Itaaliitti ChatGPT yaaddoo iccitii dhuunfaa irraa kan ka'e dhorkame

Maxxanfame

Teeknooloojiin gosa chatbot ammaan tana bifa fooyya'een as ba'e ChatGPT, biyyoota lixaa keessaa yeroo jalqabaaf Itaalii keessatti akka hojiirra hin oolle dhorkame.

Jaarmiyaan nageenyummaa daataa eeguurratti hojjetu teeknooloojii haaraan kanaan walqabatee yaaddoon iccitii dhuunfaa jiraachuu eere.

Teeknooloojii haaraa yeroo ammaa addunyaan guutuu irraa dubbatu - ChatGPT jaarmiyaa teeknooloojii US - OpenAI jedhamutu harkaa qaba.

Jaarmiyaan eegumsa daataa Itaalii kun, hojiirra oolmaa teeknooloojii kanaa dhorkuun, hatattamaan OpenAI irratti qorannoo akka eegalu ibse.

ChatGPT erga Sadaasa 2022 hojii eegalee namoonni miiliyoonaan lakkaa'aman fayyadamaa jiru.

Teeknooloojiin kun leenjii hanga bara 2021tti fudhate (daataa walitti qabate) irratti hundaa'uun waan namni gaafate mara namaaf deebisa.

Teeknooloojii kanarratti ammumaan yaaddoon garaagaraa ka'aa jira.

Iccitii dhuunfaa, carraa hojii fi odeeffannoo sobaa akkasumas odeeffannoo madaalawaa hin taane dabarsuun yaaddoo teeknooloojii kanarratti ka'aa jiruudha.

Ogeeyyii teeknooloojii ammayyaa keessatti beekaman kanneen Elon Musk dabalatee, namoonni damee teeknooloojii keessatti beekaman hedduun hubannoon nam-tolchee (AI) teeknooloojii kanaa akka leenjii dhaabu gaafataniiru.

Saffisni guddina teeknooloojii addunyaa gama kanaan jiru to'annoon ala ba'uu danda'a yaaddoo jedhu dhiheessan.

Kubbaaniyyaan teeknooloojii Itaalii kun akka jedhutti, teeknooloojii OpenAI kan ta'e chatbot dhorkuu qofa osoo hin taane, ni sakatta'as.

Sakatta'ee qajeeltoo eegumsa daataa- General Data Protection Regulation (GDPR) jedhamu sarbaa jiraachuu fi dhiisuu isaa adda baasa.

GDPR akkaataa itti fayyadama, adeemsa fi kuufama daataa dhuunfaa kan hoogganuudha.

Jaarmiyaan Itaalii kun akka ibsetti, appiin teeknooloojii haarofti kun gaafa Bitootessa 20, 2023 seera eegumsa daataa cabseera.

Himannaan Itaalii kun haasaa fayyadamtoota (maamiloota) waliin taasifamuu fi kaffaltii raawwatamuun walqabata.

Teeknooloojiin kun mala ittiin daangaa umrii adda baasan waan hin diriirsineef, odeeffannoon argatu sadarkaasaa kan eeggatee fi bilchaataa kan hin taaneedha.

Morkataa chatbot kan ta'e Bard yaaddoo kanarraa kan ka'e namoonni umriinsaanii waggaa 18 ol ta'e qofti akka fayyadamuu danda'an murteesseera.

Dhaabbati Itaalii Eegumsa fi nageenya daataa to'atu teeknooloojii guyyaa 20 keessatti yaaddoo isaarratti ibsa ga'aa akka kennu akeekkachiiseera.

Yoo kana hin ta'in adabbiin doolaara miiliyoona 21.7 isa mudata, yookiin galii waggaa teeknooloojii kanaa keessaa harka 4 fudhata.

Komishiniin eegumsa nageenyummaa daataa Ayerlaandis, gamasaan jaarmiyaalee eegumsa nageenyummaa daataa kan Itaalii fi biyyoota Awurooppaa waliin ta'uun dhimma kana xiyyeeffannaan akka hordofu ibseera.

Waajjirri Komishinii Odeeffannoo UK ammoo guddina teeknooloojii kana akka deeggaru ibse, garuu seera eegumsa nageeyummaa daataan akka bitamu dhiibbaa akka uumu eere.

Dhorkaan teeknooloojii haaraa kanarratti eegalame, eegumsi nageenya odeeffannoo dhuunfaa (daataa dhuunfaa) hagam murteessaa fi dursa argachuu akka qabu kan agarsiisuudha.

Qondaalli Nageenya Saayibarii Dan Morgan, "jaarmiyaaleen nageenyummaa daataa dhuunfaaf dursa kennuu qabu,'' jedhe.

''Qajeeltoo eegumsa nageeyummaa daataa Gamtaan Awurooppaa tumate waliin wal faallessuu hin qabu. Qajeeltoo kanaaf bitamuu dhimma dursa argachuu qabuudha.''

Teeknooloojiin ChatGPT biyyoota akka Chaayinaa, Iraan, Kooriyaa Kaabaa fi Raashiyaa keessatti dhorkameera.

BBCn yaaddoo dhiyaatan kunneen OpenAI'f dhiheessus, haga ammaa deebii argachuu hin dandeenye.