Kumaatamni guutummaa UStti hiriira mormii Tiraamp irratti hirmaatan

Madda suuraa, Reuters
Namoonni kumaatamaan lakkaa'aman Dilbata darbe guutuu US keessatti daandii irratti bahuun tarkaanfii tibbana Pirezidant Doonaald Tiraamp fudhatanirratti mormii dhageessisan.
Mormiin "50501" jedhame kun "mormii 50, isteetota 50, sochii 1" jedhu qaba. Hiriirri kun waggaa 250ffaa jalqaba Duula Warraaqsa Ameerikaa waliin akka walirra bu'u yaadame ture.
Waayit Haawusii fi mana daldalaa Teslaa akkasumas giddugala magaalota hedduu duratti mormitoonni komii adda addaa ibsaniiru. Namoonni hedduun Kilmar Ábrego García kan dogoggoraan gara El Salvaadoritti ari'ame akka deebi'u gaafataniiru.
Mormiin siyaasaa US keessatti baay'achaa dhufeera - hiriirri "Hands Off" jalqaba baatii Eblaa keessa magaalota biyyattii keessatti namoota kuma kudhaniin lakkaa'aman hirmaachiseeera.

Madda suuraa, Getty Images

Madda suuraa, Reuters
Yaadni dhiheenya kana dhaabbata Gallup jedhamuun sassabame akka agarsiisutti filattootni %45 raawwii hojii Tiraamp kurmaana jalqabaa akka gaariitti madaalaniiru.
Kunis bulchiinsa isaanii isa jalqabaa keessatti yeroo walfakkaataatti raggaasifannaa argatan %41 ni caala.
Haata'u malee pirezedantota bara 1952 fi 2020 gidduutti filataman hundaaf sadarkaa giddu galeessaa kurmaana jalqabaaf kennamee ture %60 irraa gadi aanaadha.
Mormiin Dilbata darbe kun tarkaanfiiwwan Tiraamp hedduu kan ilaallatu yoo ta'u, kanneen Ministeera Gahumsa Mootummaa (Doge) - kaayyoo Tiraamp hojii mootummaa Ameerikaa fi baasii biroo hir'isuuf taasisan - fi bulchiinsichi lammii El Salvaador Ábrego García deebisee fiduuf fedhii dhabuu isaa dabalatee.
Gihaad Elgeendiy CNN'tti akka himanitti mormii Waayit Haawusitti gaggeeffameetti makamuun biyyaa ari'amuu Ábrego García qeeqaniiru. Tiraamp ''salphaatti El Salvaador akka isa deebiftu dhiibbaa gochuu danda'a'' jedhanii amanu.
Mormiin kun akka waliigalaatti nagaa ta'uun gabaafame
Hiriirtonni hedduun mallattoo Mootii hin barbaannu (No Kings) jedhu qabatanii kan turan yoo ta'u, kunis yaadannoo waggaa warraaqsi biyyattiin bulchiinsa Ingilizii irratti jalqabdeerra bu'eera.

Madda suuraa, Getty Images

Madda suuraa, Getty Images
Fudhatamni Tiraamp gadi bu'aa deemaa jira. Keessumaa ammoo dhimma diinagdeen walqabatee. Wayita masaraa mootumma qabatan fudhatamni isaanii 47% akka ture Gaalup ni ibsa.
Yaada uummataa Rooyitarsi sassaabeenis 47% irraa gara 43%tti gadi bu'eera. Kanneen hojiilee gama diingdeen hojjetan faara gaariin ilaalan wayita waadaa galan ture 42% irraa gara 37% gadi bu'eera.
Jalqaba ji'a kanaa lammiileen Ameerikaa hedduun walitti qabamuun erga Tiraamp aangoo qabatanii mormii isa guddaa jedhame guutuu biyyaatti bahan.
Hiriirri mormii yeroo sanii isa kanarra guddaa ture. Isteetota 50 biyyattii keessaa bakka 1,200tti gaggeeffame.












