Bulchaan duraanii Leegoos pireezidantii Naayijeeriyaa  ta’uuf abdataman eenyu?

Aab Boolaa Tinubuu,

Madda suuraa, AFP

Maxxanfame

Boolaa Tinubuu maanguddoo ganna 70 yoo ta’an, magaalaa biyyattii daldalaan beekamtu Leegoos toora sirrii qabsiisuun galateeffatamu.

Aab Tinubuun paartii 'All Progressives Congress' (APC) jedhamu hogganuun filannoo pireezidantummaa Guraandhala dhuftuurratti hirmaachuuf jiru.

Taatullee Tinubuun wayita hojii namoonni Afrikaa keessatti heddumminaan itti hin buune kana filatanitti morkii cimaatu isaan eeggata, malaammaltummaan shaakkamuu fi dhimmi fayyaasaanillee dubbii ijoo ta’aniiru.

Qondaalli waraanaa duraanii Saanii Abaachaa biyyattii wayita bulchaa turetti Aab Tinubuun si’a tokko biyyaa bahuuf dirqamanii turan. Aab Tinubuun garuu gatii bilisummaan qabu bareechanii beeku.

Lakkoofsa saddet dalga gale kan fakkaatu mallattoo cancala citee qoobii isaaniirratti tolfatanii uffatu.

Akkawuntiingii kan baratan Aab Tinubuun, gochi isaan gartuu tumsa dimokiraasii 'National Democratic Coalition' (NADECO) jedhamu keessatti dalagaa turan qondaala waraanaa biyyatti Abaachaa dura isaan buuse.

Bara 1998 Abachaan du’uu hordofee, gartuun mormituu NADECO jedhamu bara 1999 dimokirasiin biyyattii keessa akka jiraatu karaa baay'een gargaare.

Hojii gaggeessaa Moobil Oyil kan turan Aab Tinubuun pireezidantii Naayijeeriyaa ta’uu barbaadu.

Muuxannoo siyaasa keessatti horatanii fi dhiibbaa akka biyyaattii uumanitti gargaaramuun filannoo biyyattii injifachuufis ni tattaafatu.

Taatullee Pireezidantii Itti-aanaa duraanii Atikuu Abubakar, kan paartii mormituu 'Peoples Democratic Party' (PDP) jedhamu bakka bu’an, fi Leebar Paartii kan bakka bu’an Piitar Obii irraa morkii jabaatu isaan eeggata. Piitar Obiin jiraattoota magaalaa biratti fudhatama olaanaa qabu.

Deeggartoota isaanii biratti ‘Jagaban’ jedhamuun kan beekaman Aab Tinubuun, pireezidantii yoo ta’an Naayijeeriyaa kutaaleen addaan qoqqoodamte tokkoomsutu irraa eegama.

Akkasumalee tasgabbii dhabiinsa biyyattii keessatti hammaate furuu, carraa hojii uumuu fi qaala’iinsa jireenyaa biyyatti gadi hir’isuutu isaan eeggata.

Gargaaraa konkolaachisaa imaltoota waamaa jiru

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Pirojektiin daandii baaburaa salphaa Aab Tinuubuun eegalchiisan xumuramee rakkoo geejjibaa Leegoos furuu hin dandeenye

Taatullee hojichi Aab Tinubuun hedduun hin jeequ. Bara 1999- 2007tti wayita Bulchaa Leegos turan hojii sirnaa hojjachaa akka turan eeruun, waan walfakkaatu uummata Naayijeeriyaaf akka hojjatan abdii itti uumaniiru.

Bara bulchiinsa isaanitti galiin Leegos hedduu guddate, kun inveestimetii biyya alaa hawwachuun ture, konkolaattoota baasii saffisoo hojiitti galchuun daandii tiraafikaan guyyaa guyyaan cufamu hir’isaniiru.

Taatullee magaalaan jiraattoota miliyoona 25tti dhiyaatan qabdu akka magaalaa guddaa hin taane.

Bu’uuraaleen misoomaa kan akka tajaajila bishaanii fi manneen jireenya namoota galii xiqqaa qabanii kennamu suphaa dhaban.

Kana malee, daandiin baaburaa salphaan bara bulchiinsa Aab Tinubuun eegalaman ganna 20 boodayyuu hin xumuramiin hafan.

Bara 2007 waajjiricha gadhiisanii bahanillee maallaqa mootummaa irratti ajajuu itti fufanii jedhamuun himatamu.

Boolaa Tinuubuu (bitaa) pireezidantii itti aanaa Yemii Osiinbaajoo (walakkaa) fi pireezidantii Naayijeeriyaa Muhaammaduu Buhaarii (mirga)

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Boolaa Tinuubuu pireezidant Muhaammaduu Buhaarii aangootti akka dhufan gargaaruu hima.

Bulchitoonni Aab Tinubuun booda gara aangootti dhufan wixinee hojii isaanii jalqabaa hordofu. Yoo karaa ofii isaanii kan hordofan ta’e garuu dafanii miseensota yuuniyeenii geejjibaatiin kufu.

Kana malees Aab Tinubuu irratti himannaan malaammaltummaa ni dhiyaata. Aab Tinubuun garuu ni haala.

Waggaa laman kana Aab Tinubuun maallaqa seeran ala daddabarsu, taaksii burjaajessuu fi hojiiwwaan malaammaltummaa  biraa hojjachuun himatamanii turan.

Aab Tinubuun himannaa irratti dhiyaate ni haalan. Dambii tajaajila hawaasummaa Naayijeeriyaa si’a lama cabsuun himatamanii  bilisa bahanii turan.

Morkatttoonni Aab Tinubuun wayita biyyattii keessatti malaammaltummaan  hammaate kanatti pireezidantii ta’anii dorgomuuf isaan nama sirrii miti  jedhuun.