Doolaarri Ameerikaa maaliif maallaqawwan kaan caala gatii jabaa qabaate?

Maxxanfame

Gatiin doolaara Ameerikaa yoo maallaqawwan jajjabaa biyyoota kaanitiin wal madaalchifamu waggoota digdamaan booda yeroo jalqabaatiif ol ka'e.

Kana jechuunis doolaara bitachuun baayyee qaalii ta'eera, ykn doolaaraan paawundii, yuuroo ykn yeen caalaa bitachun danda'ama jechuudha. Kunis bizinasootaa fi maatiiwwan addunyaa guutuu irratti dhiibbaa taasisa. Doolaarri hangam cimaadaha?

Ibsituun doolaaraa (dollar index (DXY) kan doolaara Ameerikaa , yuuroo, paawundii fi yeen mallaqawwan biyyoota kaaniin jaha dabalatee waliin wal bira maddalchiise, bara 2022 keessa doolaarri %15n ol ka'u ibse.

Doolaarri hala kanaan gatiinsaa kan ol ka'e waggaa waggaa 20 booda.

Gatiin dolaaraa maaliif akkasiin cime?

Baankiin jidduugala Ameerikaa qaala'iinsa gatii to'achuuf jecha yeroo baayyee hamma dhalaa irratti dabala taasise. Kuni ammoo maallaqa liqeeffachuuf baayyee qaalii taasise.

Akkasumas oomishaalee faayinaansii kan akka boondiiwwan mootummaa Ameeriikaa irraa maallaqa baayyee waan argattuuf invastaroota heddu akka hawwatan taasisa.

Boondiiwwan mala mootummaan maallaqa ittiin liiqeeffatuudha. Kunis dhala waliin deebiisee kanfaluudhaaf waadaa galuun kan raawwatamu.

Waliigalumatti, baayyee mala amansiisaa akka ta'eetti fudhatama. Adooleessa 2022 keessa qofatti, invastaroonni biyya biraa boondiiwwan mootummaa Ameerikaa doolaara biiliyoona 10.2 kan bitan yoo ta'u, ammattis doolaara tiriiliyoona 7.5 gahaniiru.

Invastaronninis boondiiwwan kanneen bitachuuf doolaara bitachu qaabaatu, kunis gatiin isaanii akka dabalu taasisa.

Invasitaroonni doolaarabitachuuf maallaqawwan biraa yoo gurguran, gatii maallaqa sanaa gadi buusu.

Erga mootummaan UK taaskii olaannaa hir'isuu labseen booda jijjirraan paawundii doolaaraa waliin gadi bu'e.

Sababii bal'inni US sharafa isaa 'jannata nagaa' (safe haven) taasisuuf jecha, invastaroonni diinagdeen addunyaa dhiibbaa jala wayita galuutti doolaara baayyinaan bitachu eegalan.

Haalli kuni mataansaa gatiin alla ol ka'u taasisa.

Diinadgeen biyyoota Awurooppaa fi Ashiyaa baayyee sababii waraana Yukireen keessatiin qaala'insa gatii bobba'aatiin rakkataa jiru.

Ameerikaan garuu daballii gatii boba'aa kanaatiin bayyee hin hubamne. Haalli diinagdee biyyattii baatiiwwan jahan darbaniif kan hir'ate ta'ulleen, ammalleen hojiiwwan hojjattota mindeessaa jira. Kunis akka mallattoo amantaa itti fufiinsaatti ilaalama.

Haata'u malee, doolaarri cimuun dhaabbilee Ameerikaa kanneen akka Apple fi Starbucks kan biyyoota addunyaa kaan keessatti galii argatan haalaan hubaa jira.

Kanaan walqabatees kubaaniyoonni Ameerikaa agarsiiftuu (index) gabaa Istookii S&P 500 irratti daldalan gurgurtaansaanii idil-addunyaatii kasaaraa doolara bilyoona 100 akka mudachu malu yaadama.

Doolaarri cimuun sharafawwan dadhabaa hangam miidhuu itti fufa laata?

Biyyoonni maallaqa gatii gadaanaa qabanii gatii doolaaraa dabalu irraa bu'aa ni argatu.

Kunis sababii meeshaalee fi tajaajilawwan isaan Ameerikaatti gurguran baayyee rakasa taasisa. Haalli kun ammoo al ergii haalaan dabala.

