Kabajamni mirga namoomaa yeroo itti akka waan 'qananiitti' ilaalamu jiraa?

Madda suuraa, Getty Images
Dhaloota Kiriistoosiin dura bara 539 loltoonni mootii jalqabaa Parshiyaa(Iraaq ammaa) Saayiras Jabaa(Cyrus the Great) magaalaa Baabiloon to'ate. Bara kana dalagaa dhala namaa fuulduratti tarkaanfachiisu raawwate.
Garboota bilisa baasuun namni hundi amantiisaa filachuu danda'a jedhe, wal-qixxummaa sabootaas mirkaneesse.
Labsiiwwan kunneeniifi kaan gabatee boca sillindarii supheerraa hojjetamerratti barreefaman. Kunis qajeelfama mirga namoomaa isa jalqabaa waggaa 2,500 dura galmaa'e tahe.
Bara 1215 Mootiin Ingilaand Joon sanada barreeffamaa Maagnaa Kaartaa qajeelfama namoonni seera fuulduratti qixxee dha jedhuufi warreen abbaan warraa jalaa du'e mirga deebisanii heerumuu dhiisu qabu jedhu fudhate.
Kanamalee ''olaantummaa seeraa'' akkasumas yaada bilisummaafi mirga namoota hundaaf jedhu barsiise.
Bara 1948 Yaa'iin Waliigalaa Biyyoota Gamtoomanii Labsii Mirga Namoomaa biyyooti baayyee heera isaanii keessatti akka hammatamu godhan baase.
Labsiin mirga namoomaa Universal Declaration of Human Rights (UDHR) seera mirga namoomaa addunyaaf bu'uura kan tahe yoo tahu, waliigalteewwaniifi labsiiwwan addunyaa 80 ol bu'uurri isaanii labsii Biyyoota Gamtoomanii kana dha.
Guyyaan mirga namoomaa waggaa waggaan gaafa Mudde 10 kabajama.
Mirgi namoomaa maal akka taheefi akkatti kabajamurratti odeessa armaan gasii qineessineerra.
Mirgi namoomaa maali?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Jalqabarratti mirgi namoomaa yaada dha: yaada hundi keenyi akka namaatti mirgaafi bilisummaa qixxee waliin dhalanne kan jedhudha.
Yunivarsiitii Wal-qixxeetti barsiisaa seera mirga namoomaa kan tahe Margaa Fiqaaduun mirgi namoomaa, ''nama tahuurra madda. Namni jireenyasaa bifa kabaja qabuun jiraachuuf waan bu'uuraati kan jedhurraa dhufe,'' jedha.
Dabaluunis mirgi namoomaa maddisaa 'seera uumamaati', kana jechuunis uumamuudhumasaan kan wajjin argatu dha jedha.
Haa tahu malee mirga uumamaan argatu kuni kan kabajamuuf seeraani dha jedha.
Haala kanaanis seerotaafi tumaalee addunyaa gargaraa dabalatee biyyooti heera isaaniifi seerota isaan gadi jiran keessatti beekamtiifi kunuunusa barbaachisu godhuufi jechuun ibsa.
Haa tahu malee seenaa dhala namaa keessatti mirgooti kunneen nama hundaaf qixxee kabjamaa hin turre jedha barsiisaan kuni.
''Duraan garboota, ijoolleefi dubartoonni mirga qixxee hin qaban ture'' jedha.
Barsiisaan kuni duraan namoonni kan isaan mirgi isaanii kabajamuf 'sadarkaa hawaasa' keessatti qabaniinidha jedha.
Boodarra warraaqsa, qabsoofi dammaqinsa dhalli namaa keessa darbeen namni hunduu qabeenyaafi sadarkaa hawaasaa isaa malee nama tahee dhalachuu isaaf qofa mirga namoomaa akka qabu beekamtii kennuun dhufe jedha.
''Kana jechuun garuu mirgi sun duraan hin turre jechuu osoo hin taanee kabajamaa hin turredha. Namni kamiyyuu mirga namoomaasaa wajjin dhalata,'' jedha.
Qajeelfamoota mirga namoomaa
Labsiin mirga namoom Biyyoota Gamtoomanii qajeelfamoota mirga namoomaa lafa kaa'e keessa:
Mirgi namoomaa hunda-hammataa tahuu: Dhalli namaa marti koorniyaa, sabummaa, amantii fi ulaagaalee biraan otoo hin fo'amiin wal-qixa, akkasumas kabajaafi mirga wajjjin dhalate.
Fudhatamuu dhabuu: Mirgooti namoomaa namarraa hin fudhataman. Haala addaafi muraasa keessatti adeemsa seera hordofeen qofa namarraa molqamuu danda'u.
Hin baaqqeeffaman: Mirgooti namoomaa hundi haala wal-qixa taheen barbaachisoo dha, mirgi inni tokko isa kaaniin ala guutummaatti kabajamuu hin danda'u.
