Lammiin Eertiraa yaaliif guyyaatti doolaarri 500,000 buufameef du'aan boqate

Maxxanfame

Lammiin Eertiraa kaanserii dhiigaan qabamee akka biyya alaatti yaalamuuf dhalattootni Eertiraa ala jiraatan gara doolaara 500,000 walitti qabaniif du’aan boqate.

Amajjii darbe keessa dhalattootni Eertiraa biyya alaa jiran karaa GoFundMe doolaara Kanaadaa 700,000 guyyaa tokkotti walitti qabaniif.

Namni kun Yoonaas Tsaggaayee jedhama. Yoonaas malaqa kanaan gara Turki [Turkiyyee] Istaanbul deemuun yaalamaa ture.

Arjummaan hammi kun lubbuu isaa oolchuuf tahus guyyoota muraasa dura boqachuu maddeen BBC Tigirinyaatti himaniiru.

Maddeen maatii isaatti dhiyoo tahan akka himanitti sirni awwaalchaa isaa guyyoota itti aanan muraasa keessatti gaggeeffama.

Yeroo deeggarsi karaa GoFundMe walitti qabamaafii ture sana Yoonaasii fi maatiin isaa bakka jireenya isaanii ganda baadiyaa Kibba magaalaa Asmaraa jirtu irraa haala keessa turan dubbatanii ture.

Viidiyoo waraabame keessatti dhukkubbii hamaa keessa jiraachuu hime. Haati warraa isaa ijoollee xixiqaa jahaan marfamtee erga dhukkubsatee wagga darbuu himte.

Qondaalonni akka inni biyya alaa deeemee yaalamuu qabu itti himanii ture. Garuu maallaqa baasii kana ittiin cufatu hin qabu ture.

Guyyaa tokko tokko ijoolleen isaa mana barumsaa hafanii maatii gargaaru ture.

Karaa miidiyaa You Tube Eertiraa keessatti argamuu He`npas jedhamuu maatiin isaa deegarsa akka barbaadan himanii dhalattootni Eertiraa ala jiraatanis arjummaa isaanii guyyaa tokkotti agarsiisan.

Yoonaas dhibee kaanserii ‘Hodgkin Lymphoma’ jedhamuun ture kan qabame. Tajaajilli Fayyaa Biyyaalessaa UK [NHS] dhibee kaanserii kana ‘’kan hin baratamne’’ jechuun ibsa.

Yeroo baay’ee keemooteeraappiidhaan qofa yaalama, ykn keemooteeraappiitti aansuun raadiyoterapii yaalii jedhamutu kennamaaf.

Kaanseriin dhibee balaafamaa adunyaa irratti lubbuu kumaatamootaa galaafataa jirudha.