Hoji-dhabdummaa fi komii miindaa hakiimota Itoophiyaa

Hakiimii dhaabbate jiru

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Torbanoota darban dhimmi dubbii ijoo miidiyaa hawaasaa ta'an keessaa tokko Doktar Naardoos Addunyaa magaalaa Finfinnee keessatti mana ofiitii baatee baduushee ture.

Hakiima ta'uun erga eebbifamtee ji'a agal kan dabarsite Dooktar Naardos ''ijoolleeshee jaalatu lamaan gattee badde'' oduun jedhu yaadi adda addaa akka qoodamu ka'umsa ta'eera.

Hakiimni kun iddoo badde jedhamtee baatee miidiyaaleef yaada kennite keessatti erga eebbifamtee booda hojii dhabuun miira mukaa'uu(depression) keessaa bahuuf bakka of dhaggeeffachuu dandeessuti baduu himte.

Ijoo dubbii miidiyaa hanga taatutti barbaadamaa akka turte garuu quba akka hin qabne himte.

Dooktar Naardoos magaalaa Finfinnee keessatti Hakiima ta'uun hojii argachuu qofa osoo hin taane tola tajaajiluuf iyyatteellee fudhatama dhabuu dubbatte.

Biyyoota hanqina ogeeyyii fayyaa qaban keessaa tokko taate Itoophiyaa keessa waggoota muraasa dura qabee akkuma oogummaa kaanii Hakiimnis hojii dhabduummaaf saaxilamuun oduu simbirtuu ta'uun isaa hafaa dhufeera.

Ogeessa dahumsaa karaa gubbaatti faaya gurguru

Teleyyu Bagaashaaw bakka dhalootaasaa baadiyyaa xiqqoo keessatti obbolaa 10 waliin dhalate.

Maatiisaafi ilma jahaffaa kan ta'e dargaggoon kun duraan maaandisa ta'uu barbaada ture.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Booda barsiisaansaa teeknikaal diroowiing kutaa 11 maandisummaan kan ebbifame ta'uu wayita bare oogummaan kun carraa hojii hin qabu jedhee gara fayyaatti fuula naannieffate.

Barataan kun jalqaba Waachaamoo Yunivarsiitii alee oogummaa miidwaayferii(deessisuu) eegalee rakkoo fayyaa isa mudate sababeeffatee maatiitti dhiyaachuuf gara Yunivarsiitii Dabra Birihaan jijjiirame.

Hawwii oogummaa fayyaan maatii isaa gargaaruuf qabu milkeessuuf jabaatee kan barate Teleyyuun qabxii waliigalaa 3.9 fiduun eebbifame.

Yeroo eebbifamee bahuu takkaahuu hojii dhabee akka rakkatu yaadee hin beeku.

Amma eega eebbifamee waggaa guutuuf akka jedhu kan himu ogeessi kun, hojii argachuuf abdii qabaatus bakka hedduu hanga ammaa itti iyyaterraa qormaataaf akka hin waamamne dubbata.

''As magaalaa Finfinnee keessa torbanitti bakka 35 tti yeroon iyyadhe ni jira'' kan jedhu Teleyyuun, gara Finfinnee kan dhufe Waajirri Fayyaa Finfinnee beeksisa qacarrii baasuu hordofee akka ta'e dubbata.

Ogessii kun oogummaa fayyaa barateen hojii argachuu waan hin dandeenyeef, mucaa adaadaasaa biratti galee naannoo Bel'eer jedhamutti daandii cinaatti faaya adda addaa gurguraa jira.

'Akkuma oogumaa kaanii Hakiimaafis Finfinneetti hojii argachuun salphaa miti'

Hakiimota eebbifaman

Madda suuraa, Ministry of Health,Ethiopia

Hakiimni magaalaa Finfinne keessa waggootaaf dhabbata miti mootummaa keessa tajaajilaa turan tokkos amma ji'ootaaf hojii barbaaduutti akka jiran dubbatu.

Sababni ji’ootaaf hojii malee dabarsan ammo waggootaaf dhaabbata miti mootummaa keessa hojjechaa turan yeroon turtii hojiisaanii raawwachuu hordofeeti.

Akk Hakiimni fayyaa kun jedhanitti sababni ji'ootaaf hojii malee jiraniif filannoowwan dhuunfaarraa kan ka'e malee cirumaa hojiin dhibee akka hin taane ibsu.

‘’Wanti akkan lafa taa’u taasise magaalaa Finfinnee kana keessa hojiin Hakiimaaf ta’us dhabamee osoo hin taane filannoo kiyyaan hojiin barbaadu waan hin arganneef.’’

Ji’ootaaf hojii barbaachaa haa jirataan malee haalli qabatamaa magaala Finfinnee keessa jiru ''guutummaan guutuutti hojiin Hakiimaaf ta’u hin jiru nama hin jechisiisu’’ jedhu.

Haata’uutii iddoowwan adda addaarraa hakiimotni magalaa Finfinnetti dhufuurraa kan ka’e, magaalittii keessa Hakiimni heddummachaa sababa jiruuf ammoo bakka kaan walin yoo bira qabamu ''Finfinnee keessatti Hakiimni carraan hojii argachuu isaa salphaa miti’’ jedhu.

Kun ammoo Hakiimaaf qofa osoo hin taane kaaniifis walfakkaataadha jedha ogeessi maqaan isaanii akka hin ibsamne gaafatan kun.

Haalli magaalaa Finfinnee keessa jiru ammo akka guutuu biyyatti haala jiru agarsiisuu hin danda’us jedha.

