Masqala Oromoo kan jedhamu maali, ofii masqalli aadaamoo amantiidha?

Itoophiyaa keessatti ayyaanota simannaa bara haaraa mul’isan keessaa tokko kan ta’e Ayyaanni Masqalaa boru gaafa Fulbaana 27, 2022 kabajame oola.
Gaaffiin bu’uurri ayyaana Masqalaa aadaadhamoo amantiidha jedhu ilaalchisee yaadota falmisisootu ka’a.
Bara 2013 Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti jaarmiyaa Barnootaa, Saayinsii fi Aadaa (UNESCO) irratti akka hambaa killayyaatti kan galmaa’e masqalli, kutaalee Itoophiyaa garaagaraa keessatti bifa aadaa fi amantiin kabajamaa yoona ga’eera.
Manni amantaa kiristaanaa Tawaahidoo Ortodoksii ayyaanni kun bu’uurri isaa amantii kiristaanaati jettee amanti.
Luba mana amantii kanaa kan ta’an Luba Balaay Makonnin seenaan ganamaa masqalaa ganamaa amantii ta’us amma garuu aadeeffatameera jedhan.
Luba Balaay kitaaba isaanii ‘Kiristaanummaa fi Oromoo bara durii hanga ammaa’ jedhu keessatti aadaa fi amantiin dhimmoota waliin deeman ta’uu ibsaniiru.
Qorataa fi barreessaa aadaa fi seenaa kan ta’an Obbo Dirribii Damusee Bokkuu bu’uurri masqalaa aadaa fi falaasama Oromoo isa ganamaati jedhan.
'Masqalaa fi aadaa- falaasama Oromoo'
Oromoon ‘Masqala ykn Gubaa’ dabalatee ayyaanota hunda bakkalcha, addeessaa fi aduu ilaaluun dhahata kan jedhan Obbo Dirribii Damisee Bokkuu, uummattoota addunyaa keessaa Chaayinaa, Hindii fi Maayaanillee lakkoofsa baraa ykn uumama kunneen irratti hundaa’uun ibsatu jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akka Obbo Dirribiin jedhanitti, Oromoon waqtii (season) isa jedhamu ‘Ali’ jedhee waama. Ali’n kunis afur- Arfaasaa, Ganna, Birraa fi Bona.
'‘Oromoon waqtii gannaan ‘Ali-Waato’ jedha- Alii yookiin waqtii waan hundi keessatti mudatuu fi nafa nafa jijjiiramu jechuudha. Ali yookiin si’a yookiin yeroo waan baayyeen ta’u jechuudha,’’ jechuun falaasama yeroo waliin jiru ibsu.
Ali’n (waqtiin gannaa) kun Adoolessa irraa eegala kan jedhan Obbo Dirribiin, '‘Adoolessa jalqabaarraa kaasee roobni ni dabala, malkaan ni mirgisa, ni gobba achumaan guuta, deebi’ee ammoo hir’ate taliila ta’a. Llafti dhoqqee ta’a, ni marga, kan faca’e guddatee lelisa,’’ jedhu.
Ali waato torban kudhaniif tura, kurneerraa jalqaba, gaafa Masqalaaf torban kudhan hafu seena akka Obbo Dirribiin jedhanitti.
‘’Kurnii, salgii, saddeeta, torbii, ja’ii, shanii, arfii, sadii, lamii, takkee jedhamu, wayita akkanaan lakkaa’amee takkeerra ga’u masqalli kabajama, gaafa sana bara haaraadha.’’
Ali-Waato kana keessa waan hedduutu jijjiirama, kan jijjiiru nama osoo hin taane uumaadha jedhu.
'‘Bofa ijatu jaama, cululleen holqatti galti, gugeen hin gungumtu, simbirroon illee gaafa Ali-waato darbu bifa jijjiirrattee dhufti (simbirroo maaramii, simbirroo masqalaa),’’ jedhan Obbo Dirribiin.
