UK'n sagantaa daldalaa haaraa Itoophiyaa dabalatee biyyoota 65 fayyadu ifa goote

Yunaayitiid Kiingidam sagantaa daldalaa haaraa Itoophiyaa dabalatee biyyoota guuddachaa jiran 65 fayyadamtoota taasisu ifa goote.
Waggoota muraasa dura Gamtaa Awurooppaa keessaa kan baate UK'n, sagantaan daldalaa haaraa baastee biyyoota fayyadamtoota ta'aniif qajeelfama daldalaa salphaa uumurra darbee gibiras ni salphisa jedhameera.
Akka sagantaa kanaatti biyyoonni gabaa UK irraa fayyadamtoota ta'an 65 walumatti waggaattii omishaaleen gabaa UK'f dhiyeessan galii paawundii biiliyoona 20 argamsiisaaf jedhameera.
Sagantaan kun Developing Countries Trading Scheme (DCTS) jedhamuun kan beekamu yoggaa ta'u, Waxabajjii 19 hojiitti hiikamuu eegaleera. Fayyadamtoonni sagantaa kanaa biyyoota walumatti uummata biiliyoona sadii qaban yeroo ta'an, gosa omishaa UK'tti ergan akka dabalan hiree uuma, baayyina omisha erganiis akka dabalan ni gargaara.
Ministirri Daldala Idila Addunyaa UK Nigel Huddleston sagantaa haaraa mootummaa isaanii kan ifa taasisan magaalaa Finfinnee keessatti. Sagantaa kana irraa fayyadamtoota ta'uuf ulaagaa kan guutan keessaa walakkaa ol biyyoota Afrikaati.
UK'n sagantaan kun addunyaa irratti isa salphaafi arjummaan guute jechuun leellisteetti. Sagantaa kanaan biyyoonni guddinarra jiran, meeshaa waraanaan alatti omsihaalee isaanii mara gibira irraa bilisa gabaa UK'tti dhiyeeffachuu danda'u.
Sagantaan kun gatii omishaalee hedduu kan gad xiqqeessu taarifa meeshaalee biyyattii seenan irra kaahamaa ture paawundii biiliyoona 9 dhiisuun akka ta'e ministirri daldala idila addunyaa UK himaniiru. Kuniis waggaatti maallaqa daldaltoota UK paawundii miiliyoona 770 qusachuu dandeessisa.
Brexit duuba sagantaa daldalaa haaraa kan ta'e sagantaan har'a ifa godhame kun daldaltoonni UK sadarkaa idila addunyaatti daldaluu akka danda'aniifi diinagdee biyyattii akka guddisanis hiree uumuufis kaayyefateera.
Sagantaan haaraan UK kun kan ifa godhame Itoophiyaa dabalatee biyyootni Afrikaa muraasni sagantaa walfakkaataa US biyyoota Afrikaaf mijeessite(AGOA) keessaa sababa ulagaa kaahame sarbitan jedhuun yeroof keessaa baafamanii rakkoo argaa jiranittiidha.
Waraana Kaaba Itoophiyaan walqabatee sarbama mirga namoomaa qaqqabeen mootummaan Ameerikaa carraa kana keessaa Itoophiyaa erga baastee waggaa tokkoo ol ta'eera.
UK'n sagantaa haaraa kana karaa ministira daldala idila addunyaa ishee Nigel Huddleston kan Finfinneetti daawwannaa gochaa jiraniin ibsame. Qondaalli kun Paarkii indaastirii Itoophiyaa keessatti isa guddicha jedhame Boolee Lammii wayita daawwatanitti saganticha ifa godhan.
UK waliin waggaatti daldala paawundii miiliyoona 838 kan raawwattu Itoophiyaan, omishaalee gara UK ergituuf taariifa kamuu hin kaffaltu.












