Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Zeleniskiin gara Washingtan deemuun Yukireenis ta'ee US nagaa akka hin barbaanne agarsiisa- Raashiyaa
Pirezidaantin Yukireen Voloodmir Zeleniskiin daawwannaaf deemnaan US al-kallattiidhan na lolaa jirti jechuun Raashiyaan dheekkamte.
Pirezidaantin US Joo Baayidan deeggarsa meeshaa waraanaa doolaara biliyeena 1.45 akka kennamu yoo godhan dabalataanis misaa'el haleellaa ittisa qilleensarraa Raashiyaa irraa itti dhufu kan ittiin qolattus Yukireenif arjoomaniiru.
Zeleniskiin dubbii mana maree UStti taasiseen deeggarsa biyyi isaa argatteef US galateeffateera.
UStti ambasaaddarii Raashiyaa deeggarsi US taasiftu kun haala jiru kan hammeessufi balaa hamaa kan qabu ta'uu beeksise.
Anaatoli Antoonov miidiyaa Raashiyaatti akka dubbatetti misaa'ela farra haleellaa qilleensarraa Paatiroot jedhamu Yukireenif kennuun "waan baay'ee nama jeequdha" jedhe.
Voloodmir Zeleniskiin daawwannaa UStti taasise kana keessatti waa'ee nagaa buusuu homaa dubbachuu dhabuun isaa US waraana al-kallattii Raashiyaa irratti gaggeessaa jiraachuu ishee kunuu ragaa ta'uu dubbate odu himaan mootummaa Raashiyaa Dimitirii Peeskov.
Itti dabaluunis, misaa'ela Paatriyoot Yukireenif kennuun Raashiyaan waan kaayyeffatte "raawwaachuu irraa waanti ishee ittisu hin jiru" jedhe.
Zeleniskiin haasaa mana maree UStti taasiseen biyyi isaa Yukireen ammayyuu "jabduu fi qolataa akka jirtu" dubbate.
Deeggarsa waraanaa dolaara biliyeena 1.5 irratti dabalataanis deegarsa hatattamaaf kan ta'u dolaara biliyeena 45 Yukireenif kennuuf murtee mana maree US'f dhiyaatera.
Deeggarsi US "Yukireen walabummaa fi duudhaa ishee akka kabachiifattu" nu gargaara jedhe Zeleniskiin.
Waraanichi hanga fedhe yoo dheerateyyuu US deeggarsa ishee Yukireenif akka taasiftu Baayidan irra deddeebin dubbatan.
Zeleniskiin daawwannaa UStti taasise kanaaf Pooland irraa xayyaara Humna Qilleensa UStiin deeme.
Mana maree UStti argamuun haasaa taasiseen loltoonni Yukireen akkuma loltoonni US bara Waraana Addunyaa Lammaffaa gootummaadhan weerartoota Naazii lolaa turanitti amma Raashiyaa lolaa akka jiran dubbate.
"Akkaatan lola Raashiyaa baay'ee boodatti hafaadha. Waan argan hundumaa balleessuf fi gubuudha. Namoota yakka garaa garaa irratti hirmaatan gara adda waraanatti ergu. Waan argatan hundaan nu lolu..." jedhe Zeleniskiin.
Erga waraanni Yukireen kun eegalee as US hanga ammaatti deeggarsa namoomaa, faayinaansi fi waraanaa dolaara biliyeena 50 Yukireenif arjoomun biyyoota deeggarsa Yukireenif godhan dursaa jirti.
Zeleniskiin daawwannaa UStti taasise xumuree yeroo gara manaatti deebi'u Poolanditti goruun michuu isaa pirezidaantii Pooland kan ta'e Andirej Duda wajjin wal arganii mariyataniiru.