Ali-Waato seenee hanga kurniin (torbanoonni kudhan) dhumee masqalli kabajamutti malkaatti hin irreeffatamu, mana qaalluutti hin sirbamu (hin jeekkaramu), tulluutti hin irreeffatamu, jedhan hayyuun seenaa fi aadaa kun.
'‘Ganni dukkana (cufaadha) waan ta’eef dukkana kana keessa wantoonni kunneen hin raawwataman. Gaafa dukkanni cufaan saaqqataa deemu ayyaana kana jalqabu- Mucucoo, Colooloo yookiin garanfasa kabajuurraa eegalu,’’ jedhan.
Kun gaafa Masqalaaf baatiin tokko hafu, walakkaa ji’a Hagayyaa keessa raawwatama.
'‘Dubartiin okolee qabattee malkaa buutee, achitti dhiqxi. Achii bishaan calale budduqfattee galtee ittiin marqaa marqiti. Kana dura kan eegalu ayyaanni Taaborees jira.’’
Kun ta’ee torban lama booda ammoo ijoolleen durbaa shinooyyee jechaa sirbiti, dhiirri ammoo goobee sirba.
'‘Birraan mataansaa akka misirrootti ilaalama, akkasitti simatama. Yeroo ililliin daraaree urgaa’ee, roobni irraa caamee, malkaan taliilee lafti qooruudha. Yeroo Ali’n misirroo ta’u jechuudha,’’ jedhu Obbo DIrribiin.
Birraadhaaf sirbuun dur durii irraa kaasee aadaadhaan kan jiruudha kan jedhan Obbo Dirribiin, hanga yoonaa amantii kiristaanaa of keessaa hin qabu jedhan.
Akkasitti deemee kurnee irraa kaasee takkeen wayita dhumtu Masqala ayyaaneffatu. Masqala kanas Oromoon akka bara haaraatti ilaala jedhan.
Masqalli akka amantii, aadaa, festivaala, hambaa…

Madda suuraa, Getty Images
Akka Luba Balaayi jedhaniitti, masqalli bu’uuraan amantiidha, yeroo ammaa garuu uummanni biyyattii aadeffateera.
'‘Ayyaanni kun amma amantiidha, feestivaala, aadaadha, hambaadha- waa heddudha,’’ kan jedhan Luba Balaay ayyaanichi kan amantii Ortodoksii qofa miti jedhu.
'‘Namni ortodoksii hin taanellee bashannanaaf jedhee dhaqe hirmaata. Muslimnillee ni dhufa, kanan ijaan arge. Keessattuu dargaggoonni. Kun kan agarsiisu sirni kun amantii qofa miti jechuudha.’’
Obbo Dirribiin gamasaaniin osoo amantiin dhufee sirna kana '‘ofitti fudhatee hin dhuunfatiin dura,'' Oromoon Masqala Gubaa akka ture jaarsolii bulan irraa qorachuu eeran.
'‘Xomboora guban daaraasaa midhaan keessa facaasu. Mallattoo milkii fi quufaati jedhu. Bixxillee ykn tusoo keessatti bilcheessu. Dhibaayyuu dhibaafatu. Bara quufaa yaa ta’u, ifatti nu haa ceesisu jedhu. Horii quufsanii nyaachisu,’’ jechuun duudhaa aadaa ganamaa ta’uu ibsan.
'‘Ani kan amantii keessatti wayita dhibaafatan hin argine, yeroo inquxaaxashiis dhibaayyuun hin jiru. Kun achii as dhufteensaa aadaa ta’uu mul’isa, yookiin amantee qe’ee ofii isa ganamaa ta’uu.’’
Luba Balaay duudhaan kabaja ayyaana masqalaa durirraa aadaa Oromoo keessa jiraachuu hin haalle.
'‘Oromoon masqala mootii ayyaanaa jedha. Kanaan walqabsiisee wayita eebbisu, sirbuu fi sirnoota aadaa garaagaraa raawwatu argaa guddanne,’’ jedhan.
