'Hojii galata hin qabne'- ogeeyyiin fayyaa Keeniyaa maaliif lubbusaanii balleessu?

Dr Desree Moraa Obwoongiin

Madda suuraa, KMPDU

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Ganda Sulula Qinxamaa Keeniyaa keessatti argamtutti torbee darbe gaddi guutee ture. Barattoonni fayyaa waayila isaanii dhihoo lubbuu ofii baaseef gadda taa'anii ture. Firaansiis oggeessa fayyaa sahanaffaa dhiheenya lubbuu ofii galaafatedha.

Firaansiis Injuukii nama ganna 29 yoo tahu faarmaasistii tahuuf shaakallii hojiirra ture. Namoonni gaddarra jiran dabaree, dabareedhaan isa dhabuusaanitti gadda itti dhagahame ibsu.

Maatiinsaa Hagayya darbe leenjii hojiif isa qopheessu erga jalqabee kaffaltii argachaa tureen miira yaaddoofi dadhabbii akka qabaachaa ture BBCtti himan.

''Sababa dhiphina hojiifi hanqina inshuraansii dhabuu,'' irraan kan ka'e ji'a lama keessatti of ajjeessuun Firaansis ogeessa fayyaa shanaffaa dha,'' jedhan barreessaan Gamtaa Ogeessota Fayyaafi Hakiimota Ilkaanii Dr Daavii Ateellaa - gamtaan kuni kanaan dura waan akkasii mudateenii hin beeku jedhan.

Dabaluunis miseensoti isaanii shan biroo bara kana yaalii of ajjeesuu godhaniiru jedhan.

Haa tahu malee akka biyyaatti sababa kanaan namoonni hagamii akka lubbuu ofii dabarsan ragaan hin jiru.

Injuukiin shaakallii hojii hospitaala magaala dhihoo Naayiroobii jirtu Tiikaa jedhamtutti hojjechaa ture, baatii darbe otoo of hin ajjeesiin dura.

Sababa hirriba dhabuurraan kan ka'e mukaa'aafi waan qabatamaan hin jirre 'nan arga' jechaa akka ture eessumnisaa Tiiras Injuukiin dubbataniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

''Xalayaa barreesseen miindaan ji'a afurii otoo hin kaffalamiin hafuun dhimmoota dhukkuba sammuusaa hammeessan keessaa tahuu himuun, hamma of ajjeessuttis isa geessuu barreesseera,'' jedhan eessumni.

Maatiisaaf ilma jalqabaa kan tahe Injuukiin sababa dhukkuba sammuu isa mudateen yaalii fudhachaa akka ture gabaasni poolisii agarsiisa.

Injuukiin barattoota fayyaa mirkana ogeessummaa argachuun dura leenjiif Hagayya darbe dhaabbilee fayyaatti waggaa tokkoof ramadaman keessaati.

Haa tahu malee leenjitoonni fayyaa kuni sababa mootummaan hanqina qaba jedheef mindaa isaanii ji'oota afran jalqabaaf akka hin arganne himan.

Ogeessonni shaakallii hojiirra jiran humna namaa lammiileen inshuuraansii fayyaa bitachuu hin dandeenye itti tajaajilamani dha.

Seekatara fayyaa keessatti ogeessonni shaakallii hojiirra jiran harka 30 tahu.

Hospitaalota uummataa keessatti hordoffii dhihoon taasifamuufis hojii baayyeesaa isaantu dalaga. Takka, takka sa'atii 36f waamamaniif hojjeechuu danda'u.

Gamtaan Ogeessot Fayyaa, ''Dr Injuukiin akkuma warra kaanii kiraa manaa dabalatee baasii kaaniif kaffaluu ni rakkata ture,'' jedhe ibsa baaseen.

Mootummaan dhimma kaffaltii barattoota shaakallii hojiirra jiranif kennamurratti wal-dhibdee yeroo dheeraa qaba.

Dr Firaansiis Injuukii

Madda suuraa, Kiambu county's Department of Health Services

Mootummaan mindaa ji'aa ogeessota shaakallii hojiirra jiran gara doolaara 540 gadi buusuuf yaada dhiyeessee ture.

Gamtichi garuu bu'uura waliigaltee mootummaa wajjin bara 2017tti taasifameen doolaara 1,600 tahee akka turu barbaada.

Tahus Pireezidant Wiiliyaam Ruutoo mootummaan qarshii hanga kanaa kaffaluuf hin danda'u, ''hamma dandeenyu qofa baasna,' jedhan.

''Maallaqa hin qabne baasuu itti fufuu hin qabnu,'' jedhan Ruutoon Ebla darbe.

