Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Gaaffiin Hamaas 'kan fudhatama hin qabne' ta'us, mariif taa'uuf qophiidha- Israa'el
Israa'el Wiixata dhufu mariistoota ishee gara Kataar erguun Gaazaa keessatti dhukaasa dhaabuu fi namoota booji'aman hiikuu irratti Hamaas waliin marii taasisuuf murteessiteetti.
Waajjirri Ministira Muummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuu karoora jiddu-galeessitoota Kataar, Ameerikaa fi Masrii dhiyeessan irratti Hamaas gaaffii "fudhatama hin qabne, kan homaa jijjirama hin fidne " kan dhiyeessu ta'us, waamicha kana fudhachuu maricha irratti argamuuf qophii ta'uu ibseera.
Jimaata galgala Hamaas yaada dhukaasa dhaabuu guyyoota 60f dhihaateef ''deebii gaarii'' kennuu isaafi mariidhaaf qophii ta'uu ibseera.
Haa ta'u malee, qondaalli Filisxeem tokko akka jedhanitti, gareen kun yoo mariin dhukaasa dhaabuu dhaabbataan taasifamu hin milkoofne walitti bu'iinsi kun akka hin deebine wabii kennuu dabalatee waligalteen biroo akka gaggeeffamu gaafateera.
Ejensiin Ittisa Siivilii Gaazaa kan Hamaasiin geggeeffamu akka jedhetti, haleellaa xiyyaaraa Israa'el Dilbata darbe raawwateen yoo xiqqaate lammiileen Filisxeem 35 ajjeefamaniiru.
Hospitaalli magaalaa Kaan Yuunis akka jedhetti dunkaana naannoo al-Mawasitti argamutti boombii darbatameen,ndoktora tokkoo fi ijoollee isaa sadan dabalatee namoonni torba du'aniiru.
Gama biraatiin lammiileen Ameerikaa lama dhaabbata gargaarsa raabsaa Israa'elii fi Ameerikaan deeggaramu Faawundeeshinii Namoomaa Gaazaa (GHF) jedhamu keessa hojjetan naannoo Kaan Yuunis keessatti haleellaa boombii raawwatame kanaan madaa'aniiru.
Israa'elii fi US lamaan isaaniiyyuu haleellaa kanaaf Hamaas komatanii kan turan yoo ta'u, gareen kun garuu harka keessaa akka hin qabne haaleera.
Ibsa Sambata galgala baaseen Waajjirri Ministira Muummee Israa'el yaada dhukaasa dhaabuu irratti ''jijjiiramni Hamaas gochuu barbaadu Israa'el biratti fudhatama hin qabu'' jedheera.
Haa ta'u malee, "madaallii haala jiru irratti hundaa'uun'', Ministirri Muummee Beeniyaamin Netaaniyaahuun affeerraa kana fudhachuun yaada Kataar marii gaggeessuuf dhiheessite fudhachuun mariin akka itti fufuu qajeelfama kaa'aniiru
Kun namoota ukkaamfamanii jiran akka gadhiifaman mirkaneessuufi marii kana irratti akka hirmaattu irratti walii galtee jirti. Gareen mariis boru gara bakka marii Kataaritti ni qajeela," jedhan
Qondaalli Israa'el tokko kanaan dura deebii Hamaas irratti hundaa'uun ''waanti ittiiin hojjatamu tokko jira'' jechuun miidiyaalee biyya keessaatti himaniiru.
Mariisistoonni qaawwa al-kallattiin Dohaatti gaggeeffamu keessatti hafe cufuuf hojii isaanii cimsuu itti fufuun isaanii hin oolu.
Guyyoota itti aanan keessatti waliigalteerra gahuun akka danda'amu kan dubbatan preezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp marii kana itti dhiyeenyaan hordofaa jiru.
Jimaata darbe deebii Hamaas irratti ibsa osoo hin argatin dura gareen kun deebii gaarii akka kennan akka eegaanii fi garichi yaada deeggarsa yoo qabaate ''torban dhufu waliigaltee Gaazaa jiraachuu danda'a'' jedhan.
