Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waaraanni Miyaanmaar rogeeyyii dimokiraasii afur du'aan adabe
Waraanni Miyaanmaar waggootaa dheeraa booda yeroo jalqabaatiif rogeeyyii dimokraasii afur du'aan adabe.
Miseensi mana maree duraanii Phyo Zeya Thaw, bareessaafi rogeeessi Ko Jimmy, Hla Myo Aung fi Aung Thua Zaw ''gocha shororkeessummaa raawwachuun'' himataman.
Adabbiin du'aa jalqaba baatii Waxabajjii keessaa himamee ture kunis dubbii ijoo idil-addunyaa ta'ee ture.
Murteen adabbii du'aa kunis fonqolcha mootummaa waraana biyyattiin bara 2021 keessa gaggeeffameen booda kan dhufeedha.
Gareen juntaa kunis motummaa paartii Liigii Biyyaaleessaa Dimokiraasiifi (NLF) karaa dimokraasitiin filatamuun Aung San Suu Kyiin hogganamaa ture Guraandhala keessa aangooraa buusee.
Gochaan kunis biyyattii guutuutti mormii cimaa kan kaase yoo ta'u booda garuu qabbanaa'eera.
Motummaa Tokkummaa Biyyaaleessaa (NUG) Miyaanmaaris ajjeechaa kana balaaleeffateera. ''baayyee naasiisaa fi gaddiisiisaadha'' jedheera.
NUGn bulchiinsa namoota warra dimokiraasii leellisan, gareewwan hidhattota sabaa irra bakka bu'an fi miseensoota NLD irraa babbahan kan hammatedha.
Akkasumas hawaasni addunyaa ''gochaa ajjechaa fi gara jabiina juntaan waaraanaa'' raawwate kanaaf akka adabamuuf waamicha taasisan.
Maddi oduu motummaa, Global News Light of Myanmar, namoonni arfan kunneenis sababii ''gochaawwan shororkeessummaa gara jabinaaf qajeelfama kennan, haala mijeessanii fi keessatti hiramaataniif ajjeefaman jedheera.
Itti dabaluunis jarreen amma ajjeefaman kunneen Seera Farra Shororkeessummaa jalatti himataman garuu ammoo yoomiifi eessatti akka ajjeefaman homaa hin jenne.
Namoota kannee irratti murteen du'aa kun kan murtaa'ee dhaddacha cufaa Amajjii darbee taa'ameen yoo ta'u dhaabbilee mirga namoomaaf morman, haqa qabeessaa fi iftoomaa hin qabu jechuun balaalleefatanii ture.
Miseensoonni maatii namoota du'aan adabaman kanneenis Wiixata barii aanga'oota mana hidhaa attamiin akka ajjeechaan kun raawwate gaafachuuf gara mana sirreessaa Yangon Insein imaluu BBC Barmaan maddeen eeruun gabaaseera.
Namoota ajjeeffaman keessaa haadha warraa isa tokkoo kan taatee Thazin Nyunt Aung abbaan warraa ishee ajjeefamu Rooyitarsi irraa dhagahu dubbatte.
Namoota du'aan adabaman kenneen keessaayis, Phyo Zeya Thaw, gaheessa umuriin waggaa 41 yoo ta'u, miseensa mana maree NLD duraanii fi michuu duree biyyattii duraa kan Suu Kyi ture jedhama.