Haati dubartii Israa'el Hamaas irraa baraaramte du'aan boqotan

Maxxanfame

Harmeen dubartii Hamaasin ugguramteefi dhihoo gadhiifamte du'aan boqotan.

Intalli Aadde Liyooraa Argamaanii, Nowaan, ji'oota saddeetiif harka Hamaas Gaazaa keessa erga turte booda torban sadii dura gadhiifamte.

Chaayinaatti kan dhalatan Liyooraan kaansarii sammuutiin qabamanii turan. Umuriin isaaniis 61 ture.

Liyooraan ji'a Muddee keessa Hamaas intala isaanii akka gadhiisu kadhachuun viidiyoo gadhiisanii turan.

"Yeroon na hafe hangam akka ta’e hin beeku. Carraa Noowaakoo arguun nan hawwa," jedhan.

Noowaan Waxabajjii 8 yeroo komaandoowwan Israa'el mana jireenyaa isheen kaampii baqattootaa Nuseyiraat giddugala Gaazaa keessatti hidhamteerratti haleellaa banan baraaramte.

Suuraan yeroo Noowaan Hamaasin butamuun mootarsaayikiliin fudhatamtee agarsiisu suuraawwan haleellaa Hamaas Onkololeessa 7 bara 2023 Israa’el irratti raawwate bal’inaan qoodaman keessaa tokko ta'eera.

Haleellaa hin eegamin kanaan Hamaas dangaa ce’uun namoota 1,200 ajjeesuun lammilee Israa’elii fi kanneen biyyaa alaa 251 butan.

Haleellaan kun waraana Israa'elii fi Hamaas gidduutti kaase.

Haleellaa waraanni Israa’el Gaazaa keessatti raawwateen yoo xiqqaate namoonni 37,900 ajjeeffamuu ministeerri fayyaa naannoo sanaa kan Hamaasiin geggeeffamu ibseera.

Noowaan erga baraaramte Sambata halkan yeroo jalqabaaf mormii Teel Aavivitti gaggeeffameerratti viidiyoon ergaa dabarsite.

''Akka nama warrikoo ana malee ijoollee biraa hin qabneefi, hadhiikoos dhukkuba du'aaf saaxilamtu taatetti, ugguramuus yaaddoonkoo guddaan warrakoo turan," jette.

''Guyyoota 246 boojuu Hamaas jala turuu, ji'a saddeet booda haadha koo cinaa ta'uun waan guddaadha."

Hamaas jaalallee Noowaa Avinatan Oor kan ishee cinaa fudhatame dabalatee ammallee namoota 120 booji'anii akka jiran amanama.

Namoota butaman keessaa yoo xiqqaate 42 akka du'an aanga'oota Israa'eliin tilmaamameera.