Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dubartiin abbaan warraa ishee dubartii biraa akka gudeeduufi reebu goote hidhaa buute
Dubartiin abbaan warraa ishee shamarree gara biraa waggoota sadiif akka gudeeduufi reebu taasifte hidhaan itti murtaa'e.
Dubartiin lammii Jarmanii garee bulchiinsa Islaamaa (IS)'tti makamtee turte tokko yekka dubartii amantaa Yaazidi (kurdish) irraa taatee garboomsuu dabalatee, hidhaan waggaa sagalii itti murtaa'eera.
Himatamtuun tun yakka namoomaa raawwatteefi dhaabbata shororkeessaa biyya biraa keessatti miseensa ta'un balleessaan irratti argamuun itti murtaa'e.
Manni murtii Magaalaa Baha Kobleenzii akka jedheetti, dubartiin umuriin ishee waggaa 37 taatee tunis wayita Siriyaafi Iraaqi keessa jiraataa turaniitti shamarree warra Yaazidii irraa taate dararaa turte.
Gochaawwan isheen shamarree miidhamtuu jedhamte irratti raawwatte keessaa tokko, abbaan warraa ishee akka gudeeduufi akka reebu taasisaa turte jedhameera.
''Gochaan kun hundis kaayyoo IS ifatti labsee, amantii Yaazidi balleessuu jedhu tajaajiltuu,'' jedha abbootiin alangaa jalqaba dhaddacha kanaa irratti Amajjii darbe.
Bara 2014 keessa ture hidhattoonni IS ollaa hordoftoonni amantaa Yaazidii kan lakkoofsaan xiqqaa ta'an kaaba Iraaqiitti keessa jiraatan, bulchiinsa Sinjaar irratti haleellaa kan raawwatan. Gochaa kanas UN duula duguggaa sanyii jedhee ture.
Dhiiroonni fi ijoolleen dhiiraa umuriinsaanii waggaa 12 ol ta'an hundi guyyaa murtaa'ee keessatti amantaasaanii jijjirachuu ykn du'u akka filatan taasifamuun ajjeefamaniiru.
Dubartoonni fi shamarran gara 7,000 ta'an ammoo garbummaafi miidhaa gara jabinaa gara biraatiif saaxilaman.
Isaan keessaa dubartiin maqaan ishee Naadinee fi abbaan warraa ishee wayita magaala kaaba Iraaqi, Moosuul turaniitti shamarree miseensa hawaasaa kanaa bara 2016 irraa kaasanii garboomfataa turan jedhan abbaan alangaa.
Isaaniis jalqaba IS'tti makamuudhaaf gara Siriyaa imaluun booda ammoo, shamarree yeroo sanatti umuriin ishee jalaba 20 keessa ta'e qabatanii deebi'an.
Bitootessa 2019 keessa himatamtuu Naadine K fi maatiin ishee humnoota Kurdishiin Sooriyaa keessatti to'ataman. Erga gara Jarmaniitti dabarfamteen booda ammoo bara darbe to'atamte.
Wayita dhaddacha irratti dhiyaataa turteettis dubartii Yaazidii dararuu kan haalte yoo ta'u, garuu ammoo isa caalaa irraan gahuu akka qabdu dubbatte.
Miidhamtuun bara 2019'tti bilisa baafamtes, dhaddacha himatamtu irratti Guraandhala keessa dhiyaattee ragaa baatee turte.
Abookaaton ishees maamilli ishee kanneen yakka wal fakkaataa raawwatan hundi seeratti dhiyaachuu qabu jechuu APn gabaaseera.
Wayita ammaa kanattis dhaddachi himannaawwan miseensota IS duraanii kanneen miseensota irratti ajjeechaa fi dararaa raawwachuun himatamanii ilaalaa jiru hedduutu taa'amaa jira.
Onkololeessa keessas dubartiin abbaa warraa ishee waliin shamarree Yaazidii akka garbaatti bitatanii turte ajjeessun hidhaan waggaa 10 itti murtaa'eera.
Baatiin booda, Manni murtii murtee idil-addunyaa yakka duguuggaa ummata Yaazidii IS'n raawwatame labsee ture.