Ayyaanota Oromoon kabaju keessaa guddichi masqala kana kan jedhan dureen amantii Ortodoksii kun, namni amantii Ortodoksiin ala ta’e hedduun aadaadhaan kabaju jedhu.
'‘Oromoo biratti qofa miti. Fakeenyaaf Guraagee biratti haala adda ta’een kan kabajamu isaan hundi Ortodoksii waan ta’aniif miti.’’
Obbo Dirribiin masqalli ayyaana bakka guddaa qabu ta’uu wayita ibsan, '‘Oromoon hangafummaadhaan kabaja kenna. Masqallis barii bara haaraa waan kabajamuuf hangafa ykn mootii ayyaanaa jedhame,’’ jedhan.
'‘Jalqabbii waggaa haaraa calaqqisiisa. Ayyaanonni kaan isa booda dhufu. Dur warri keenya umurii kee si gaafachuuf masqala meeqa gubdee jirta jedhu, bara meeqa taata jechuudha.’’
Gubaan maali? Fulbaana 17 maaliif ta’e?
Akka hayyuun seenaa Obbo Dirribiin jedhanitti, Oromoon gubaa kanatti torban lama dursee qophaa’a.
'‘Mukeen akka ejersaa, bakkanniisa, laaftoo muranii gosa gosaan akkuma walitti dhihaatanitti walitti adeemanii gubu. Bakka hangafi jiru deemanii achitti gubu,’’ jedhan.
Hunduu guca ibsee bara haaraa simata. Oromoof gaafa sanatu bara haaraadha jedhu.
'‘Hulluuqoo kan jedhamus jira. Muka guddaa dameesaa walitti hidhanii karaa dhihaa gara bahaatti hulluuqu, ijoollee fi loon waliin hulluuqu. Bara darberraa bara haaraatti hulluuquu jechuudha.’’
'‘Guyyaa sana horiin marga addaa ykn filatamaa dheedu. Hin rukutaman. Hoolaa fi re’ee malee galgala sana sangaa hin qalan. Guyyaa horiinis namnis quufee waaqaaf galata galchaa ooluudha,’’ jedhan.
Guyyaan masqalli kabajamu akka aadaatti guyyaa kam akka ta’e kan gaafataman Obbo Diribiin, Oromoon sirnootaa fi taateewwan adda addaa urjii, bakkalcha, addeessa, aduu ilaallatee dhahata.
Roobaa fi jiidha bu’uura godhatee guyyaa masqalaa murteessa. Haalli teessuma naannoo Oromiyaa fi bal’inni lafaa guyyaan kun kana jedhamee akka hin beekamne godheera. Kanaaf ayyaantuutu guyyaa kana jedhee murteessa jedhu.
Luba Balaay manni amantii Ortodoksii ayyaana masqalaa Fulbaana 17 maaliif akka kabaju akkanaan ibsan.
'‘Murtiidhaan gaafa masqalaatti as darbe malee fannoon kan argame Bitootessa bultii 10 ture,’’ jedhan.
'‘Giiftii Elleeniin masqalii kana qottee kan argatte Bitootessa keessa. Hayoonni amantii ammoo masqalli ifa, araara, guyyaa dhiifamaati, guyyaa ifatti ba’amu jechuudhaan guyyaa kanarra akka ta’u murteessan,’’ jedhan.
Fulbaanni ji’a keessa ifatti ba’amuudha. Fulbana (fuula ibsuu akka jechuu) yeroo ifatti ba’aniidha masqalli ammoo ifa, kanaaf ifatti baane jedhanii guyyaa kana akka ta’u labsan jechuun maaliif akka guyyaan kun filatame dubbatu.
Obbo Dirribiin kanarraa ka’uun warri amantii aadaa kana balleessuu dadhabnaan gara Fulbaanaatti fidanii ofitti fudhatan malee masqalli ayyaana ganamaa Oromooti jedhan.
