Loltoonni Israa’el nama Filisxeem madaa’e konkolaataarratti hidhanii fudhachuun dheekkamsa kaase

Maxxanfame

Minseensoonni Waraana Israa’el lammii Filisxeem walitti dhukaasa keessa madaa’e konkolaataasaanii irratti hidhanii fudhachuun dheekkamsa kaase.

Waraabbiin viidiyoo miidiyaa hawaasummaarratti qoodame loltoonni Israa’el nama Filisxeem miidhaan irra gahe konkolaataa waranaa Jiippii jedhamu irratti karaa fuulduraatiin hidhanii fudhatanii yoo deeman agarsiisa.

Kana hordofuunis waraanni Israa’el taateen kun mudachuu amanuudhaan, miseensoonni waraanasaa sirna waraanaa cabsaniiru jechuun ibsa baaseera.

Taateen kunis kan mudate Waxabajjii 22, 2024 yoo ta’u, waraanni Israa’el Weest Baankitti magaalaa Jeeniin jedhamtutti duula akka tasaa erga taasiisaniin booda ture.

Waraanni Israa’el lammii Filisxeem miidhaan irra gahe kunis miseensoota waraanaa irratti dhukaasa banuufi miidhaan irraan gahuu ibse.

Maddi Oduu Rooyitars jiraattoota naannichaa ijaan argan waabeefachuudhaan akka gabaasetti, namni Filisxeem Muhaajiid Aziimii jedhame, jiraataa naannichaa ta’usaafi miseensoonni maatiis nama miidhaan irra gahe kanaaf ambulaansiin akka waamamu gaafatanilleen, garuu loltoonni Israa’el fuldura konkolaataasaaniirratti hidhanii fudhatanii deeman.

Waraanni Israa’eel namni miidhaan irra gahe kun wallaansa akka argatuuf Addeessa Diimaatiitti dabarfamee kennamuu ibsee, taatee mudate ilaalchisee garuu qorannoon gaggeessa jedheera.

Waraanni Israa’el ‘‘Sambata ganama duula farra-shororkessummaa naannoo Waddii Burqiin jedhamuutti osoo gaggeessaa jiranii shororkeessitoonni ammoo miseensoota waraanaa irratti dhukaasa banan.

Wal jijjiraa dhukaasaa gaggeefame keessaa shakkamaan tokko miidhaaf saaxilamuun to’atameera’’ erga jedheen booda, ‘‘shakkamaan kunis haala sirna hin hordofneen konkolataa irratti hidhamuun fudhatame," jedheera.

Waraanichi itti dabaludhaan, hojiin miseensoota waraanaa kun kan duudhaalee waraana Israa’el bakka hin buunedha jechuun qorannoon gaggeeffamaa jiraachuu ibseera.

Hamaas erga Israa’el irratti haleellaa akka tasaa Onkolooleessa 7, 2023 banuusaa hordofee,, erga waraanni eegaleen booda lammiileen Filisxeem kuma 40 ol ta’an lubbuu dhabaniiru.

Akkasumas, loltoonni waraana Israa’el Weest Baank dabalatee oppareshiinii gaggeessaa turan.

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii, miseensoota hidhattootaa, kanneen miidhaa qaqqabsiisaniifi namoota nagaa dabalatee,- Weest Baankiifi Baha Iyyarusaaleem keessatti yoo xinnaate lammiilee Filisxeem 480 ajjeessaniiru jedhe.

Kana malees, miseensoota humnoota nageenyaa jahaa dabalatee, Israa’eloonni kudhan Weest Baank keessatti ajjeeffamaniiru.