Daa'ima haadhasaa badhaasa Oskaarii deebisi jedhamteetta jechuun gowwoomse

Saaraa Poolii

Madda suuraa, EPA

Maxxanfame

Qopheessituun filmii lammii Kaanaadaa Saaraa Poolii gowwomsaan ‘April Fools’ daa’ima ishee ganna 11’n irratti dalagamuu dubbatte.

Xalayaan gaafa Sambata qaqqabeen, ‘’ergaa kana yoo sitti himnu gaabbiidhaani. Badhaasni sii kenname dogoggoraani,’’ jedha ture.

Pooliin baatii darbe ture Badhaasa Akkaadaamii 95ffaa irratti barreeffama fiilmii filatamaa Women Talking jedhuuf Loos Anjeelistti kan badhaafamte.

Xalayaan kuni Tiwiitarii irratti kan bahe yoo tahu, Kaalifoorniyaatti akka deebistu gaafata.

Xalayichi badhaasi ishee torbee tokkoof akka bira turuu danda’uufi hammasitti ittiin gammaduu akka dandeessu eera

Haa tahu malee badhaasichi warra kennetti deebifamee ‘’mo’ataa isa sirriif kennamuu qaba,'' jedha.

‘’Argattee dhabuu keetti ni gaddina, garuu namni barreefama filmii isa filatama namni barreesse badhaasicha argachuu wayya,’’ jedha.

Kanaan dura hoggantoonni Oskaar dogoggora wal-fakkaataa dalaguu isaanii eeruunis qoosaa isaa dhugaa fakkeessuu yaaleera daa’imni kuni.

‘’Badhaasicha erguuf gatii akka hin baasneef teessoo koo akkaan kennuufi kallattiin akka ergamu na gaafata,’’ jetti Pooliin.

Tiwiitar irratti ergaan barreefamuufi, boodarra nan si hubadha jedha.

Pooliin nama 1990 moota keessa taatoo tahuun beekamtii argachuu jalqabde. Xalayaan barreefame kan Akkaadaamiichaa akka hin taaneefi daa’imasheen akka barreeffame baruuf yeroo itti hin fudhanne.

Garuu waan daa’imnishee raawwateen homaaa akka hin gammadneefi, guyyaa ‘April Fools’ jechaa waan hin taane raawwachuu daa’imaa dubbatti.

‘’Guyyaa kanaratti erguun keenyi qoosaa fi dogoggora fakkaachuu mala, garuu dhugaa tahuusaa mirkaneessuuf xalayaa biraa ni ergina,’’ jedha xalayichi.

‘’Si jeequu keenyaaf dhiifama gaafanna, kunis qoosaa tahuuf waan ulfaataa dha,’’ jedha.