Dhiibbaa irratti taasifamaa tureen baatii darbe mootummaan doolaara miiliyoona 7.4 baasuun ogeessota shaakallii hojiirra jiran 1,200 Hagayya darbe irraa qabee mindaa isaanii hin fudhanneef kaffaleera.

Ogeessoti shaakallii hojiirra jiran gariin waan nuu kaffalame ''baayyee xiqqoo dha'' jedhan.

''Waggaa ja'a, torbaaf erga qo'annee booda shaakallii hojii argachuuf baatii baayyeef eegna. Boodammoo sa'atii dheeraaf hojjenna, waan mootummaan nuu kaffalu garuu ''baayyee xiqqaa dha, akkamalee rakkachaa jirra,'' jedha hospitaala Imbaagaatii Naayiroobitti shaakallii hojiirra kan jiru Dr Abdii Adoow.

Dr Abdiin ogeessota fayyaa dhibbaan lakka'aman hojii isaanii dhiisuufi carraa fooyya'aa argachuuf biyyaa bahuu gidduu murteessutti rakkatan keessaati.

Ogeessonni duuti Dr Timootii Ruunguu baatii darbee, hojichii akkaan dhiibbaa qabaachuu agarsiisa jedhu.

Dr Timootiin Hoospitaala Keeniyaattatti hakiima daa'immanii ture, hojii booda manatti galee du'e. Gara manaa deemuun dura dadhabbii akka qabu hogganaasaattii himachaa turuu miidiyaaleen biyya keessaa gabaasniiru.

Hakiimni ganna 35 kuni dhibee sukkaaraa kan qabu yoo tahu waggaa lamaaf boqonnaa fudhatee hin beeku, jedhu maatiinsaa.

Qorannoon reeffaa hakiima kanaa irratti taasifameen hammi sukkaaraa dhiiga isaa keessa ture isa barbaachisuun gad-bu'uutu mul'ate. Du'uusaan dura sa'atii 48 akka waa hin nyaanne mirkanaa'eera.

Caamsaa darbe mootummaan Keeniyaa gamtaa ogeessota fayyaa tokko waliin waliingaleettarra gahus dhimmi ogeessota shaakallii hojiirra jiranii garuu otoo hin furamiin jira.

Kanaan dura lagannaa hojii torbanoota bayyeef adeemsifamaa ture tajaajila hoospitaalotaa danquun du'a namootaafis sababa taheera.

Mariin yeroo gargaraatti dhimma kaffaltii irratti mootummaa wajjin adeemsifamu otoo hin milkaa'ina hafeera.

Torbee darbe Gamtaan Ogeessota Fayyaa lagannaa hojii haara guyyaa 21f turu ajajeera, mootummaan waadaa isaa hin eegne jechuunis himateera.

Fulbaana darbe shamarree ganna 27 shaakallii hojiirra turte bulchiinsa Kiyaambuu Hoospitaala Gaatuunduu akkasuma of ajjeesteetti.

Dr Desree Moraa Obwoongiin dabaree ishee irratti sa'atii 36f hojjechuun booda dhibeen sammuu itti hammaatee lubbuu ofii dabarsuu dandeesseetti jedhan waayilootishee.

Isheenis akkasumaa kiraa manaafi baasii kaan kaffaluu ni rakkatti jedhan.

Dr Muundii Intuusii Gamtaa Ogeessota Fayyaa irraa rakkoo faayinaansiifi ''iddoo hojii mijataa hin taane,'' du'asheef sababa jette. Maatiin shamarree kanaas mootummaan ittigaafatamummaa akka fudhatuufi lubbuu badeef beenyaa akka kennu gaafatan.

Qondaaloti fayyaa BBC irraa gaaffii dhiyaateef deebii hin kennine.

Tahus Ministarri Fayyaa biyyattii Dibooraa Baaraasaa yaada of ajeessuu ogeessotaarratti kennaniin ''rakkoo callisaan ogeessota fayyaafi kaan keessa darbani dha,'' jedhan.

Waajirra Istaatistiksii Keeniya akka agarsiisutti lammiileen Keeniyaa 1,400 tahan waggaa waggaan of ajjeesu. Kanneen lakkoofsi isaanii kana caala jedhan jiru.

Keeniyaa keessatti of ajjeesuun yakka waan taheef warreen of ajjesuu yaalan yoo qabaman hidhaa hamma waggaa lamaa irratti murtaa'uu danda'a.

Seera kana gareeleen mirga namoomaa kan qeeqaa turan yoo tahu dhibeen sammuu ittuu akka babal'atu kan godhuufi namoonni gargaarsa akka hin arganne godha jedhu.

Dr Abdiin ''furmaata argachuun dura hakiimota meeqa awwaaluu qabna?'' jedhu.