Tiraamp fi Netaaniyaahuun Wiixata dhufu wal arguuf kan beellamatan yoo ta'u, yeroo sanatti ibsa guddaa tokko baasuuf fedhii guddaa akka qaban ifaadha.
Lammiileen Israa'el maatiin isaanii Gaazaatti Hamaasiin butamanii jiran, bu'aa marii kanaa yaaddoo cimaan eegaa jiru.
Samabata halkan maatiin namoota booji'amanii fi deeggartoonni isaanii kumaatamaan lakkaa'aman Tel Aviv keessatti hiriira bahuun biyyi isaanii waliigaltee bal'aa namootni butaman akka gadhiifaman hayyamurra akka geessuuf dhiibbaa godhaniiru.
Kibxata darbe pirezidaantiin Ameerikaa Israa'el dhukaasa dhaabuu guyyoota 60f ''haal-duree barbaachisoo'' fudhatteetti jedhan.
Guyyoota kana keessatti mariisistoonni waraana kana xumuruuf ni yaalla jedhan.
Karoorri kun hidhamtoota Falasxeem Israa'el keessatti hidhamanii, namoota lubbuun jiran 10 kanneen Hamaasiin butamanii jiranii fi reeffa namoota 18 deebisuufaa ni dabalata jedhamee amanama.
Yeroo ammaa Gaazaa keessatti namoonni ugguraman 50 kan jiran yoo ta'u, isaan keessaa yoo xiqqaate 20 lubbuun akka jiran amanama.
Yaadni dhihaate kun, Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi Koree Fannoo Diimaa Idil-addunyaa hirmaachisuun gargaarsi gahaan hatattamaan Gaazaatti akka dhiyaatu taasisuu kan dabalatudha.
Qondaalli olaanaan Falasxeem marii kana itti dhiyeenyaan hordofan Jimaata darbe BBCtti akka himanitti, Hamaas raabsiin gargaarsaa Gaazaa Dhaabbata Biyyota Gamtoomanii fi michoota isaa qofa irratti akka daangeffamu, akkasumas Faawundeeshiniin Namoomaa Gaazaa hatattamaan hojii isaa akka dhaabu gaafataniiru.
Qondaalli kun akka jedhanitti, fooyya'iinsi biraa Hamaas gaafate loltoonni Israa'el ba'uu ilaallata.
Yaadni Ameerikaa kun Israa'el naannolee Gaazaa murtaa'an keessaa bahuu kan hammatu ta'a jedhamee amanama. Garuu qondaalli kun akka jedhanitti, Hamaas loltoonni Israa'el dhuma baatii Bitootessa keessa dhukaasa dhaabuu osoo hin kufin dura bakka turanitti akka deebi'an barbaada.
Qondaalli kun akka jedhanitti, Hamaas mariin kun waliigaltee malee yoo xumuramullee, Israa'el haleellaa qilleensaa fi lafa irraa akka dhaabdu wabii akka kennitu barbaadu.
Mariisistoonni mariin kun guyyaa jalqabaa irraa eegalee araarama tokko malee akka raawwatamu wabii kan kennan yoo ta'u, yoo barbaachisaa ta'e waliigaltee dhukaasa dhaabuu dheeressuu akka danda'an eeran
Ministirri Muummee Israa'el hanga namoonni butaman hundi hiikamanii fi dandeettiin waraanaa fi bulchiinsa Hamaas dhabamsiifamutti waraanni kun hin dhaabbatu jedhan.
Hamaas haleellaa tasa Israa'el irratti raawwateen lubbuu namoota 1,200 fi lammiilee Israa'el 251 butee hordofee Gaazaatti duulli waraanaa eegalame
Ergasii Gaazaatti yoo xiqqaate namoonni 57,338 ajjeefamaniiru jedha Ministeerri Fayyaa Gaazaa Hamaasiin geggeeffamu.