Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Halaand Pirimer Liigii keessatti ammas rikkardii haaraa galmeesse
Taphataan Maanchester Siitiif goolii adamsu Erliing Halaand bara dorgommii tokko keessatti goolii Piriimer Liigii 35ffaa lakkoofsisuun seenaa haaraa galmeesse.
Kanaan dura rikkardiin kun qabamee kan ture taphattoota Halaan Shiirar fi Andiriiwu Kool taphattoota jedhamaniin yoo ta'u, isaan bara tokko keessatti goolii 34 ture kan lakkoofsisuu danda'an.
"Galgalli kun galgala ajaa'ibaafi mudannoo addaa qabudha. Baayyee gammadeera; baayyeen boones," jechuun SKY Sport waliin dubbate Halaand.
"Baayyee ajaa'ibsiisaa ta'uun olitti ani gammadaadha. Qabxii sadii barbaadnu milkeessuu keenyaanis baayyeen gammade. Wanti murteessaan qabxichadha," jechuun BBC Maach oof Ze Dayitti himeera.
Taphataan lammii Noorway ta'e Halaand goolii isaa 35ffaa kana kan lakkoofsise gareen isaa Maanchester Siitiin West haam waliin taphatee 3-0 mo'achuun gara Piriimer Liigichaa dursuutti deebiyuu danda'aniiru.
Taphichi akkuma xumurameen leenjisaa Maanchester Siitii Peep Gaadiyoolaa dabalatee miseensonni garee isaa hiriiranii Halaandiin akka dinqisiifatan ibsaniiru.
"Kanaan dura argamee hin beeku. Goolii akkasii lakkoofsisuun namatti tole," jedhe taphataan kun.
Rikardii goolii Piriimer Liigii Halaand amma qabate kana bara 1993/94 Kool gooliiwwan 34 Niiwukasiliif lakkoofsisuun qabatee tureera. Waggaa itti aanutti ammoo Bilaak Barn shaampiyoonaa akka ta'u kan gargaare Alaan Shiireer rikkardii kana Kool waliin qooddateera.
Taphattoonni kunneen lamaan yeroo rikkardii haaraa kana galmeessanitti baayyinni kilaboota Piriimer Liigii 22 waan tureef kun ammoo carraa taphoota afurii Halaand caalaa taphachuu argataniiru jechuudha.
Shiirer taphawwan 42 hunda hirritti dhaabbataadhaan kan hiriire yoo ta'u, Kool garuu taphoonni lama jala dabaniiru.
Halaand ammoo rikkardii taphattoota kanneen lamanii kan cabse tapha 31ffaa irrattidha.
Amma Maanchester Siitiin taphoota isa hafan shan qaba.
"Ajaa'ibsiisaadha. Kanaaf, taphataan umuriin isaa waggaa 22 ta'e kun taphoota shanitu isa hafa. Erga hatiriika [sadii galchee] booda daqiiqaa 60ffaa irratti si'a meeqa isa jijjireera. Osoon isa baasee taphataa biraa jijjiiree galchuudhaa baadhee gooliiwwan dabalataa ni lakkoofsisa ture. Baga gammadde," jechuun isa dinqisiifate leenjisaan isaa Peep Gaardiyoolaa.
" Akka rikkardii Alaan Shireer fi Kool cabsuuf osoo hin taane akka goolii lakkoofsisun barbaada... Waancaa Piriimer Liigii akka mo'achuu barbaadu shakkii hin qabu," jedhe leenjisaan isaa Gaardiyoolaan.
"Akka rikkardicha cabsu hin barbaadun ture. Rikardiin kun cabuudhaaf waggaa 28 turuu gaafate. Inni garuu taphataa ajaa'ibaati umurii isaa ijoollummaatti kan milkeesse," jechuun dinqisifate Halaan Shireer ammoo.