Yugaandaa fi Sa'uudiin waliigaltee al-ergii humna namaa haaromsan

Lammiileen Yugaandaa biyya kamuu caalaa gara Sa'uudii godaanu

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Yugaandaa fi Sa'uudii Arabiyaa waliigaltee humna namaa gara biyya galoo galaanaa erguu haaressuu ibsan.

Waliigalteen kun Muddee darbe adda citee ture.

Sababni waliigalteen kun adda citeef ammoo akkaataa qabiinsaa fi dhiittaa mirga dhala namaa mootummaan Sa'uudii Arabiyaa raawwatu irratti komii namoonni dhiyeessan ture.

Godaantonni Yugaandaa gara Sa'uudii Arabiyaa imaluun hojii garaagaraa hojjetan dararaa hamaa jala turuu himatu.

Ministirri Dhimma Hojjetaa Yugaandaa Beetii Amoongii amma mootummoonni lamaanuu mirga hojjettootaa eeguurratti walta'aniiru jedhan.

Akkaataa waliigaltee haaromfamee kanaan qaamoleen Sa'uudii Arabiyaa keessatti namoota qacaranii hojjechiisan akka fedhan mindaa hojjettootaa kutuu hin danda'an.

Akkasumas wayita hojjetaa fi hojjechiisaan waliif mallatteessan yoo dhibdeen uumame, hojjettoonni Yugaandaa qaamolee mootummaa dhimma kanaaf dhaabbatan gargaaramuun mirgasaanii falmachuu danda'u jedha waliigalteen haaraa kun.

Biyyoonni lameenuu wayita rakkoon mudatutti mirga hojjettootaa kabachiisuuf mala dandeessisu ni kaawwatu, akka waliigaltee kanaatti.

Aadde Beetii Amoongii, ''biyyoonni lameenuu yoo qaamoleen hojjettoota qacaran mirga namaa sarban, seera cabsan akkasumas qajeeltoo waliigaltee biyyoota lameenii yoo diigan tarkaanfii seeraa ni fudhatu,'' jedhan.

Hojjettoonnis ta'e hojjechiistonni seera waliigaltee fi duudhaa biyyoota lameenii kabajuun akka hojjetan gaafata waliigalteen kun.

Lammiileen Yugaandaa yoo xiqqaate 150,000 ta'an Sa'uudii Arabiyaa keessatti hojii mana keessaa irraa eegalee, hojiiwwan adda addaa keessatti hirmaatanii hojjetaa jiraachuu miidiyaan biyyattii gabaaseera.