Naannolee akka Oromiyaa fi Amaaraa keessa ammallee Hakiimni baayyinaan barbaadaamaa akka jiru kaasuun, Haakimni dhimma nageenyaa dabalatee sababa adda addaan gara magaalaa Finfinnee galee jiraachuu filachuurraa kan ka’e haalli Hakiimaa Finfinnee keessa jiru adda ta’aa jedhu.

''Kan naannolee yoo ilaallee fakkeenyaaf naannoon Amaaraa Hakiima barbaada, Naannoon Oromiyaa ammaan tana Hakiima qacaruutti jira. Kana yeroo ilaaltu akka biyyatti Hakiimni hojii dhabeera nama hin jechisisu.’’

Mootummaan Hakiimota gara naannolee baadiyaatti bahanii akka hojjetan jajjabeessuuf fayidaa addaa qopheessee raawwachuu dhabuun Hakiimni baadiyyaa akka dheessuu sababa ta’uufi magaalarra ammoo akka heddummatan gochuu dubbatu.

Rakkoon damee fayyaa keessa jiru maali?

Pireezidantii Waldaa Hakiimota Oromiyaa fi ispeeshaalistii waldhaansa daa’immanii kan ta’an Doktar Balaayineen Lataa waggota lama dura rakkoon hojii dhabdummaa hakiimota eebbifamanii ture yeroo dhiyoo as Oromiyaa keessatti furmaata argateera jedhu.

‘’Waggaa lamaan duratti rakkoon tureera. Haata’u malee irra deddeebiin mariin godhamaa ture. Waggoota lamaa asitti hojii dhabdummaan hakiimota eebbifamanii Oromiyaa keessatti furameera.’’

Amma akka rakkootti kan ilaalamu qormaatni gahumsa oogummaa eebbifamtootaaf kennamu waggaatti yeroo lama, ji’a jaha jahaan ta’uu isaatiin qormaaticha fudhatanii hanga qabxiin qormaata isaanii bahee, hanga naannolee irraa dhufan qaqqabutti eebbifamtootni ji’a jahaa hanga waggaa hojii malee taa’uudha jedhu doktar Balaayineen.

''Qormaata gahumsa oogummaasaa darbe hayyama fudhatee hakiimni ramaddii hin fudhane ammatti, akka nuti beeknutti hin jiru. Inumaayyuu hanqina hakima cimaatu naannoo keenya mudatee jira'' jedhu Doktar Balaayineen.

Sababa hanqina hakimaan hospitaalotni guguddaan hakiima lamaafi tokkoon dalagaa jiraan jiraachuu akka quba qabanis himan.

Faallaa Kanaan ammo magaalota guguddoo akka Finfinnee keessa malee fagaatanii hojjechuuf ogeeyyii fedha hin qabneerraa kan ka’e magaalota guguddoo keessa hanqinni hojii jiraachuu akka danda’u dubbatan.

Waan waggaa lama duraayoo ibsan ‘’Hakiimni hojii dhabee hanga mana taa’uu, sadarkaa hojii barbaaduufi hiriira nagaa bahuu gahee ture. Mootummaan dhaabilee miti mootummaa waliin ta’ee maallaqa naannoleef argamsiiseen akka qcaraman ta’eera’’ jedhan.

Yeroo kanatti naannoleen hakiima hamma fedhan argachuu hin dandeenye jiraachuus dubbatan.

Gama kaaniin Hakiimotaan alatti ogeeyyiin fayyaa akka Narsii, Faarmasii, laabraatoriifi kaan eebbifamanii carraa hojii dhaban hedduun akka jra dubbataniiru Doktar Balaayineen.

‘’Ogeessi anisteezhiyaa kan biyya kanatti hanqinni isaa jira jedhamu, karaa waldaasaatiin namootni 500 ol oogummaa kana kan baratan lafa taa’aa jiraachuu ifa godheera’’ jedhu.

Aangoo hakiimota qacaruu kan harkaa qaban naannoleen ogeeyyiin fayyaa qacaran kan afaan hojii naannichaa beekan akka ta’uu qaban qajeelfama baasaniiru.

Dabalataan ammoo bakka yaaddoo nageenyaa qabanitti deemuuf hakiimotni fedha dhaburraa naannolee kaan keessatti hanqinni carraa hojii mudachuu quba qabaachuus dubbataniiru.

Godaansa Hakiimotaa gara biyya biraatti godhamu

Gama kaaniin Hakiimni jireenya fooyyee qabu argachuuf biyyaa bahaa akka jirus ni dubbatama.

Doktar BalaayineenHakiimni Itoophiyaa miindaan ji’aa isaa 9,500 kan ispeeshaalaayizeeshinii waggaa afur fixan ammoo gara birrii 11 gahaa jedhanii, kuni jireenya Hakiimni jiraachuu qabu jiraachisuuf xiqqaa waan ta’eef biyyootuma olla miindaa fooyya’aa qabutti godaanuun akka jiru dubbatan.

‘’Mindaan kun kiraa manaayyuu kaffaluu kan hin dandeenye waan ta’eef ogeessi keenya komachaa jira. Somaalindaan fa’a deemu, ji’aan hanga doolaara 3,000 fa’atu kaffalamaafi. Somaaliyaafaa deemu ji’aan hanga doolaara 4,000 fa’a kaffalamaafi’’ jedhan.

‘’Ogeessi amma dhaabbilee biyya keessaatti hojjecha jiruyyuu yaadaan, fedhiidhaan, kaka’umsaan hawaasa tajaajiluurraa buqqa’ee akka waan godaaneetti fudhachuu dandeessa.’’

Fedhiin Hakiimni godaanuuf qabuu kan nama sodaachisu ta’uus dubbataniiru.