Irreechaa fi Masqala- Aadaa fi amantii
Ayyaanni sirna galateeffannaa Oromoo- Irreechi Dilbata guyyaa masqalaatti aanee dhufurra kabajamuun kan baratame ta’us kun dirqama miti jedhan Obbo Dirribiin.
'‘Irreechi dirqama Dilbata ta’uu hin qabu, kana kan murteesse Waldaa Maccaa fi Tuulamaati. Dhihooma osooman beekuu murtaa’e,’’ jedhan.
'‘Akka naannoo Tuulamaa kanatti masqala gubdee bariitusaa qe’eedhaa hin baatu, ulumaa jirta. Har’a masqalli gubatee borumtaasaa gosti ba’ee, hangafti walga’ee cilaattii gubaa addatti dibatu, walitti tufanii wal eebbisu.’’
Gaafa bultii sadaffaa ammoo yeroo ijoollee dubaraati, dirreetti baatee '‘Dirree sin gabbisaa na gabbisi, sin bareechaa na bareechi,’’ jetteetu bakkee baatee sirbiti.
Erga kun hundi xumuramee booda malkaa bu’anii irreeffatu jechuun akkaataa hariiroo masqalaa fi irreechaa ibsan.
'‘Akka falaasama Oromootti gaafa Ali-Waato seenu irraa eegalee ayyaanni qe’eetti gala. Ali-Waato obba’ee masqalli kabajamee erga ijoolleen durbaa dachee faarsitee booda, ayyaanni malkaa fi gaaratti gala. Achii booda irreeffatama malee Dilbata hin eegu Irreechi.’’
Boordiin Maccaa fi Tuulamaa masqalli ba’ee Dilbata itti aanu irreechi akka kabajamu wayita murteessu, yoo ayyaanonni lameen guyyaa lama walirraa fagaatan qofa ta’uu ibsee ture jedhan.
'‘Fakeenyaaf osoo masqalli Jimaatarra bu’ee irreechi Dilbata hin kabajamu. Sababni isaa guyyaa lammaffaa- Sambati guyyaa ulumaati, guyyaa sadaffaa- Dilbati guyyaa shamarran ba’anii dachee faarsan,’’ jedhan.
Kanaafuu yeroo akkanaa irreechi Dilbata torbeetti darba jechuudha jedhan Obbo Dirribiin.
'‘Gara fuulduraatti ayyaanni irreechaa Dilbataan osoo walitti hin hidhatin, mataamasaa danda’ee yeroosaa akka durduriitti jiruun akka kabajamu ta’uu qaba. Garuu masqalaan walitti ni hidhata.’’
Hariiroo Irreechaa fi masqalaa irratti yaada kan kennan dureen amantii Ortodoksii Luba Balaay aadaa fi amantiin walkeessa jedhan.
'‘Saayinsiin aadaa fi amantiin walkeessa jira jedha, yoo aadaa badaa ta’e malee. Aadaa badaan ammoo aadaa miti,’’ jedhan.
'‘Ergaan kitaaba kiyyaas aadaa fi amantiin Oromoo walitti hin bu’u, barmaatilee duubatti hafoo yoo ta’an malee, barmaatileen duubatti hafoon ammoo aadaa miti jedha.’’
'‘Irreecha kabajuun kiristaannaas ta’e islaamummaa kan balleessu miti, namni waanuma itti fakkaate raawwata. Aadaadha waan ta’eef amantii hin faallessu,’’ jechuun irreechi aadaa ganamaa ta’uu himu.
'‘Aadaa jechuun waan hawaasi tokko uumamaan qabu yookiin aadeffatee itti bulu jechuudha. Kanaafu aadaan saba tokko amantii isa hin dhowwu. Fakeenyaaf sabni tokko uffata aadaa mataasaa yoo qabaate amantiisaa hin faallessu, hanga naamusa amantichaa eegetti.’’












