US dhiyeessii deeggarsa nyaataa Itoophiyaatti adda kuttee ture deebistee eegaluuf

Maxxanfame

Ameerikaan deeggarsa nyaataa Baqattoota Itoophiyaa keessaaf dhiyeessitu ji’oota shaniif adda kuttee ture deebistee jalqabuuf akka jettu beeksifte.

Ameerikaan deeggarsi nyaataa kanneen waraanaafi hongeen miidhamaniif dhiyeessaa turte dhimma biraaf oolfameera jechuun deeggarsicha erga adda kuttee ji’ootni shan darbaniiru.

Rakkoon dhiyeessii midhaan nyaataa sababa waraana naannoo Tigiraayitti gaggeeffamaa turee fi goginsa Gaanfa Afrikaa keessatti mudateen hammaataa dhufeera.

‘‘Deeggarsi midhaan nyaataa irra deebin jalqabuun isaa lubbuu oolchuun miidhamtoota irraas balaa kan hanbisu taha,’’ jechuun Rooyitarsi qondaala USAID wabeeffachuun gabaase.

Dhiyeessiin deeggarsaa kun akka jalqabuuf kan murtaa’e erga mootummaan Itoophiyaa fi dhaabbileen deeggarsa dhiyeessuun tumsan haaromsa guddaa fidaniiti.

Kunis akkaataa dhiyeessii nyaataa baqattootaa, hordoffii, bakka meeshaaleen deeggarsaa dhaqqaban faana dhahuu ykn hordofuu, fi galmee baqattootaa fooyyessuu waliin wal qabata.

Akka gabaasa Rooyitarsitti Itoophiyaa keessa baqattootni gara miliyoona tokkoo tahan miidhaaf saaxilamuu danda’an jiru.

Irra caalaan isaanii Sudaan, Sudaan Kibbaa, Somaliyaa, Eertiraa fi biyyoota kaan irraa kan biyyicha galanidha.

Ameerikaan dhiyeessii deeggarsaa baqattootaaf tahu irratti ammas kana caalaa haaromsi akka jiraatuuf mootummaa Itoophiyaa waliin akka hojjettu ibsameera.

Mootummaan Itoophiyaa raabsa deeggarsichaa keessaa bahuuf waliigaluun isaa akka dhiyeessiin deegarsichaa dhaabbatee ture itti fufuuf waliigalaniiru.

Itoophiyaan to’annoo man kuusaa deeggarsaa fi rabsa isaa USAID’f an dhiistu taha.

Gama biraan ammoo lammiilee Itoophiyaa gara miliyoona 20 tahan deeggarsa midhaan nyaataa barbaadu.

Qondaalonni naannoo Tigiraay erga dhiyeessiin deeggarsaa dhaabbatee sababa beelaan namootni 1400 tahan du’uu kana dura BBCtti himaniru.

Naannoo Amaaraa keessattis tibbana sabab goginsaa fi waraanaan beela mudateen lubbuun namaa darbaa jiraachuu himameera