Putiin meeshaalee waraanaa niwukilaraa jalqabaa gara Beelaarus geessuu mirkaneessan

Vilaadmiir Putiin meeshaalee waraanaa niwukilaraa sochoosuun balaa uumamuu mala to'achuuf ta'uu himan

Madda suuraa, Reuters

Maxxanfame

Raashiyaan meeshaalee waraanaa niwukilaraa kan jalqabaa Beelaarus keessa qubsiisuu Pireezidant Vilaadmiir Putiin ibsan.

Meeshaalee kunneen yoo daangaan biyyasaanii balaaf saaxilame qofa akka itti fayyadamanis himan.

Mootummaan US ammoo Kireemlin karoora meeshaa waraanaa niwukilaraa fayyadamuushee wanti ifatti mul'isu hin jiru jedhe.

Yaada Putiin kennan booda Ministirri Haajaa Alaa US Antonii Bilinken ''Raashiyaan meeshaa waraanaa niwukilaraa fayyadamuuf qophaa'aa jiraachuushee wanti agarsiisu homtuu hin jiru,'' jedhan.

Raashiyaaf michuu kan taate Beelaarus, Pireezidanti Putiin wayita Guraandhala bara darbee keessa Yukireen weeraran akka iddoo ka'umsaatti gargaarteetti.

Aab Putiin akka jedhanitti hanga xumura ji'a bonaa kanatti meeshaalee niwukilaraa gara Beelaarus sochoosanii xumuru.

Pireezidanti Putiin Fooramii Diinagdee Idil-addunyaa St Petersburg irratti wayita haasaa taasisan, tarkaanfiin kun diina biyyasaanii weeraruuf malu ofirraa qolachuuf mala itti fayyadaman ta'uu dubbatan.

''Kanneen nu cabsanii nu mo'achuuf mala dhawaniif akeekkachiisa kennuuf,'' jedhan.

Meeshaalee waraanaa niwukilaraa gara Beelaarus sochoosan kunneen ni fayyadamtuu jedhamanii kan gaafataman Putiin, ''Maaliif addunyaa guutuutti sodaa uumna? Balaa birmadummaa Raashiyaa yaaddoo keessa galchu qolachuuf akka ta'e duratti dubbadheera,'' jechuun deebisan.

Dureen Raashiyaa kun hooggantoota biyyoota Afrikaa waliin walarguuf jiru.

Hooggantoonni biyyoota Afrikaa torba Jimaata kaleessaa (Waxabajjii 16, 2023) ergama nagaa buusuu qabatanii jalqaba Kiiv galaniiru, itti aansuun gara Moskoo akka imalan ibsaniiru.

Garuu akkuma isaan magaalaa Kiiv seenaniin Raashiyaan magaalattii irratti haleellaa misaa'elaa eegaluu Yukireen ibsiteetti.

Hooggantoonni Afrikaa Sambata har'aa (Waxabajjii 17, 2023) Pireezidanti Putiin arguuf

Madda suuraa, Reuters

Preezidantiin Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosaan gama lachuunuu waraanni akka dhaabbatuu fi mariin nagaa akka taasifamu gaafataniiru.

"Waan ummanni Yukireen keessa darbe dhaggeeffachuu fi beekuuf as dhufne," jedhan.

Garuu Pirezidaantiin Yukireen Volodimiir Zeleniskii Raashiyaadhaaf dippilomaasii ibsuu caalaa hawaasni addunyaa weerara ishee akka balaaleffatu ergaa dabarsuudhaan hariiroo dippiloomaasii keessaa baasuu wayya jedhan.

Osoo Raashiyaan lafa Yukireen qabattee jirtuu gara Moskoo deemuun mari'achuu akka hin barbaanne himan Aab Zeleniskiin.

Aab Putiin ammoo Yukireen duula haleellaa eegaltee jirtuun carraan milkaa'uushee homaa hin jiru jechuun irra deddeebiin ibsaa jiru.

Loltoonni Yukireen meeshaa waraanaa of harkaa qaban akkanumaan fixaa jiraachuu fi biyyattiin yeroo muraasa booda meeshaa warra lixaa qofa kadhachuutti akka deebitu dubbatan.