Michuun jabaa Putiin fincilanii magaalota Raashiyaa to'atuu eegalan, Putiin adabuuf dhaadatan

Loltoonni Waagnar Raashiyaa keessa bittimfamuun Pirezidant Putiiniif haala rakkisaa uumuu mala

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Loltoonni Waagnar Raashiyaa keessa bittimfamuun Pirezidant Putiiniif haala rakkisaa uumuu mala
Maxxanfame

Ajajaan garee loltuu Waagnar waan adeemaa jiru ‘’duula haqaati’’ jedhan. Pirezidantin Putiin immoo kuni ‘’fincila’’ jechuun waaman. Komaandarri olaanaa Raashiyaa tokko immoo kuni ‘’fonqolcha’’ jedhan.

Ajajaan loltuu Waagnar bitamanii mootummaa Raashiyaa gargaaraa turan ajajoota waraanaa Raashiyaa fonqolchuuf imala jalqabuu himan.

Dubbiin isaanii kunis kan eegale erga mootummaan Raashiyaa ''fincila waraanaatti'' jechuun isaan himataniin boodadha.

Pirezidantiin Raashiyaa gama isaaniin kanneen hawaasa Raashiyaa qoqqoodan ''adabbii irraa akka hin hafne,'' akeekkachiisaniiru.

Qaamni shororkeessummaaf tarkaanfii deebii kennu Moskoo fi naannolee keessatti iddoo qabateeras jedhan.

Kana duras ajajaan Waagnar waraana Raashiyaa qeeqaa turaniis tibbana garuu ifatti caasaa waraanaa Raashiyaa to'achuuf dhaadataniiru.

Inumaa ajajaan Waagnar, Yeevgeenyi Piriigooziin, loltoonni isaanii daangaa Yukireen ce'uun magaalaa Raashiyaa Rootoovo-on- Doon jedhamtu to'atuu himan.

Bulchaan magaalootii lammiileen akka tasgabbaa'aniifi manaa akka hin baane gorsan.

Viidiyoon humnoota waraanaa magaalaa to'atan agarsiisanis miidiyaaleerratti qoodamaa jira.

Pirezidant Putiin ibsa kennaniin, ''dugda biyya keenyaa keessa nu waraanan'' jechuun dheekkaman.

Ajajaan Waagnar, Piriigooziin akka jedhanitti, loltoonni qaama durasaanii dhaabbatu kamiyyuu ni balleessu.

''Nuyi 25,000 keenya hunduu du'uuf qophiidha,'' jechuun Telegiraama gubbaa gaafa Sambataa ganama gadhiisaniiru.

Piriigooziin humnoonni isaanii heelikooptarii waraanaa ''jila namoota nagaa irratti dhukaasa bante,'' dhahanii kuffisaniiru jedhan.

Taateen kun garuu eessatti akka raawwate waan dubbatan hin qaban, dubbiin isaaniis battalatti waan mirkanaa'uu danda'u hin fakkaatu.

Gareen Waagnar garee waraana dhunfaa qabu yoo tahu, kana dura loltuu Raashiyaa deeggaruun Yukreen keessatti waraana geggeessaa ture.

Akkaataa waraanni kuni adeemsifamaa jiru irratti muddamani gidduusaanii uumamuun Piriigooziin hooggana waraanaa Raashiyaa ji'oota muraasaan as akkaan qeeqaa jiru.

Puutiin rakkoo ammaa furuuf ''ajajni barbaachisaa tahe hundi kennameera,'' jechuun Raashiyaa akka tiksanis dubbatan.

Raashiyaan loltoota Waagnar kana dura bitamanii mootummaa Raashiyaa gargaaraa turan fincilaan himatteetti

Madda suuraa, EPA/Shutterstock

Ibsa waa'ee suuraa, Raashiyaan loltoota Waagnar kana dura bitamanii mootummaa Raashiyaa gargaaraa turan fincilan jette
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ibsa karaa TV kennaniin maqaa Ajajaa Piriigooziin takkaa hin kaasne.

Waraana Waagnar maqaa kan dhahan Raashiyaaf loluu isaaniif galateeffachuuf qofa.

Gaafa Jimaataa, hogganaan gartuu waraanaa dhuunfaa Waagnar namni ganna 62, waraanni Raashiyaa loltootasaanii irratti haleellaa misaayilaa banuu himuun akka isaan adabuu dhaadataniiru.

Tahus taatee kanaaf ragaa hin dhiyeessine.

Qondaaltonni gamasaaniin haleellaa jedhame haaluun gocha ''seeraan alaa'' irraa akka of qusatu dubbatan.

Ajajaan Waagnar Piriigooziin 'hamaan' waraana Raashiyaa keessa jiru dhaabsiifamu qaba akkasumas ''haqaaf akka duulus'' kakate.

''Dargaggoota keenyaafi lubbuu loltoota Raashiyaa Yukireen keessatti kanneen ajjeesan ni adabamu,'' jechuun ergaa miidiyaa hawaasaa Telegiraamii irra kaa'aniin dubbatan.

''Akka na hin didne siin gaafadha. Kan dide garuu akka diinaatti ilaalameetu, bada. Kuni iddoowwan sakatta'insaa fi oppireeshinii balalii dabalata,'' jedhe.

''Aangoo pirezidantii, mootummaa, poolisii fi eegdonni Raashiyaa akkuma duraatti hojjetus,'' jedheera.

''Kuni fonqolcha waraanaa osoo hin taane, haqaaf dhaabachuu dha. Tarkaanfin keenya loltoota waliin walitti hin bu'u,'' jedhe.