Oppireeshiniin hoteela Somaaliyaa Viilaa Rooz sa'a 20 fudhate xumurame, namootni 15 ajjeefaman

Maxxanfame

Oppireeshinii humni waraanaa Somaaliyaa hoteela hidhattootni qabatan deebisanii to’achuuf gaggeessaa turee fi sa'aatii 20 ol fudhate xumurame.

Amma hoteelicha humni nageenyaa Somaaliyaa to'annoo isaa jalatti deebise.

Namoota nagaa saddet dabalatee walumaa galatti namootni 15 ajjeefamuu poolisiin himeera.

Namootni 60 ol tahan yeroo haleellichi gaggeeffame baraaramuu poolisiin Rooyitarsitti hime.

Dhukaasa sa’a 20 ol ture kana keessatti yoo xiqqaate namotni 15 ajjeefamuun hedduun ammoo madaa’an.

Namootni ijaan argan BBCtti akka himanitti, dhukaasa gurguddaa baay’een karaa hoteela masaraa mootummatti dhiyoo jiru Viilaa Reys dhagahama ture.

Al-Qaayidaa waliin hidhata kan qabu al-Shabaab haleellicha raawwachuu himeera.

Hoteelli Viilaa Reeyis maqaa Viilaa Roz jedhamuun beekamu ministeerotni biyyattii baay’een akka oolfaman hime.

Qondaalotni mootummaa olaanoon hoteela kana fayyadamu.

 Ministeerri tokko Mohaammad Ahimed jedhamu haleellichaan madaa’uu mirkanaa’ee jira.

Ministerri Eegumsa Naannoo Adam Aw Hiirsii haleellicha irraa ooluu miiidyaaleetti himaniiru.

Obbo Hiirsiin BBCtti waan mudate akas jechuun himan. ‘’masjiida xiqqoo hoteelicha keessa jirtu keessatti kadhata halkanii gaggeesine.

Achumaan dhohinsa guddaa, baay’ee guddaa kan gurra nama duuchutu dhagahame. Fuullee gamoo irra jiru iddoo hundaa irraa harcaase. Hundee gamoo keessa turree sana raase,’’ jedhan.

Akkuma dhohinsi kun dhagahmeen tarkaanfii fudhachuuf nuyii fi shororkeesitoota miilaan galan gidduu yeroon turte sekondii 120 qofa ture,’’ jedhan.

 Namootni haleellaa raawwatan lakkoofsi isaanii hin beekamne, qawwee fi meeshaalee dhohinsaa hidhatan, haleellicha irratti hirmaachuu poolisiin Rooyitarsitti himeera.

Nami ijaan arge tokko waan mudate yoo ibsu jalqaba ‘’dho’insa guddaa eegasii dhukaasa jabaatu adeemaa ture’’ jedhe.

 ‘’Baay’ee rifanne,’’ jedhe namni bakka haleellaan raawwate dhihootti jiraatu Ahimad Abdullaahi.

‘’Mana keessa teenyee dhukaasa dhagahaa turre.’’

Aangawooti mootummaa muraasni eega karaa foddaa bahanii booda baraaramuu qondaalota poolisii keessaa tokko Mohaammed Abdii himaniiru.

Baatii Hagayya keessa hoteela beekamaa Moqadiishuu keessa namootni 20 eega ajjeefaman booda Pirezidantiin Somaaliyaa Hasan Shek Mohaammud al-Shabaab irratti waraana bananiiru.

Taaten suni aangootti bahanii ji’oota sadii booda mudate.

Ji’a lama boodammoo boombiin konkolaataarratti kiyyeeffaman lama magaalaa bakka namni baay’atutti dhohee yoo xiqqaate namoota 100 ajjeese.

Badii kanaafis al-Shabaab itti-gaafatamummaa fudhateera.

Pirezidant Mohaammud waraanaa Somaaliyaafi milishoota gosaa sochoosuun yeroo hidhattoota al-Shabaab irratti haleellaa bananii jiranitti kuni dhaqqabe.

Al-Shabaab gidduugaleessa fi Kibba somaaliyaatti haleellaa raawwataa ira. Humnootni waraanaa Somaaliyaa loltoota karaa Gamtaa Afrikaa bobbaafaman waliin hidhattoota kanneen irratti haleellaa raawwataa jiru.

Kaayyoon hidhattoota al-Shabaab mootummaa Somaaliyaa buqqisuun mootummaa ofii ijaaruudha.