Naayijeeriyaan sababa gatiin boba'aa dabaleef balalii xiyyaaraa adda kutuuf turte dhiiste

Madda suuraa, AFP
Daandiin qilleensaa Naayijeeriyaa Wiixata har'aa irraa eegalee tajaajilaa dhaabuuf karoora qabatee ture haqeera, Daandiin qilleensichaa sababii gatiin boba'aa akka malee dabaleef tajaajila dhaabuuf murteessee ture.
Amma garuu mariin mootummaa waliin gaggeeffamaa waan jiruuf hanga murtii tokkorra ga'utti balaliinsa akka itti fufu ibseera daandiin qilleensaa kun.
Karoorri imala adda kutuu kun imala biyya keessaarratti malee imala idil-addunyaa hin ilaallatu jedhe AON.
Jaarmiyaan daandii qilleensaa Naayijeeriyaa to'atu (AO) gatiin boba'aa bara kana keessa dachaa afuriin dabaluu fi kana bakkatti deebisuuf qormaati guddaan akka isa mudatu ibseera.
"Addunyaarratti rakkoo hamaan akkasii tasa daandii qilleensaa mudatee hin beeku. Takkaatti qaala'iinsi haganaa tasumaa mudatee hin beeku,'' jedhe jaarmiyaan kun ibsa baaseen.
AON hojiisaa itti fufuuf mootummaarraa wabii argachaa akka jiru himeera.
Karoora AON Jimaata darbe balaliinsa dhaabuuf qabate kana dhiibbaan mootummaarraa, fayyadamtootaa fi maamilootarraa isa mudateera.
Naayijeeriyaan Afrikaa keessaa qabeenya boba'aan jalqabarra jiraattus garuu boba'aa xiyyaarotaa guutummaatti alaa galchiti.
Daballiin biyyattii rifaasise kun erga Raashiyaan Yukireen weerartee kan hammaatedha.
Waraanni Raashiyaa fi Yukireen dhuma ji'a Guraandhalaa irratti eegalame addunyaa mara rifaasise.
Dhaabbilee xiyyaarota Naayijeeriyaa keessatti tajaajila kennan sagal kan hoogganu AON, ji'oota afran darbaniif maallaqa dabalataa baasuun tajaajilli akka addaan hin citne gochaa turuu hime.
Erga ji'a Bitootessaatii balaliinsi hedduun barfateera, kaan adda citeera, kanaaf ammoo sababi ijoon hanqina boba'aati jedha jaarmiyaan kun.
Dhiheenya kana ammoo gatiin tikeetii imalaa dachaa sadiin dabaleera.
Imaltoonni Naayijeeriyaa keessa jiran maallaqa biyyattii naayiraa jedhamuun tikeetii imalaa bitatu, gatiin maallaqa biyyattii ammoo akkaan gadi bu'eera.
Kanneen boba'aa dhiyeessan ammoo doolaaraan akka kaffalamuuf fedhu.
AON akka jedhutti rakkoo kana furuuf hunduu tumsuu akka qabu paarlaamaa biyyattii, kubbaaniyyaa boba'aa biyyattii fi waldaalee boba'aa gurguranitti dubbateera.
Daballii akka malee kana imaltoota qofarratti fe'uun furmaata akka hin fidne jaarmiyaan kun ibseera.
Rakkoo bor mudatuu maluuf dursee dhiifama kan gaafate AON, namoonni imala biyya keessaaf xiyyaara fayyadaman mala geejjibaa biroo akka soqatanis hubachiisee ture.
















