Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Basaasaan Kanaadaa Shamiimaa Begum Sooriyaa deemtee IS'tti akka makamtuuf gargaareera jedhame
Lamummaa Yunaayitid Kingdam (UK) kan qabdu Shamiimaa Begum magaalaa Landan irraa gara Sooriyaa deemuun Islaamiik Isteetitti (IS) makamuu kan dandeesse qondaala basaasaa mootummaatiin jedhame.
Shamiimaa Begum shamarree umuriin ishee waggaa 15 yeroo jirutti ture ijoollee durbaa biroo lama waliin bara 2015 Landan irraa ka'anii IStti makamuudhaaf gara Sooriyaatti kan qajeelan.
Ragaa BBCn argaterratti, basaasaan mootumma Kanaadaatiif odeeffannoo walitti qabu tokko, qabiyyee paaspoortii Shamiimaa Begum mootummaa Kaanaadaatiif qooduu isaatiifi dargaggoota biroo lammummaa Ingiliiz qaban ISf akka waraananiif Sooriyaatti akka imalan gochuu ibseera.
Mootummaan UK ammoo lammummaa haqeera.
Abokaatonni Shamiimaa ammoo warra namoota seeraan ala daddabarsanitu ishee goyyoomsee waan ta'eef lammummaa ishee dhabuu hin qabdu jechuun falmu.
Dubartoonni sadan umuriin isaanii waggaa 15-16 gidduu jiru kun Landan irraa ka'anii erga Turk, Istaabul qaqqabanii booda, namni Mohaammad Al Rashiid jedhamu isaan simateera.
Namni kun akka isaan gara Sooriyaa kutaa to'annoo IS jala jiru deemanii itti makamaniif haala mijeesseeraaf.
Hojjetaa nageenyaa humna waloo mootummaa IS waraanu namni ta'e BBCf akka mirkaneessetti, shamarran sadan akka gara Sooriyaa deemaniif namni isaan gargaare yeroodhuma wal fakkaatutti mootummaa Kanaadaatiif odeeffannoo ni kenna ture.
Akka BBCn odeeffannoo nageenyaa Mohaammad Al Rashiid irraa, akkasumas kuusaa odeeffannoo (hard disc) Rashiid irraa argateen akkamitti akka hojjetaa ture baruu danda'eera.
Shamarran sadan erga Sooriyaatti dabarseen booda guyyaa sadaffaatti to'annoo jala kan oolfame Mohaammad Al Rashiid, poolisii Turrkiitti odeeffannoo paaspoortii Shamiimaa Begun Imbaasii Kanaadaa Jordaan jiruuf kennuu isaa dubbateera.
Yeroo poolisiin UK shamarree badde kana barbaadaa turetti mootummaan Kanaadaa garuu eessa akka isheen jirtu akka beeku odeeffannoon Rashiid irraa argame ni mul'isa.
Rashiid osoo Shamiimaa Beguniin gara Sooriyaatti hin ergiin dura, ji'oota saddet Turk keessa taa'ee dargaggoota lammuma Ingiliiz qaban akka IStti makamaniif haala mijeessaafiif ture jedhameera.
Shamiimaa Begum yaada kanaan dura BBCf kenniteerratti, warra namoota daddabarsaniin ala Sooriyaatti ce'uun hin danda'amu jettee turte.
"Namoonni hedduun akka galaniif gargaareera.... wanta inni nuun jedha mara gochaa turre. Sababiin isaa ammoo inni waan hunumaa beeka; nuti ammoo waan tokko hin beeknu," jettee ture Shamiimaan.
Rashiid lammummaa warra lixaa qabaatanii warra ISf lolan; teessoo manneen interneetii to'annoo IS jala jiraniifi loltoota IS waliin haasaa taasisan galmeessaa tureera.
Rashiid namoota gara Sooriyaatti kan daddabarsu Imbaasii Kanaadaa Jordaan jiruuf akka dhiyeessuutidha.
Rashiid akka jedhutti, bara 2013 gara Imbaasii Kanaadaa Jordaan jiru deemuun kolu-galtummaa gaafachuu isaa dubbateera.
"Yoo waa'ee sochii IS ragaa sassaabde lamummaa Kanaadaa siif kennina naan jedhanii ture," jedhe.
BBCn Rashiin bara 2013-2015 keessa si'a hedduu gara Jordaanitti deddeebiyuu isaa mirkaneeffateera.
Shamiimaa Begun bara 2019 lammummaan UK irraa fudhatamee buufata namoota keessa tursiisan Kaba-Bahaa Sooriyaa keessa jiru tokko keessatti hidhaarra turte.
Dhimma kana ilaalchisuun waajiraaleen nageenyaa Kanaadaa fi UK odeeffannoo dhimmoota nageenyaa ilaallatu kennuu akka hin dandeenye himan.