Haata'u malee gatii meeshaalee isaan alaa galchanii haalaa akka qaala'u taasisa.

Erga gariin boba'aa Ameerikaa keessatti kan murteeffame ta'e as, addunyaa guutuutti biyyoota hedduu keessatti gatiin boba'aa baayyee dabaleera.

fakkeenyaaf Keeniyaa, biyya gatiin jijjiraa doolaaraa shilliingiitti garmalee gadi bu'ee keessatti, gatiin boba'aa erga bara 2022 seeneen as yeroo jalqabaatiif gara %40n dabaleera.

Biyyoota baayyee keessatti sababii gatiin doolaaraa dhaabbataa ta'ef jecha mootummoonnii fi dhaabbileen yeroo baayyee maallaqa biyyasaanii irra liqaa bifa doolaaraan fudhatu.

Yoo gatii doolaaraa dabalu ammoo, sharafa biyya keessatiin lliiqaa sana deebiisanii kanfaluun baayyee cimaa ta'a.

Fakkeenyaaf mootummaa Arjantiinaa dabaluu gatii doolaaraa kanaan baayyee hubameera.

Kanaafu, bidiruuwwan fi Wiiskii dabalatee, kuusaa faayinaansii isaa ittisuuf jecha al-ergiiwwan meeshaalee yeroodhaaf ni dhorke.

Hojjatoonni doolaara gara biyyaa ergan maali ta'u?

Bara hunda, namoonni biyyoota biraa keessa hojjatan doolaara biiliyoona 625 ta'u maatii isaaniitiif biyyatti ergu.

Maallaqni ergamu kunis diinagdee biyya keessaatiif baayyee murteessaadha.

Hojjattoonni biyyoota alaa Ameerikaa keessa hojjatan qofti waggaadhaan gara doolaara biiliyoona 150 akka biyyasaaniitti ergan yaadama.

Isaan keessaayis doolara biiliyoona 30 ol Meeksiikoo, biilyoonni 16 Chaayinaa, biiliyoonni 11 Indiyaa fi biiliyoonni 11 Fiilippiiniitti ergama. Doolaarri Ameerikaa baayyee gatiisni isaa al ka'e jechuun ammoo dandeettiinni inni maallaqawwan kaan bituuf qabaata. Kana jechuun ammoo biyyoota doolaaraan lammiilee biyyasaaniitti ergani akka gatii jabaa qabaatu taasisa.

Berndeet Kruuz ijoollee shiiraashe sadi waliin Filippiinsi magaalaa Saan Joose keessa jiraatti.

Maatiin ishees doolaara abbaan warraa ishee Fireed Niiw Yoork irraa ergiin jiraata. Innis waggoota 18 darbaniif akka narsiitti hojjataa jira.

Gatiin doolaaraa amma jijjirraa pesoo Filiippiinsii wali biraatti %13.5 ol ka'eera.

''Nyaataa fi tajaajilawwan dabaltee gatiin mi'aa Filiippiinsi keessatti baayyee dabalaa jira'' jetti Berndeeti.

''Garuu ammoo gatiin jijjirraa doolaaraa ol ka'unsaa ammoo akkan waan nu barbaachisu bitadhuuf na gargaareera. Maallaqni dabalataa kunis turtiin abbaa warraa koo biyya alaa gatii akka qabaatu taasiseera.''

Waa'ee cimaa adeemuu doolaaraa kana biyyoonni maal gochaa jiru?

Biyyoonni addunyaa hedduun cimina maallaqa isaanii ol kaasuuf jecha reetii dhalaa dabalaa jiru.

Arjentinaa keessatti, ammi reetii dhala baankii jidduugala biyyattii ammaan tana %69.5. Gaanaatti %19, Naayijeeriyaatti %14 fi Biraaziliitti %13.75.

Haata'u malee, dhalli ol ka'e jechuun ammoo daldaltootaa fi maatiiwwan baankii irraa maallaqa liqeeffachuun baayyee qaalii ta'a.

Dhaabbileen guddachu yoo barbaadan, hojjataa hojiirraa hari'achu qabaatu. Maatiiwwanis baasii isaanii ni hir'isu ta.a. Kun ammoo deebiisee kufaatiin diinagdee akka mudatu taasisa.