shaampiyoonaa addunyaa
Atileetiin fageenya gidduugalaa fi dheeraa Jakob Ingebrigtsen Olompiika Tookiyoo bara 2020 irratti fageenya meetira 1,500 warqee argateera. Yeroon itti dorgommicha injifate 3.30. 60 riikardii Olompiikaa fi Awurooppaa ta'ee galmaa'era.
Dargaggoon kun bara 2018'tti shaampiyoonaa Atileetiksii Awurooppaa irrattis hirmaatee fageenya meetira 1,500 fi 5,000 warqee injifateera.
Daayimandi Liigii dabalatee dorgommiiwwan hedduurraatti meedaaliyaawwan sassaabbachaa kan jiru atileetiin kun meetira 1,500'n nama rikardii addunyaa harkaa qabu.
Atileetii Ugaandaa riikardii fageenya meetira 5,000 harkaa qabu Jooshuwaa Chepteegii kan injifate Jakob Ingebrigtsen, ''gammachuu guddaatu natti dhagaahama. Injifachuu barbaadeen ture, nan injifadhe'' jechuun dubbate.
Atileetiin kun marsaalee xumuraa sadan dursee saffisa itti dabaluun morkattoota isaa Itoophiyaa, Keeniyaa fi Ugaandaa dadhabsiifate.
Atileetichi fageenya kanaan shaampiyoonaa addunyaa ta'uuf yaaliiwwan shan godhee Origanitti milkaahuu dubbate.
Meetira 1,500 fageenya rikardii harkaa qabuun lammaffaa bahuutti aaree akka tures himeera.
Atileetotni fageenya gidduugaleessaatii marsaalee sadiif afur saffisaan fiiguutti shaakala waan qabaniif gara fiigicha meetira 5,000 dhufuun atileetota Itoophiyaa gara caalu fageenya kana akka dorgommii aadaatti ilaalaniif qormaata ta'uu akka danda'u injifannoon dargaggoo kanaa agarsiiftuudha.