Wal-qixaafi loogii ala: Garaagarummaa tokko malee namni kamiyyuu mirgaafi bilisummaa labsii Biyyoota Gamtoomanii jalatti kaa'ame isaaniif mala.
Mirgooti namoomaa akkamiin hojiirra oolu?
Labsiin mirga namoomaa Biyyoota Gamtoomanii Universal Declaration of Human Rights (UDHR) mirga lubbuun jiraachuu, gabrummaa irraa bilisa bahuu, yaada ofii bilisaan ibsachuu, seera duratti qixxee ilaalamuu dabalatee keewwata 30 qaba.
Labsiin kuni waliigaltee seeraa waan hin taaneef biyyooti akka fudhatan hin dirqman.
Haatahu malee, keewwatoonni mirgoota namoomaa labsii kana keessatti beekamtiin kennameefi seera addunyaan waan fudhatama argataniif, ''biyyi tokko waliigaltes, waliigaluu baattes, cabsuu hin dandeessu,'' jedha.
Tumaaleefi waliigalteewwan ergasii mriga namoomaa kabachiisuuf bahan biyyooti hojiirra oolchina jechuun waliigaluu Margaan ni hima.
Sadarkaa biyyootaatti mirgooti kuni akka kabajaman kan godhu 'mootummaa biyyootaati,'' jedha,
Haatahu malee, ''biyyi tokko sabasaa akkan barbaaden godha jechuu hin danda'u'' jedha Margaan.
Sababiinsaas mirgi namoomaa hunda-hammataa waan taheef ''biyyoota kaanis ni ilaallata,'' jechuun ibsa.
Waliigalteewwan mirga kabachiisuuf bahan kan biyyooti irratti waliigalan ''fakkeenyaaf mirga dubartootaafi daa'immanii irratti,'' qaamoti idil-addunyaa kabajamuu mirgoota kana hordofuu fi biyyooti kunneen akka gaafataman godhan jiru jedha.
Biyyooti hundi haala qabiinsa mirga namoomaaf qaban irratti waggaa afur, afuriin biyyoota miseensa Biyyoota Gamtoomaniin madaalamu jechuun ibsa.
Margaan hojiirra oolmaan ykn mirga namaa kabachisuun dhimma ''dippiloomaasiifi siyaasaati,'' jedha.
Walumaagalatti kabajni mirga namoomaa waan biyyooti 'maqaa gaarii ittin argachuuf' hojjetanidha.
Gosa mirga namoomaa dhitamutu garaagra malee biyyooti guddatan otoo hin hafin danqaawwan mataa isaanii qabu jedha.
Danqaan guddaa seera idil-addunyaa, seerota bahan kabachiisuuf caasaa hin qabu jedha barsiisaan kuni.
''Biyyooti walabummaa mataasaanii waan qabaniif biyyi kaan gidduugalee mirga kana kabaji jechuu hin danda'u'' jedha.
Gama biraan immoo biyyooti mirga tokko isa kaanirra haalli caalsifatan jira jedha.
Kanamalees, hawaasni idil-addunyaallee akkasuma ''siyaasni biyya tokkoo mirgi akka dhiitamu gaafa godhu kan itti cichanii falmaniif fedhii biyyaalessaafi dippiloomaasiin,'' tahuu mala jedha.
Haala kanaan kabajama mirgaa irratti biyyoota irratti wal-qixa dhiibbaan hin godhamu.
Mirgi qananiidha?
Biyyooti Eeshiyaa kanneen akka Chaayinaa, Singaapoor faa mirga diinagdee, aadaafi amantiif dursa kennuun mirga isa kaan boodarra akka oolchan himu jedha Margaan.
Biyyooti Awurooppaa ammoo kanaan faallaa mirgoota siviiliifi dhuunfaaf dursa kennu.
Walumaagala ilaalchi 'mirgi waan qananii dha,' jedhu warreen dura diinagdeetiin guddachuu 'biddeena nyaachuu qabna,'' jedhutti warra amanantu dubbata jedha.
Margaan mirgi waan qananii akka hin taane ni ibsa. ''mirgi lubbuun jiraachuu yoo sii hin kabajamne hin duuta waan taheef, waa'ee mirgaa gaafachuun qananiidha,'' jechuun hin danda'amu jedha.
Mirgi namaa ''wal irratti hirkataa'' jedha.
''Fakkeenyaaf namni tokko hojii yoo qabaate malee galii hin argatu, nyaatee buluu hin danda'u, hin nyaatu taanaan ni du'a, kuniimmoo mirga lubbuun jirachuusaa jala molqa,'' jedha.
Mirgi tokko isa kaaniin ala jiraachuu akka hin dandeenye immoo biyyooti Ostiriyaa Vayeenaa irratti waliigaltee mallatteessaniiru jedha.












